Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Published May 28, 2026, 12:29 p.m. by FNN Staff

23



ODUU FNN

Gabaasni haaraa Kongiresiin US baase waraana Iraan irratti waraanni US hangam akka miidhame mul'ise. 

Gabaasni kun waliigalatti xiyyaaronni US 42 yeroo waraana kanaa Iraaniin haleelamanii barbadaa'uus agarsiiseera. 

Gabaasni kun Tajaajila Qo'annoo Kongireeshinaalii US (US Congressional Research Service) kan qophaa'e yoo ta'u, odeeffannoo Ministeera Ittisaa US, Ajaja Jiddugaleessaarraa, akkasumas miidiyaaleerraa argamanirratti hunda'anirrattiidha. 

Gabaasni kun marsariitii Kongiresii US irratti maxxanfameera. 

Qajeelchi qo'annoo rakkoo kutaa karoora waraanaa muudatee ture ilaalchisee odeeffannoo kenneeraaf. 

Gabaasni kun meeshaaleen manca'an jeettiiwwan waraanaa, dirooniiwwan, helekooptara hidhannoo qaban, akkasumas xiyyaara oppereeshinii addaaf bobba'an hammata. 

Gabaasni kun aanga'aa Ministeera Ittisaa US, Juules W. Harsit jedhamu waabeffachuun Ameerikaan baasii xiyyaarota miidhaman suphuufi bakka buusuu dabalatee waraana kanarratti dolaara biliyoona 29 ol baasuu isii agarsiiseera. 

Xiyyaarri gabaasicha keessatti eerame xiyyaara gosa F-15E Strike Eagle jedhaman afur dabalata. 

Ajajni Jiddugaleessaa US akka jedhetti xiyyaaronni kunneen Kuweet keessatti kan rukutamanii kuffiifaman yoo ta'u, "humnoota walootiin osoo hin eegamin" akka haleelaman ibsameera. 

Kana keessaa taatee tokko keessatti loltoonni ja'a osoo hin miidhamiin oolaniiru. 

Ajajaan Jiddugaleessaa US akka jedhetti, Ebla 05/2026 jeettiin waraanaa F-15E Strike Eagle Iraan keessa balali'aa osoo jiruu kufee kan caccabe yoo ta'u, oppereeshinii baraaruu bal'aa gaggeeffameen paayiletoonni jeettii kanaa baraaramuu danda'aniiru. 

Gabaasni kun ibsa Caamsaa 19 bahes kan waabeffate yoo ta'u, jeettiin waraanaa US F-35 Lightning II jedhamus sirna ittisa misaa'elaa Iraaniin rukutamee badeera. 

Yeroo sanatti Ajajaan Jiddugaleessaa US akka mirkaneessetti xiyyaarri US F-35 Lightning II Iraan keessatti waan haleelameef dirqamaan qubateera, garuu nagaan kan qubateef paayiletiin haala fayyaa gaarii ta'e keessa jira jedhe. 

Haata'u malee, Wiirtuun Oppereeshinii Waraanaa waan muudate kanarratti ibsa bal'aa hin dhiyeessine. 

Miidiyaan Ameerikaa CNN garuu xiyyaarri kun akka halelametti gabaase. 

Bara 2026 keessa dura ya'aan US Joint Chiefs of Staff, Jeneraal Daan Keeyin, gaafa Ebala 3 A-10 Thunderbolt tokko diinaan rukutamtee kan kufee kan caccabe ture, garuu paayiletiin ooleera. 

Dabalataan, xiyyaarri taankarii KC-134 daangaa qilleensaa Iraaq keessatti caccabee paayiletoonni ja'a akka dhumaniif sababa ta'eera. 

Xiyyaaronni biroo shan ammoo haleellaa misaa'elaa buufata waraanaa Prince Sultan kan Sa'ud Arabiyaa keessa jirurratti raawwatameen barbadaa'aniiru. 

Kana malees, gabaasni kun xiyyaarri basaastu US E-3 Sentry ergama addaaf bobbaate Sa'ud Arabiyaa keessatti haleelamteetti. 

Booda suurri bahe akka agarsiisutti hafteen xiyyaara kanaa bakka lamatti caccabdee mul'atti. 

Gabaasni kun akka ibsutti, Bitootessa 28 misaa'eliin fi dirooniin Iraan Buufata Humna Qilleensaa Prince Sultan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaniiru. Haleellaa kanaanis xiyyaarri E-3 Sentry akka manca'e gabaafameera. 

Gaafa Bitootessa 7, xiyyaaronni kunneen bakka nageenni isaanii eegamaa hin taane dhaabbatanii mul'atu ture. 

Yeroo sanatti, suuraawwan bakka sanaa argaman akka agarsiisutti xiyyaarri US Air Force caccabaniiru. 

Gareen BBC dhimma akkasii qulqulleeffatuu akka mirkaneeffatetti viidiyoon waraabame mooraa Prince Sultan keesatti ture. 

Bakki kun ammoo magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa Riyaadirraa kiiloomeetira 100 fagaatee argama. 

Gamoowwan suuraafi viidiyoo keessatti mul'atan kanneen akka wiirtuu daataa fi man-kuusaawwan jiran suuraawwan saatelaayitiirraa argaman waliin wal fakkaatu. 

Gaafa Ebla 5, xiyyaaronni Komaandoo US MC-130J lama oppereeshinii baraaruu gargaara turan rukutamanii kufuu gabaasni kun agarsiiseera. 

Kun ammoo jeettiin waraanaa F-15E Strike Eagle Iraan keessatti erga caccabeen booda. 

Gabaasni kun akka jedhetti, xiyyaarota keessaa tokko ka'uu kan dadhabde yoo ta'u, peeyiletoonni garuu baraaramaniiru. 

Iraan xiyyaara F-15E Eagle biraa rukuttee akka kuffiiste gabaasni kun kan mul'ise yoo ta'u, paayiletiin maqaan isaa hin eeramne tokko keessa waan tureef oppereeshiniin baraaruu guddaa akka taasifamuuf sababa ta'eera jedha gabaasichi. 

Gabaasaaleen miidiyaa Iraan irraa dhaga'aman yeroo oppereeshiniin paayiletoota baraaruuf gaggeeffametti humnoota US fi Iraan jidduutti walitti bu'iinsi tureera. 

Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp taatee kana "oppereeshinii baraaruu baay'ee guddaa" xiyyaarota hedduu hirmaachise jechuun ibse.


Similar posts:

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.

Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.