Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Published June 18, 2026, 2:54 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojmaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte; taateen kun akka addunyaatti dabaluus gabaasi ibse
4 minutes read
Gabaasi haaraan Tumsa Waloo Addunyaa Haleellaa Hojmaata Barnootaa Irra Gahu Hirrisuu ( Global Coalition to Protect Education from Attack) (GCPEA) irraa bahe waggoota lamaan darban keessatti Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojmaata barnootaa baay’inaan kesssatti galmaa’e keessaa tokko ta’uu ibsameera. Dhaabbatichi haleellaan manneen barnootaa, barattootaafi barsiisota irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaa addunyaatti jechuun akeekkachiiseera.
Gabaasa haaraa “Haleellaa Barnootarra Gahu Kan 2026” ykn (“Education under Attack 2026”) jedhu keessatti, baroota 2024 fi 2025 gidduutti addunyaa irratti haleellaa hojmaata barnoota irratti raawwataman keessaa yoo xiqqaate haleellaa 8,566 galmeesseera. Kunis gabaasaa kanaan duraa 2022–2023 wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu dhibbeentaa 40 ol dabaleera. Gabaasichi biyyoota akka Kolombiyaa, Dimokiraatawaa Kongoo, Itoophiyaa, Hayitii, Falasxiinii fi Yukireen haleellaa barnootaa baay’inaan galmeessisan jedhee adda baaseera.
Gabaasichaan, waggoota lamaan keessatti biyyoota 83 keessatti barattoonni, barsiisonni, pirofeesaronnii fi hojjettoonni damee barnootaa 10,600 ol ta’an haleellaan ajjeefamuu, madaa’uu, ukkaamfamuu, hidhamuu ykn miidhaa biraaf saaxilamuu isaanii ibsameera. Haleellaan manneen barnootaa irratti raawwatamu ammoo bifa adda ta’enn yeroo baay’ee mulachuun haleellaan 3,000 ol galamaniiru
Kutaan gabaasichaa waa’ee Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu akka jedhuutti, walitti bu’iinsi biyyattii keessatti itti fufee jiru keessumaa naannolee Amaaraa, Oromiyaafi Tigraay keessatti tajaajila barnootaa irratti dhiibbaa cimaa geessiseera. Nageenyi dhabamuu, qe’ee irraa buqqa’uufi haleellaan itti fufiinsaan raawwatamu, daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman barnoota isaanii akka addaan kutan taasiseera.
Tumsi Waloo Addunyaa Haleellaa Hojmaata Barnootaa Irra Gahu Hirrisuu GCPEA akka ibsetti, gabaasaa 2024–2025 keessatti haleellaan manneen barnootaa irratti raawwatamu sadarkaa olaanaa itti fufeera. Biyyattii keessatti haleellaan gara 100 ta’u galmaa’uu akka danda’e eerus, rakkoowwan hordoffii fi gabaasa walitti qabuun lakkoofsi sirrii adda baafachuun rakkisaa ta’uu himeera. Akkasumas barattoota, barsiisotaafi hojjettoota barnootaa irratti haleellaan itti fufee raawwatamuu, akkasumas dhaabbilee barnoota olaanaa irratti miidhaan gahu galmeesseera.
Gabaasichi itti dabaluun manneen barnootaa hojii waraanaaf ooluun isaanii garamalee dabaluun isaanii mul’achuu ibseera. Bara 2024 fi 2025 keessatti manneen barnootaa tilmaamaan 1,200 hojii waraanaaf oolaniiru. Hanga Bitootessa 2025tti ammoo manneen barnootaa hojii barnootaan alaa keessatti tajaajiluun 1,527 ga’uun baay’een isaanii hojii waraanaaf akka oolan ibsameera.
Akkasumas nageenya dhabuufi buqqa’iinsi uummataa tajaajila barnootaa biyyattii keessatti dadhabsiisuu itti fufeera. Odeeffannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee gargaarsaa wabeeffachuun, jalqaba bara 2025tti daa’imman miliyoona sagal ol ta’an mana barumsaa ala akka turan ibseera. Kunis lakkoofsi ll olaanaan naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay keessatti galmaa’uu eerera. Akkasumas manneen barnootaa 9,000 ol ta’an naannolee walitti bu’iinsi keessatti cufamuu ykn barbadaa’uu isaanii himeera.
Gabaasichi barattoota, barsiisotaa fi hojjettoota barnootaa irratti haleellaan kallattiin xiyyeeffate raawwatamuu ibseera. gabaasaa isaa keessatti barsiisonnii fi barattoonni yoo xiqqaate 12 ta’an ajjeefamuu, namoonni biroo yoo xiqqaate 15 ta’an ammoo ukkaamfamuu isaanii eerameera.
Akkasumas yunivarsiitotaafi dhaabbilee barnoota olaanaa irratti miidhaa gahu galmeesseera. Kunis barattoota ukkaamsuu, mormii waliin walqabatee hidhuufi walitti bu’iinsa hidhattootaa naannoo yunivarsiitii keessatti uumame kan dabalatudha.
Dhaabbatichi akka jedhuutti, qorannoowwannkunneen walitti bu’iinsi hidhannoo Itoophiyaa keessatti barnoota irratti dhiibbaa cimaa geessisaa akka jiru ni agarsiisu. Jeequmsi irra deddeebi’amu, bu’uuraalee misoomaa barbadaa’uufi buqqa’iinsi uummataa fi dhaabbileen gargaarsaa manneen barnootaa deebi’anii akka banaman tattaaffii godhan iyyuu, daa’imman bakka nageenya qabutti barachuu isaanii danqaa ta’eera.
Argannoowwan kunneen miidhaa yeroo dheeraa waraanni waggaa lamaaf Tigraay keessatti taasifame sirna barnootaa naannichaa irratti geessise waliin kan wal fakkaatu. Kanaan dura Addis Standard akka gabaasetti, Komishiniin Qorannoo duggugga Sanyii Tigraay walitti bu’iinsi kun damee hawaasummaa Tigraay irratti kasaaraafi miidhaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 10.86 gahu tilmaameera. Kana keessaa dameen barnootaa qofa kasaaraa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 4.36 dhaqabuun himameera.
Biiroon Barnootaa Tigraay akka ibsetti, yeroo waraanaa keessatti dareen barnootaa dhibbeentaa 88 , teessoowwan barattootaa dhibbeentaa 96, gabateewwan gurraachaa dhibbeentaa 97, koompiitaraawwan 85 fi televijinoonni barnootaa dhibbeentaa 87 barbadaa’aniiru. Akkasumas miseensonni hawaasa mana barumsaa 2,146 ta’an ajjeefamaniiru. isaan keessaa barattoonni 1,911 ajjeefamuufi Manneen barnootaa saamamuu, gubamuu ykn gareewwan hidhataniin to’atamu isaanii irraa kan ka’e daa’imman hedduun barnoota irraa hafaniiru.Wal waraansi guddaan dhaabbatus rakkoon barnootaa ittuma fufeera. Bara 2025tti daa’imman umrii mana barumsaa keessa jiran miliyoona 1.2 tti tilmaamaman Tigraay keessatti amma iyyuu mana barumsaa ala akka jiran gabaafameera.
Naannoo Amaaraattis walitti bu’iinsi bara 2023 irraa eegalee itti fufee jiru barnoota irratti miidhaa guddaa geessiseera. Manneen barnootaa hedduun cufamuu, bu’uuraaleen barnootaa manca’uufi galmeen barattootaa gadi bu’uu isaa Addis Standard irra deddeebiin gabaaseera.
Fulbaana 2024tti manneen barnootaa godinaalee Goojjaam Lixaa , Giddugaleessa Gondar fi Bahaa Goojjaam keessatti yeroo jalqaba bara barnootaatti cufamanii turan. Muraasni isaanii buufata waraanaa ta’anii tajaajiluu ykn walitti bu’iinsa keessatti miidhamuu irraa kan ka’e barattoonni hedduun barnoota isaanii dhiisuu ykn gara magaalaatti godaanuufi dirqamaniiru.
Yeroo sana Biiroon Barnootaa naannoo Amaaraa akka ibsetti, barattoonni miliyoona lama qofa galmaa’anii ibsuun kunis karoora isaanii miliyoona torbaa irraa baay’ee Jala gadi bu’uu yaadachiseera. Rakkoon kun nageenya dhabuu, galmee harkifachuufi barnootni siyaasa keessa galuu irraa akka madde ibsameera.
Rakkoon kun yeroo ammaa caalaatti hammaateera. Gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Fulbaana 2025tti baaseen, walitti bu’iinsa, jeequmsa, buqqa’iinsafi balaa uumamaa irraa kan ka’e daa’imman miliyoona sagal ol ta’an Itoophiyaa keessatti mana barumsaa ala akka jiran ibseera. Naannoo Amaaraa qofa keessatti daa’imman miliyoona 4.4 ol ta’an miidhamaniiru.
Qorannoo kunneen Oromiyaa keessattis rakkoon nageenyaa waggoota dheeraaf ture barnoota irratti dhiibbaa cimaa geessisuu isaa mul’isu. Walitti bu’iinsi waggoota torbaa keessatti itti fufee ture manneen barnootaa hedduu akka cufaman, barsiisotaa fi barattoota akka buqqaasan, akkasumas daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman barnoota idilee irraa akka hafan taasiseera.
Jiraattonni godinaalee Shawaa Lixaa , Kaabaa Shawaafi Wallaggaa Lixaa irraa akka Addis Standardtti himanitti, jeequmsi yeroo dheeraa manneen barnootaa akka cufaman ykn barbadaa’an taasiseera. Aanaa Ada’aa Bargaa qofa keessatti manneen barnootaa mootummaa keessaa yoo xiqqaate kudhan hojii dhaabuu isaanii ibsaniiru.
Barsiisonni hedduun nageenyaaf jedhanii baadiyyaa dhiisanii gara magaalotaatti godaanan; barattoonni maatii isaanii irraa deeggarsa maallaqaa qabanis isaan waliin godaanuun barnoota isaanii itti fufan. Warri humna hin qabne garuu barnoota irraa hafanii hojii qonnaa ykn barnoota amantii irratti hirmaachuu jalqabaniiru.
Akka Addis Standard gabaasetti, walitti bu’iinsi kun guddina barnootaa waggoota dheeraafi lixaa Oromiyaa keessatti galmaa’e duubatti deebiseera. Hawaasni Wallaggaa barattootaa hedduun walitti bu’iinsa irra deddeebi’uun, cufamuu manneen barnootaa, buqqa’iinsafi nageenya dhabuu irraa kan ka’e barnoota isaanii akka hin xumurre ibsaniiru.
Similar posts:
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa tarkaanfii godaantota seeraan alaa irratti fudhatamu himan.
Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.