Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise
Published April 20, 2026, 2:27 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Humni Raayyaa Ittisaa Yuunaayitid Isteetis doonii fe’umsaa alaabaa Iiraan qabatte takka butuun to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee, gatiin boba’aa addunyaa 5% ol daballii agarsiiseera.
Akka gabaasa BBCitti, gatiin boba’aa dibataa 'Brent' 5.4%n dabaluun barmeelli tokko doolaara 95.27 kan ga’e yoo ta’u, madaallii gabayaa Yuunaayitid Isteetisiin ammoo 5.9% dabaluun doolaara 88.79n gurgurameera.
Daballiin gatii kun, Iiraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessatti guyyoota hafanitti ulaa qaxxaamura Hormuuz dooniiwwan daldalaaf “guutummaatti banaa” akka ta’u Jimaata darbe ibsuu ishee hordofee hir’ina gatii mul’atee ture kan deebisee kuffisedha.
Haa ta’u malee, Sanbata darbe Eebila 10, bara 2018 (A.L.I), Iiraan ulaa galaanaa Hormuuz deebistee akka cuftuufi doonii naannichatti dhiyaatu kamirrattiyyuu tarkaanfiin akka fudhatamu beeksisteetti. Qaxxaamurri bishaanii kun daldala addunyaatiif iddoo murteessaadha; sababni isaas boba’aafi gaasii uumamaa addunyaa keessaa 20% ta’u sarara kanaan waan darbuufi.
Erga Ameerikaafi Israa’el Guraandhala 21, bara 2018 Iiraan irratti weerara bananii fi Teehraan dooniiwwan ulaa galaanaa sana keessa darban irratti tarkaanfii akka fudhattu doorsistee as, gabaa inniijiirratti qisaasamni guddaan mul’achaa jira.
Pirezidaanti Tiraampi bakka bu’oonni biyyattii har’a Wiixata, Eebila 12, bara 2018 mariidhaaf Paakistaan keessatti akka argaman ibsaniiru. Akka ragaan madda Waayit Haawus irraa argame ibsutti, ergama Ameerikaa kana kan durusan Itti-aanaa Pirezidaantii Jee Dii Vaansidha.
Garuu akka miidiyaaleen mootummaa Iiraan gabaasanitti, angawootni biyyattii hanga ammaatti ejjennoo ifa ta'e qabachuu baatanis, Teehraan “ammaaf marii kana irratti hirmaachuuf karoora tokkollee hin qabdu” jedhaniiru.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.