ODUU TORBAN KANAA.
Published June 24, 2026, 2:09 p.m. by FNN Staff
Kaaba Shaggar Godina Salaale Ganda Dubbannatti waraanni mootummaa mana jireenya Uummata nagaa abiddaan gubuun dhaga'ame.
FNN. Waxabajjii 23/2026. Salaalee Aanaa Kuyyuu Ganda Dubbannaa Agalootti Waraanni Mootummaa PP mana jireenyaa Uummata gandicha sababa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun abiddaan gubuun dhaga'ame.
Akka maddeen godinichaa ifoomsanitti maqaa qabataa ijoollee keessantu WBO keessa jira jedhuun mana jireenya namoota nagaa lakoofsan 11 ta'anii irratti gubuun, namoonni kunneen yeroo ammaa kana rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni maddeen keenyatti himanii jiru.
Haaluma kanaan maqaan namoota Manneen irratti gubatee:
1ffaa. Obbo Girmaa Leenjisoo mana qorqoorroo 2 fi Citaa 1, Meeshaa mana keessaa guutuu waliin.
2ffaa. Obbo Dabalee Damissee mana citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin.
3ffaa. Obbo Tolasaa Dabalee mana Qorqoorroo 1 fi citaa 2 meeshaa manaa guutuu waliin.
4ffaa. Obbo Ijaaraa Addunyaa mana qorqoorroo 1 fi citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin.
5ffaa. Obbo Badhaasaa Nuuree mana citaa 1 meeshaa mana keessaa guutuu waliin.
6ffaa. Obbo Dhugaasaa Waaqtolaa mana qorqoorroo 1 meeshaa mana keessaa guutuu waliin.
7ffaa. Aadde Abarruu Gammachuu mana qorqoorroo tokko meeshaa mana keessaa guutuu waliin.
8ffaa. Obbo Yaazoo Tafarii mana qorqoorroo 1 meeshaa mana keessaa guutu waliin.
9ffaa. Obbo Dachaasaa Tilinti mana qorqoorroo 1 fi Citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin waraanni mootummaa Kun abiddaan barbadeessuun baramee jira.
Kana malees namoota nagaa Obbo Taaddasaa Barii fi Aadde Tolashii Taaddasaa kanneen jedhaman fuudhanii deemuun badii tokko malee maqaa qabata WBO waliin qabdu jedhuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuun baramee jira.
Gochoonni sukkaneessan Kun Uummata nagaarratti raawwatamaa kan jiruu fi guutuu Oromiyaatti uummanni nagaa maqaa qabata WBO waliin qabdu jedhuun mana hidhaatti guuramanii dararamaa kan jiran ta'uus jiraattonni godinaalee Oromiyaa maddeen keenyatti himanii jiru.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Hiiyumaan Raayiit woochi “Tigiraay labsii tajaajila waraana dirqisiisuu haquu qaba; mirga namoomaa balaaf saaxila” jechuunis akeekkachiise
dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu (Human Rights Watch) seeraa haaraa Tigraay kan "dhalatan Tigraay umriin waraanaf gahe kamiyyuu hirmaannaa taassisu qaba" jedhu irratti yaaddoo qabaachu ibsuun; labsiin kun hatattamaan haqamuu akka qabus waamicha dhiyeessera.
Dabalataanis, HRW' aangawoonni mootummaa naannoo #Tigray labsii tajaajila waraanaa dirqisiisuu fi mormitoota irratti tarkaanfii fudhachuuf aangoo bal’aa kennu of keessaa qabu akka haqanis gaafateera.
Dhaabbatichi ibsa har’a baaseen, labsiin mootummaa naannichaa baase kun mirga namoomaa lammiilee irratti dhiibbaa cimaa geessisuu akka danda’u yaaddoo qabu ibsuun, uummanni Tigraay ammallee bu’aa waraana waggoota lamaan darbanii irraa guutummaatti hin dandamanne; haala akkasii keessatti namoota nagaa dirqiin gara tajaajila waraanaatti galchuun rakkoo dabalataa uumuu danda’a jedheera.
Itti aantuun Daarektara Afrikaa Human Rights Watch, Laayetitia Bader, “Aangawoonni Tigraay walitti bu’iinsa siyaasaa jiruuf deebii kennuuf namoota nagaa dirqiin waraana keessa galchuu fi namoota morman adabuu hin qaban” jechuun ibsiteetti.
Akka ibsa Hiiyumaan Raayiit woochitti, labsiin haaraan kun jechoota ifa hin taane fi hiikni isaanii bal’aa ta’e of keessaa qabaachuun miidhaa mirgoota namoomaaf saaxiluu danda’a. Dabalataanis, yakkoonni adda addaaf adabbii cimaa, keessaa hidhaa fi adabbii du’aa dabalatee tumamuu isaa dhaabbatichi qeeqeera.
Waraanni bara 2020 hanga 2022tti mootummaa federaalaa Itoophiyaa, humnoota michuu isaanii fi humnoota Tigraay gidduutti taasifame waliigaltee nagaa Piriitooriyaa booda dhaabbatus, rakkooleen siyaasaa fi nageenyaa,naannichatti ammallee itti fufanii jiraachuun nii beekama.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Qorannoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Tarkaanfiin Israa’el Daaimman Paalestaayin Gaazaa Irratti Fudhatte gocha Duguuggaa Sanyii, Yakka farra Namummaa Irratti Raawwatamefi Yakka Waraanaati jechuun ibse
Komishiniin Qorannoo Waloo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan Naannoo daangaa Paaleystaayin Jerusaalem Bahaa dabalatee humnoota nageenyaa Israa’el daa’imman Paaleystaayin Gaazaa keessatti kallattiidhaan akka irratti xiyyeeffachuun ajjeesuun himateera. Komishinichi gochoota kuni yakka duguugaa sanyii, yakka farra namummaa irratti raawwatamu,fi yakka waraanaa ta’uu mirkaneesseera. Akkasumas Weesti Baankii (West Bank) keessatti yakki waraanaa raawwatamuu isaas ragaa walitti qabu himeera.
Gabaasa Waxabajji 23 ba’e keessatti, komishinichi daa’imman Paalaystin haleellaa waraana Israa’el Gaazaa keessatti geggeeffameen “kallattiidhaan xiyyeeffatamanii ajjeefamaa turan” jedheera, akkasumas tarsiimoo waraanaa kana keessatti, yeroo waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Fulbaana 2025 keessatti hojiirra ooleen boodas itti fufuu isaa ibseera. Barreessaa komishinichaa Srinivasan Muralidhar akka jedhetti ragaan jiru “daa’imman Paalestaayin humnoota nageenyaa Isra’aeliin kallattiidhaan xiyyeeffatamanii ajjeefamaa turan” kan agarsiisu yoo ta’u, kunis gochi daaimman irratti xiyyeeffachuun duguuggaa sanyii raawwachuuf kaayyoo qabaachuu isaanii ragaa agarsiisu isaa guddaa dha jedhan.
Akka gabaasni kun mul'isutti, Onkololeessa 2023 fi Onkololeessa 2025 gidduutti namoota Gaazaa keessatti ajjeefaman keessaa dhibbeentaa 30 daaimman yoo ta’an, yoo xiqqaate daaimman 20,179 ta'an ajjeefamuun isaanii fi kumi dhibbaan lakkāaman ammoo madaa’uun gabaafameera. Koreen kun akka jedhetti, sochiin waraana Israa’el, iddoo qubannaa irraa uummata buqqisuun, manneen barnootaafi bakka baqattootaa irratti haleellaa raawwachuun, akkasumas gargaarsa namoomaa, nyaataa i qoricha fayyaa danquu, misoomaafi dhibee xiinsammuu (saayikoloojii) daaimmanii irratti miidhaa guddaafi yeroo dheeraa uumeeras jedhe.
Qorannoon kun dabalataan akka ibsetti, bu'uraalee deeggarsa fayyaa fi bakka da'umsaa irratti haleellaan raawwatame jireenya daaimman reefu dhalatanii balaafi kan saaxilee ta’u ibseera. Kanaafi dhalootni akkasumas daaimman Gaazaa keessa jiran harki caaluu deeggarsa xiinsammuu kan barbaadan ta'uun gabaafameera.
Naannoo to’annoo Wiisti Baanki jala jiru bahaa Jerusaalem Bahaa dabalatee, koreen kun qubattoota Israa’eliin daaimman Paalestaayin irratti jeequmsi raawwachuun isaanii haalaan dabaluu isaa ragaa qabachuu ibseera. akkasumas yeroo qabamani fi hidhamanitti gochi gara-jabummaa dabalatee jeequmsi saalaa fi koorniyaa irratti hundaa'e raawwatamuu isaa ragaa dhiyeesseera. Daa’imman Paalastaayin, keessumattuu ijoolleen dhiiraa, gocha miidhaa ulfaata akka reebicha, uffata irraa baasuufi nyaata dhowwachuun dararamu ibseera.
Akka gabaasa Rooyitersiitti, Israa’el bu'aa qorannoo kanaa kan kuffiste yoo ta’u, gabaasicha "maqa-balleessiifi soba madaallii hin qabne" jettee ibsite. Ergamaan Israa’el kan Jeneevaa jiran akka jedhanitti, qorannoon kun " “tarsiimoo hamaa Hamas” ilaalu dhabuu isaa himate, akkasumas Israa’el duula waraana keessatti daaimman eegumsa gochaafi akka turte dubbataniiru.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Ministeerri Ittisaa US maallaqa waraana Iraan irratti baase bakka buusuuf doolaara biiliyoona 80 gaafate.
Ministeerri Maallaqaa US maallaqa waraana Iraaniif jecha baase bakka buusuuf doolaara biiliyoona 80 akka isa barbaachisu mana maree biyyattiif dhiheesse.
Waajjirri Pireezidaantii US gaaffiin maallaqaa kun ammallee ifatti kan hin dhihaanne ta'uu ibsus, Ministirri ittisaa Piit Heegset garuu guyyoota darban gara nana maree deemuun bakka bu'oota uummataa waliin walarguun dhimma kanarratti dubbataa turuu ibse.
Asoosheetid Pirees (AP) maddeen dhimma kanatti dhihoo jiran garuu ibsuuf aangoo hin qabne irraa odeeffachuun akka gabaasetti, waraana Iraan ilaalchisee gaaffiin bajataa mana mareef kan dhihaate torbee darbe ture.
Minitsir Ittisaa Itti Aanaa US kan ta'e Istiifan Fayinbarg gamasaan dhimma bajataa kanarratti miseensota mana maree hedduu waliin dubbachuu ibse.
Dabalataan gaaffiin bajata kanaa bal'inaan waajjira bulchiinsaa fi maallaqaa mana marechaaf dhihaachuu ibse.
Waajjirri ministeera ittisaa Pentaagan jedhamuun beekamu garuu dhimma kanarratti gaafatamee yaada hin kennine.
Gaaffiin bajataa dhihaate kun miseensota mana maree Pireezidaant Tiraampi Iraan waliin waraanatti seenuu hin deeggarre irraa mormii kaasa jedhamee eegama.
Miseensonni Ameerikaan waraana Iraan seenuu morman qaala'iinsa jireenyaa lammiilee Ameerikaa mudate akka daafoo waraana kanaatti kaasu.
Caamsaa darbe waltajjii gaaffii fi deebii mana marichaatti qophaa'e irratti ''waraana uummanni hedduun mormerratti maallaqa lammiilee Ameerikaa dhangalaasaa jirtu,'' jechuun Piit Heegsetittitti dubbatte paartii dimokiraat irraa kan taate miseensi mana marichaa Paatii Maarii.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Gatiin boba'aa gabaa addunyaa irratti gadi bu'uu isaa fi ulaan galaanaa Hormuz keessatti seenaa keessatti rikkardiin dabarsa boba'aa haaraan galmaahuu isaa ibsame.
Ulaan galaanaa Hormuz keessa guyyaa tokko qofa keessatti boba'aa dheedhii miliyoona 19 ol dabarsuun rikkardii seenaa qabeessa ta'e galmeessisuu isaa Pireezdaant Doonaald Tiraamp beeksisaniiru. Dhiyeessiin olaanaan kun gabaa qaqqabuu isaatiin hordofee, gatiin boba'aa gabaa idil-addunyaa irratti gadi bu'uu jalqabeera.
Dhaabbanni geejjiba boba'aa kun sodaa nageenyaa tokko malee nagaan raawwatamuun isaa, tasgabbii diinagdee addunyaa fi toora dhiyeessii boba'aa saffisiisuuf gumaacha jabaa akka qabu ogeeyyotni ibsaa jiru.
Yeroo ammaa gabaa addunyaa irratti boba'aan Brent Crude baarmiliin tokko doolaara 77.80 hanga 78.15, akkasumas WTI Crude immoo doolaara 73.40 hanga 74.19 gidduutti daldalamaa jira.
Similar posts:
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa tarkaanfii godaantota seeraan alaa irratti fudhatamu himan.