Beeksisa Fnn

Published July 30, 2026, 3:37 p.m. by FNN Staff

21



Barri amma keessa jiraannu bara odeeffannoo fi dijitaalaati. Dhugaan saffisaan yoo wal ga'e, haqni uummataa ni kabajama.

 

Ati bakka kamiyyuu yoo jiraattellee, taatee naannoo keetti raawwatamu FNN dhaqqabsiisuu dandeessa. 

Odeeffannoo barreeffamaa, suuraa, viidiyoo, sagalee fi eeruu kamiyyuu karaa WhatsApp fi Telegram nuuf ergaa.

 

Kutaan Odeeffannoo Sassaabuu FNN sa'aatii digdamii afur guutuu hojii irra jira. Odeeffannoo isin ergitan sirriitti simata, qindeessa; gaazexeessitoonni keenya immoo ragaa isaa mirkaneessanii, odeeffannoo dabalataa walitti qabuun qopheessanii gara uummata miliyoonotaatti tamsaasu.

 

FNN odeeffannoo sobaa hin tamsaasu. Dhugaa, haqaa fi odeeffannoo mirkanaa'e qofaaf iddoo kenna. Kanaafuu amantaa uummataa horatee, sagalee hawaasaa ta'ee tajaajilaa jira.

 

Sagaleen kee jijjiirama fida. Odeeffannoon kee haqni akka ifatti ba'u gargaara.

WhatsApp:+1 (859) 612-7064

Telegram: +1 (859) 612-7064

https://facebook.com/FNN1020

Facebook:ttps://fnnmedia.org/blog/

https://www.youtube.com/@Finfinne

FNN – Sagalee Dhugaa, Sagalee Ummataa. Otoo FNN jiruu, haqni uummataa hin dhokatu!


Similar posts:

Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa Mana Hidhaa Hin Beekkamneetti Fudhatamuu isaanii Gabaafame.

ABUT humnoota bulchiinsa Muummee Ministiraa Abiy morman waliin tumsa uumuun murteessaa ta’uu ibse

Yaa'ii #Dhaddacha #Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhimma “#Gabbaraafi #Godaansa seeraan alaa” dabalateemurtiiwwan gurguddoon jaha lallabaman

Kaayyoo fi Akeekni Hiriira Boru PP waamtee maali?