Godinaalee Oromiyaa mara keessatti hidhaa fi Ajjeechaan Ummata Oromoorratti mootummaadhaan ta’aa jiru jabaachaa jira jedhame.
Published Feb. 4, 2026, 4:39 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Arsii Ona Muunessaatti waraanni mootummaa lubbuu maanguddoo ganna 70 dabarsuun dhagahame.
Maatiin maddeeniif yaada isaanii kennan akka jedhanitti Obbo Buunkarii Badhaasoo Muunessaa qonnaan bulaa jiraataa ganda Gujjichaa jedhamuu akka ta'an himuun, manguddoon kun abbaa ijoollee 18ti kan jedhan maatiin, maanguddoo kana humnoonni mootummaa guyyoota dura qeyee isaatii qabanii magaalaa Laaqicha jedhamtu geessanii kaampii waraanaa keessatti hidhuu ifoomsan.
Erga qabanii guyyaa 3ffaatti ganama keessaa sa'aatii 4tti Mana hidhaatii baasanii namoota afur ammaaf maqaan isaanii hinbeekkamne waliin rasaasa itti roobsuun lubbuu isaanii dabarsuu maatiin maddeenitti himanii jiru.
Maqaa qabata Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhuun lubbuu isanii kan balleessaan yoo ta’u, garuu maanguddoon kun siyaasa kam irraayyuu bilisa akka ta'anii fi hojii qonnaatiin nama jiraatan akka ta'an maatiin maddeenitti himanii jiru.
Bifuma wal fakkaatuun Kaaba shaggar ona sulultaatti humnoonni mootumma dargaggoo tokko mana hidhaatii baasanii ajjeesuun barame.
Dargaggoo maqaan isaa Birhaanuu_Muluu jedhamu ona Sulultaa magaalaa darbaatti kan dhalate guddate yoo ta'u dargaggeessa ol adeemaa ganna 23 ta’e kana maqaa qabata WBOtiin ajjeesanii gatuun barame.
Dargaggoo kana hiriyaasaa tokko kan ammaaf maqaansaa hin baramne waliin magaalaa roob-gabaa jedhamtuu qabanii erga humnaa ol reebanii booda Mana hidhaa magaala caancoo jirutti geessanii hidhuu maddeen ifoomsan.
Dargaggoota kana halkan Uffata irraa baasanii uffata waraanaa itti uffisuun eddo addaa Qoree roobaa jedhamutti ajjeesanii hurufatti gatanii deeman jedhan. kana malees hiriyaasaa kan ammaaf maqaan hin beekkamin waliin ajjeesan reeffasaa hurafatti waraabessi kan nyaate yoo ta'u, isa kana maatin dhaqqabee kaasun Awwaallachuu maddeen ifoomsanii jiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Murni PP Godina Baha Harargee Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu hammeessee jiraachuun himame
Godina Baha Harargee bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa araddaa Eela Hammarree keessatti humnoonni mootummaa nama maqaan isaa, Jaabir Yuuyyaa Xiqqaa jedhamu sababa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun badii tokko malee qabuun baatii tokkoo oliif waajjira poolisii magaalichaatti hidhuun dararaa ulfaataa irraan ga'aa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti namni kun jiruu fi jireenya isaa fooyyeffachuuf jecha gara biyya Yamaniitti godaanuun waggootaa dheeraan booda kan deebi'e yoo ta'u, humnoonni sirnichaa qabeenya inni biyya ormaa keessatti rakkatee horate jalaa saamuuf jecha sababa "halaala teessee WBO' deggaraa turte" jedhu itti maxxansuun yakka tokko malee hidhaatti darbachuus dubbatu.
Bifuma wal fakkaatuun Godina Gujii Lixaa Ona Surroo Barguddaatti doorsisaa fi dhiittaan mirga namoomaa waraana mootummaa PPn hammaachaa dhufuun baramee.
Godina Gujii Lixaa Ona Surroo Barguddaa ganda Makkala-Hidha-Kormaa keessatti, humni waraanaa faashistii PP uummata nagaa irratti yakka suukanneessaa raawwataa jiraachuun jiraattonni maddeenitti himan.
Akka maddeen ibsanitti, humni waraanaa kun uummata siyaasa kamirraayyuu bilisaa ta'e, sababa tokko malee diinummaa uummata Oromoo irratti qabaachuun, doorsisaa, reebichaa fi miidhaa ulfaataa irraan gahaa jira.
Bifuma kanaan Amajjii 31, 2026 ganama sa'aatii 12:00tti, humni waraanaa murna Bilxiginnaa Ona Surroo Barguddaa, ganda Makkala Hidha Kormaa, iddoo addaa Qoree jedhamutti, maanguddoo maqaan isaanii Galgalaa Guyyee Gumii jedhaman, "deggaraa WBOti jechuun himachuun humnaan qabanii, reebicha hamaa irraan ga'uun ibsameera.
Reebichi humnaan raawwatame kun hanga lubbuun isaanii balaaf saaxilamutti akka ga'e jiraattonni yoo ibsan, haata'u malee, maatiin isaanii haala maanguddoo kanaa ilaaluu fi haala fayyaa isaanii beekuuf bakka hidhaa dhaquun yaalii godhanis, humni waraanaa sirnichaa akka hin argine dhorkuu isaa maddeen ifoomsanii jiru.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne