ABUT humnoota bulchiinsa Muummee Ministiraa Abiy morman waliin tumsa uumuun murteessaa ta’uu ibse

Published July 22, 2026, 2:29 p.m. by FNN Staff

75



ODUU Addi Bilisabaasaa Ummata Tigraayi (ABUT) humnoota bulchiinsa Muummicha Ministiraa Abiy Ahimad morman waliin tumsa uumuuf deeggarsa isaa irra deebi’ee ibse. Paartiin kun tumsi akkanaan diina waliinii fuula dura dhaabbachuuf barbaachisaa ta’uu eere.

 

Ibsa torban kana gaafa Kibxataa baase keessatti, mariileen uummataa Tigraay keessatti mata duree “Badiinsa Biyyaalessaa Irra Deebinee Hin eeyyamnu!” jedhuun gaggeeffameen waliigaltee tokko irra ga’uun, mootummaa federaalaa irraa sodaa wal fakkaataa humnoota biroo qaban waliin hojjechuufi murteessuu beeksise.

 

Ibsi kun, “Uummanni keenya sirna dugugaa sanyii kana jalatti humnoota balaa wal fakkaataa keessa jiran waliin mootummaa kana dura dhaabbachuuf tumsa uumuun guutummaatti ni deeggara” jedha.

 

Haa ta’u malee, TPLF gareewwan waliin hojjechuuf jedhu eenyu akka ta’an ykn tumsi sun maal akka fakkaatu ifa hin taasifne.

 

Guyyoota darban keessatti hoggantoonni olaanoo TPLF magaaloota adda addaa Tigraay keessatti uummata waliin mari’achaa turan. Marii kanaanis nageenya naannichaa irratti soda guddaa jiraachuu himuun uummanni qophii isaa akka cimsu waamicha dhiyeessaniiru.

 

Ibsa isaa keessatti TPLF mootummaa Abiy Ahimad rakkoolee siyaasaa karaa nagaan hiikuuf fedhii dhabee humnaan furmaata barbaadaa jira jechuun himate.

 

 Akkasumas mootummaa federaalaa uummata Tigraay balleessuuf hojii hojjechaa jira jechuun “sirna dugugaa sanyii ” raawwachuufi jedhee. Mootummaan Itoophiyaa garuu himata kana yeroo hunda mormaa turera.

 

Marii uummanni keessatti hirmaatu nageenya yeroo dheeraa Tigraay mirkaneessuuf humna waraanaa cimsuun, loltoota dabalataafi deeggarsa loojistikii kennuun barbaachisaa ta’uu irratti waliigaluu isaanii TPLF ibse. Kana malees uummataafi humna waraanaa gidduutti tokkummaa akka cimu waamicha dhiyeesse.

 

Ibsi kun namoota “saamtotaafi basaastota” jedhee waame balaaleffachuun, mootummaa federaalaa waliin hojjechaa jiru jechuun namoota maqaan isaanii hin eeramne himate. Namoonni dogoggoraan mootummaa waliin hiriiran gara qabsoo murteessaa jedhameetti akka deebi’anis waamicha dhiyeesse.

 

Kunis yeroo dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el gareewwan siyaasaafi hidhatan mootummaa federaalaa morman waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu irra deddeebi’ee ibsaa ture booda kan dhufedha. TPLF yeroo ammaa tumsa Tigraay alaa bal’isu irratti xiyyeeffannoo guddaa kennaa jira.

 

Kunis guyyaa tokko dura Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (EPRP) mootummaa federaalaa tooftaa hin barbaachifne hordofaa jira jechuun mootummaa akeekkachiisee ture booda kan dhufedha. Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa mootummaan waliigaltee Piriitooriyaa (CoHA) bara 2022 mallatteeffame guutummaatti akka hojiirra oolchu, humnoonni mootummaa federaalaa hin taane Tigraay keessaa akka bahan, namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara mana isaanii akka deebi’anfi sirni mootummaa heera mootummaa irratti hundaa’e akka deebi’u gaafate.

 

Kana malees EPRPn TPLF waliigaltee nageenyaa miidhu danda’u irraa akka of qusatu, rakkooleen siyaasaa mariidhaan malee waraanaan furamuu akka hin qabne jechuun waamicha dhiyeesse.

 

Dhimmi “Tsimdo” jedhamus yeroo ammaa falmii siyaasaa cimaa ta’ee itti fufee jira. Jechi kun mootummaa Eritiraa fi garee TPLF gidduutti tumsi siyaasaafi waraanaa jira jedhu agarsiisa.

 

Mootummaan Itoophiyaafi mootummaa naannolee muraasni tumsi sun lola haaraa Itoophiyaa irratti jalqabuuf qophaa’aa jira jechuun himatu. Kana bu’uureffachuun qophiin waraanaafi hojii dipilomaasii cimeera jedhu.

 

Garuu mootummaa Eritiraafi gareen TPLF himata kana guutummaatti mormuun lola haaraafi qopha’aa jiraachuu himata dhiyaate haalaniiru.

 

Humni Ittisa Biyyaa (ENDF) dhimma kana irratti hawaasa dipilomaasii idil-addunyaaf ibsa kennee, tumsi himame nageenya biyyaaf sodaachisaa ta’uu ibseera. Hoggantoonni mootummaa Itoophiyaas mootummaa biyyattii ol’aantummaafi nageenya eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e kamiyyuu fudhachuuf qophaa’aa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

 

Hanga ammaatti mootummaan federaalaa ibsa haaraa TPLF kanaaf deebii ifaati hin kennine


Similar posts:

Yaa'ii #Dhaddacha #Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhimma “#Gabbaraafi #Godaansa seeraan alaa” dabalateemurtiiwwan gurguddoon jaha lallabaman

Kaayyoo fi Akeekni Hiriira Boru PP waamtee maali?

Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa Hidhaa Manaa Jala Jiraachuu Maatiin Isaanii Dubbatan.

Waltajjii Marii Biyyoolessaarratti karoorri Oromiyaa fiiguuf deemaa jiru akka hubatan hirmaattonni dubbatan.