Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.

Published Jan. 8, 2026, 3:19 p.m. by FNN Staff

249



ODUU FNN

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.

 

Akka maddeen jedhanitti Dargaggoonni lama maqaan  isaanii Ahmad Billoo fi Tuujii Umar jedhaman harkaa fi miilli isaani hidhamee mukatti rarrafamani Amajjii 5 bara 2026 irraa jalqabee suuraan isaanii miidiyaa hawaasaa  irra naanna'aa turuun kan beekkamuudha. Dargaggoonni kunneen mana hidhaa erga seenanii kaasee waldhaansa dhoowwatamanii, inumaayyuu dararaa hamaan irratti raawwatamuun haalli fayyaa isaanii haala yaadaeessaa keessa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

 

Dargaggoonni lamaan harkaa fi millii isaanii duubatti hidhamee mukatti fannifaman kun daldaaltoota meeshaalee dukkaanaa ta'uu kan himan maddeen, jarri kun badii qabaatanii osoo hin taane maqaa qabata WBO waliin hariiroo qabdan jedhuun shakkiidhaan qabanii mukatti fannisuun halkan guutuu tumaa erga bulanii gara Roobetti dabarsanii hidhuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.

 

Dargaggoonni kun hariiroo homaatu waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka hin qabne kan himan maddeen, haala uummamaa jiruun wal qabatee lubbuu isaaniitiif sodaa qabna jechuun yaaddoo qaban ibsatanii jiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaalee garaagaraa keessatti waraanni mootummaa PP uummata nagaa qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaa jiraachuun beekame.

 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaalee akka Billoo Noophaa, Buree fi Mattuu keessaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa qubachaa jira jechuun Muddee 25,2025 irraa eegalee waraanni mootummaa jumlaan uummata buqqisaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.

 

Aanaa Buree gandoota kanneen akka Goondee Maasoo, Geendee fi Abbaa Gaayoo keessaa akkasumas, Aanaa Mattuu gandoota kanneen akka Arseemaa, Gondoosee fi Gooduu keessaa fi

Aanaa Billoo Noophaa ganda Cabal Goodarree dabalatee waraanni mootummaa afaan qawweetti dhimma bahuun jumlaan nu buqqisuun gadadoo fi hiyyummaaf nu saaxilaa jiru jechuun jiraattonni maddeen keenyatti himaniiru.

 

Murni mootummaa PP Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf tooftaalee garaagaraa fayyadamee milkaa'uu dadhabnaan amma immoo bifa adda ta'een uummata jumlaan qe'ee fi qabeenya isaarraa buqqisuun jibbiinsa Saba Oromootiif qabu ifatti mul'isas jedhan.

 

 

‘’’]’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo ummatarraan ga’aa jiran jabaachuu jiraattonni dubbatan.

 

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, dheengadda ganama haleellaa humnoonni kun raawwataniin lubbuun nama nagaa tokkoo darbuu himaniiru.

 

Haleellaa hidhattoota finxaaleyyii kanaatiin namni lubbuun isaa darbe Mulugeetaa Oljirraa jedhamaa jedhan.

 

Haleellaan kun kan qaqqabe laga bunaatti akka ta'e eeranii, jiraattonni haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin oomisha isaanii karaa sassaabbatan akka dhaban dubbataniiru.

 

Aanaan Abee Dongoroo aanaalee haleellaan humnoota finxaaleyyii Faannoo itti heddummaatu keessaa tokko.

 

Mootummaan qaamolee nageenya uummataa booressan kana irratti tarkaanfii fudhatee nageenya hawaasaa akka mirkaneessus jiraattonni gaafataniiru.

 

Jiraattonnis gurmaa'anii nageenya isaanii akka tiksuu qaban hubachiifameera.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Waldaan Hakiimota Oromiyaa komiin kafaltii yeroo hojii sa'aatii dabalataa ogeeyyii fayyaa akka furamu gaafate.

 

Waldaan Hakiimota Oromiyaa xalayaa Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif barreesseen akkaataa qajeelfama mana marii ministirootaatiin bahee fi ministeera fayyaatiin dhihaatee Caffeen Oromiyaa raggaaseetiin shallaggiin kafaltii hojii yeroo sa'atii dabalataa mindaa hojjataadhaaf yeroo sanatti kafalamu guyyaa soddomaaf qooduun herreegamaa jedhe.

Haata'u malee akkaataa qajeelfama kana faallessuun hooggansi biiroo fayya akkaataan kafaltii kana kafalaa jiru mindaa amma hojjataan argatuun kan shallagame akka hin taane hubachuu hime.

 

Ajajni biiroo fayyaa irraa afaaniin dhaabbilee fayyaatiif darbe bu'uura seeraa kan hin qabne, daangaa aangoo kan hin eegnee fi mirga ogeessi seeraan gonfate kan mulqu akka ta'e Waldaan Hakiimota Oromiyaa beeksiseera.

Dhimmi kun rakkoo bulchiinsa gaarii ta'ee komii kan babal'ise ta'uu eeree, tajaajila hawaasaaf kennamu irraan dhiibbaa otoo hin geessifne ajajni afaaniin darbe akka dhaabbatu taasifamee kafaltiin yeroo sa'atii hojii dabalataa akkaataa qajeelfama kanaaf baheen akka raawwatamu gaafatee jira.

Kafaltiin sababa kanaan waldiddaa uumameen hanga ammaatti otoo hin kafalamin jiru haalduree tokko malee akka kafalamuu qabus waldichi ibseeti jira.

 

Dhaabbileen fayyaa iskeelii duraaniitiin kafalaa turan, iskeelii mindaa haaraatiin shallaguun maallaqa hojjataa isaan biratti hafes saffisaan akka kafalan Waldaan Hakiimota Oromiyaa gaafateera.

Ministeerri fayyaa federaalaa akkaataan reetii shallaggii sa'aa hojii dabalataa akka fooyya'uu fi akkaataa qajeelfama lakkoofsa 921/2014 komishiniin siiviil sarvisii federaalaa baaseen akka raawwatamu  Biiroo Fayyaa Oromiyaa xalayaadhaan beeksisuu isaa waldichi yaadachiise.

Haalli kafaltii kun magaalaa Finfinneetti hojii irra ooluu mirkaneeffachuu hime.

Biiroon fayyaa Oromiyaa komii ogeeyyiin fayyaa gama kanaan naannoo Oromiyaatti dhageessisaa jiran akka furu gaafateera.

Guyyaa xalayaan sun biiroo fayyaa qaqqabee qabee kafaltiin sun herreegamee ogeeyyii fayyaaf akka kafalamuu qabus ibse.

Kafaltiin yeroo hojii sa'atii dabalataa dhaabbataa dhaabbatatti garaagarummaa akka qabus eeree, kunis sirraa'uu akka qabu, dhaabbata walfakkaataatti kafaltiin yeroo hojii dabalataa walfakkaataan kafalamuu akka qabus dhaameera.

Kana malees ogeessi dabaree halkanii bule tokko boqonnaadhaan bakka kan hin bu'amneef yoo ta'e kafaltiin sa'atii 15 kafalamuu otoo qabuu bakkoota hedduutti kan sa'atii 7 qofti kafalamaafii akka jiru hubatameera kan jedhe Waldaan Hakiimota Oromiyaa, kunis akka sirraa'u gaafateera.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Ji’oota jahan darban Affaaritti godaantotni seeraan alaa 8000 tti tilmaaman to’annoo jala oolfamuun ibsame

 

Komishiniin Poolisii Naannoo Affaar ji’oota jahan darban keessatti lammiilee faddaaltootaan gowwoomfamanii godaanuuf turan kuma 7 fi 900 ol to’annaa jala oolchuu beeksise.

 

Koomishinarri Koomishinii Affaar Bilaal Ahmed ibsanitti poolisiin naannichaa hojii nageenyaa idilee taasisuun alatti humna namaa baay’ee ramaduun buufataalee sakatta’iinsaafi daandii geejjibaa itti fufiinsaan hordofaa jiraachuu eeraniru.

 

Akka ibsa komishinarichaatti lammiileen qabaman kunneen baasii geejjibaafi eegumsa Komishiniin Poolisii Naannoo Affaarii fi miseensota isaatiin gara naannoo irraa dhufani kanneen akka Kombolchaa, Allaamaaxaa, Maqalee, Kamisee, Adaamaafi Harargeetti deebifamuun gabaafameera.

 

Haa ta’u malee, ka’umsi yakkoota daldala namaa naannoo Affaariin ala ta’uun isaa hojii to’annoo kanaaf qormaata guddaa akka ta’e Komishinarri Bilaali  Ahmad ibsaniiru. Imaltoonni irra caalaan isaanii naannolee ollaa, godinaalee Amaaraa, Tigraay fi Oromiyaa irraa waan dhufaniif, daldaltoonni naannolee kanneen keessatti waan socho’aniif, yakka kana hundee irraa furuufi rakkisaa ta’eera jedhaniru. Haaluma kanaan komishinichi rakkoo kana furuuf tibbana naannoo Amaaraa waliin waliigaltee waloo mallatteessuun sochiin waloo eegalamuu isaa ibsaniiru.

 

Komishinarichi himannaa sobaa poolisii naannichaa irratti karaa miidiyaa hawaasaa adda addaatiin  dhiyaates cimsanii balaaleffataniiru. Naannichi daangaatti dhihoo ta’uu isaa ilaalcha keessa galchuun, akka daandii qaxxaamuraatti fayyadamuun suuraa poolisii xureessuuf tattaaffiin godhamu fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbataniru. sababiin isaas naannoon Affaaris ta’e caasaan isaa gocha yakkaa kana keessatti hirmaannaa tokkollee akka hin qabnee ibsaniru.

 

Dhumarrattis poolisiin naannichaa yeroo kamiyyuu caalaa to’annoo isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, kutaaleen poolisii naannichaa, to’aattoonni  buufata sakatta’iinsaafi hawaasa waliin ta’uun rakkoo biyyaalessaa kana daldaltootaa fi hirmaattota yakkaa irratti hubannoo barbaachisaa ta’e kennuudhaan akka ittisan waamicha dhiyeessaniiru.

 

Torban darbe konkolaataan  lammiilee dadaltootaan gowwoomfamanii gara biyyoota alaa erguufi walitti qabaman fe’ee naannichatti Magaala keessatti naannawwa marfata magaalaa Samaraatti garagaluun namoonni 22 lubbuun darbuufi namoonni 65 ammoo miidhaan qaama cimaafi salphaan qaqqabbuun kan yaadatamudha

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Ameerikaan gargaarsa midhaan nyaataa Somaaliyaaf taasisaa turte dhaabuu beeksifte

 

 Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa roobii darbe, aangawoonni Somaaliyaa mana kuusaa Dhaabbata Gargaarsa Midhaan Nyaataa Addunyaa (WFP) kan maallaqa Ameerikaan ijaarame barbadeessuun gargaarsa nyaata meetiriik toonii 76 lammiilee harkaa qalleeyyii qophaa’e saamuun erga himameen booda Ameerikaan gargaarsa mootummaa federaalaa Somaaliyaaf taasisaa turte dhaabu beeksise.

 

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa isaa keessatti “Bulchiinsi Tiraamp badii, saamichaafi gargaarsa harka qalleeyyiif oolu kaayyoo dhuunfaatti jallisuu irratti obsa hin qabnu” jedhe.

 

“Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa sagantaalee gargaarsaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa fayyadan hunda yeroo ammaa dhaabeera,” jechuun ibsichaa isaa keessatti eerera. Itti dabaluun “Gargaarsi kun deebisee kan jalqabamu  yoo mootummaan federaalaa Somaaliyaa gocha fudhatama hin qabne raawwatameef itti gaafatamummaa fudhate, tarkaanfii sirreeffama barbaachisaa fudhate qofadha” jedha ibsichi kuni.

 

Murtiin gargaarsa dhaabuu kun kan ibsame yeroo bulchiinsi Tiraamp baqattootaafi godaantota Somaaliyaa Ameerikaa keessa jiran irratti qeeqi isaa dabalaa dhufeefi saamicha giddu-galeessota kunuunsa daa’immanii Minnesota keessatti yeroo itti mullatedha. Akkasumas, yeroo Lammilee Somaaliyaan gara Ameerikaatti dhufuu barbaadan irratti uggura cimaa kaa’e yoo ta’u, warra duraanuu Ameerikaa keessa jiranis akka achi keessa hin ture yeroo itti taasisaa jiruudha.

 

Bulchiinsi Tiraampi baasii gargaarsa alaa hir’isuun Ejensii gargaarsa  Idil-addunyaa Ameerikaa diiganiru, kanaan wali qabate  ragaa haaraa waan hin ibsamneefi gargaarsa addaan cituu kanaan namoonni miidhaman hin ibsame.

 

Ameerikaan waggaa darbe, yeroo bulchiinsa Pireezidaantii Jo Baayidan pirojektoota Somaaliyaa keessatti hojjataaman deegaaruufi doolaara miiliyoona 700 fi 70 gargaarsa taasiftee turte. garuu gargaarsa kana keessaa muraasa qofatti kallattii  mootummaa Somaaliyaatiin godhame.

 

Aanga’aan olaanaan Ministeera Dhimma Alaa tokko Roobii darbe akka jedhetti, ministeerichi “sagantaalee gargaarsaa amma hojjachaa jiran keessaa kan mootummaa federaalaa Somaaliyaa kallattiin ykn al-allattiin fayyadan adda baasuuf, akkasumas sagantaalee akkanaa dhaabuuf, karaa biraatti jijjiruufi yookaan guutumaan guutuutti dhaabuuf qorannoo bal’aa  gaggeessaa jira.” jedhan.

 

Aanga’aan kuni dabalanis Somaaliyaa keessatti yeroo dheeraaf “ gargaarsi Ameerikaa sirnaan hin hordofamne, hin to’atamne” ture  bulchiinsi Tiraamp immoo sagantaalee badiifi hannaa mullatan dhaabuuf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ifoomsaniru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’         ‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’           ‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Ameerikaan waraana dabalatee mala ittiin Giriinlaandi qabattu mari'ataa jirti.

 

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Giriinlaandiin fudhachuuf waraana dabalatee ''tooftaa adda addaa'' dhiyeessuu isaanii Waayit Haawus beeksiseera.

 

Waayit Haawus akka himetti Giriinlaandi (naannoo ofiin of bulchituu fi miseensa NATO Deenmaarkiin bultu ) eeguun ''aantummaan nageenna biyyaalessaa'' Ameerikaa ta'uu ibseera.

 

Ibsi kun kan bahe hoggantoonni Awurooppaa Deenmaark deggeruuf ibsa waloo erga baasanii sa'aatii muraasa booda yoo ta'u, Deenmaark hawwii fi karoora Tiraamp odola Arktiik kana dhuunfachuuf qaban mormaa turte.

 

Dhuma torban darbee Tiraamp sababa nageennaa Ameerikaaf Giriinlaandiin ''barbaachisa'' jechuun irra deebi'anii kan dubbatan yoo ta'u, Ministirri muummee Deenmaarki Mette Firederiksen haleellaan Ameerikaa kamiyyuu xummura NATO jechuu akka ta'e akeekkachiisaniiru.

 

Waayit Haawus Kiibxata darbe akka jedhetti, "Pireezidaantichii fi gareen isaanii kaayyoo imaammata alaa barbaachisaa kana hojiirra oolchuuf filannoowwan adda addaa irratti mari'ataa jiru.

 

Akkasumas waraana Ameerikaa fayyadamuun yeroo hunda Ajajaa Ol'aanaaf filannoo ta'uun beekamaadha jedhe.

 

NATO'n gamtaa tumsa biyyoota Awurooppaa yoo ta'u, michoonni kunneen miseensa keessa biyyi tokko xuqamnaan walirratti hin dhiifnuu kan jedhu waligaltee qabu.

 

Kanaaf Kiibxata darbe michoonni Awurooppaa jaha Deenmaark waliin akka dhaabatan ibsaniiru.

 

Hoggantoonni Biriteen, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Poolaandi, Ispeeniifi Deenmaark ibsa waloo kennaniin, ''Giriinlaandiin kan ummata isheeti, dhimmoota hariiroo isaanii ilaallatan irratti murteessuu kan danda'an Deenmaark fi Giriinlaand qofa,'' jedhan

 

Nageenna Arktiik irratti US dabalatee michootni NATO wal ta'uu akka qaban dhaamaniiru.

 

Akkasumas ''abbaa biyyummaa, walabummaan naannoo fi daangaawwanii akka hin sarbamneef qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka kabajamu'' gaafataniiru.

 

MM Giriinlaand Jeens-Frederik Nelsen ibsa waloo biyoota kun akka kabajamu gaafataniiru.

 

''Mariin kun sadarkaan Giriinlaand seera idil-addunyaa fi qajeelfama walabummaa naannoo irraa kan madde ta'uu isaa hubatamuu qaba,'' jedhan Nelsen.

 

Dhimmi egeree Giriinlaandii deebi'ee kan ka'e erga waraanni Ameerikaa Veenzuweelaa keessatti ergama raawwateen booda yoo ta'u, yeroo sanatti loltoonni filatamoo Pireezidaantii biyyattii Niikoolaas Maaduroo qabuun Niiw Yoorkitti himannaa qoricha sammuu namaa hadoochuu fi meeshaa waraanaa akka irratti banamu taasisaniiru.

 

Oppireeshinii Veenzuweelaa guyyaa tokko booda, Keetii Miilar(haati warraa gargaartota olaanoo Tiraamp keessaa tokkoo kan taate) kaartaa Giriinlaandi haalluu alaabaa Ameerikaatiin, jecha "yeroo dhiyootti" jedhuun maxxansiteetti.

 

Wiixata darbes abbaan warraa isii Isteefan Miilar ''Giriinlaand qaama Ameerikaa ta'uu akka qabdu ejjennoo sirnaa mootummaa Ameerikaati'' jedhan.

 

Gaaffii fi deebii CNN waliin taasisaniin Ameerikaan humna fayyadamtee ofitti dabaluuf jirtii gaaffi jedhu irratti "Egeree Giriinlaandii irratti eennullee US waliin lolu hin jiru."jedhan

 

Qondaalli ol'aanaa Ameerikaa maqaan isaa hin ibsamne tokko dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himanitti, filannoowwan Ameerikaa Giriinlaandi ifatti bitachuu ykn naannoo sana bakka buutuu isii taasifachuudha.

 

Deebii kanaaf dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Kiibxata darbe akka himanitti, Ameerikaan ''fedhiin US hariiroo daldalaa waaraa lammiilee Ameerikaa fi ummata Giriinlaandii ijaaruudha'' jedhan.

 

"Moormitoonni keenna waloo Arktiik keessatti sochiin isaanii dabalaa dhufeera. Sun yaaddoo Ameerikaa qofaa osoo hin taane kan NATO fi Deenmaarkillee," jedhan dubbi himaan kun.

 

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoonis ibsa Wiixata 'Capitol Hill' tti kennaniin bulchiinsi Traamp Giriinlaand weeraruuf karoora akka hin qabne, garuu Deenmaark irraa bitachuu akka barbaadu miseensota seera baastootaaf ibsaniiru jechuun 'Wall Street Journal' gabaaseera.

 

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 Yuunaayitid Isteetis dhaabbilee idil-addunyaa jaatamii jaha keessaa of-baasuuf murteessuu beeksift

Ameerikaan dhaabbilee idil-addunyaa 66 ta’an keessaa of baasuuf akka jettu ifatti beeksiste. Biyyaattiin murtee kanarra kan geesse  dhaabbileen kunneen “qisaasama male bu’aa kan kan qaban akka hin taane adda baafamuu hordofee akka ta’e” Pireezidaanti Tiraampi akkasumas Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo ibsaniiru.

 

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo, dhaabbileen biyyi isaanii keessaa bahuuf deemtu kunneen,  “hojii isaanii keessatti bu’a gahaa kan hin galmeessine, haala bulchiinsaa gaarii kan hin agarsiifne, akkasumas dantaa fi abbaa biyyummaa Ameerikaa faallaa ta’anii kan argamanii” jechuun ibsani. Ruubiyoon dabaluun haalli dhaabbileen Yuunaayitid Isteetis keessaa of baafte kun faayidaa biyyattii kan giddu galeessa taasifate ta’uu ibsan.

 

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis gama isaaniin, deeggarsi maallaqaa Ameerikaan dhaabbilee akkanaaaf waggoota dheeraaf kennite bu’aa ifaa hin agarsiifne  jechuudhaan, qabeenyi uummataa biyya isaanii  “dantaa biyya alaatti yaa’uun” cufamuu qaba jedhaniiru.

 

Doonaald Tiraampi itti dabaluunis, Dhaabbileen idil-addunyaa hedduun, kaayyoon hundeeffama isaanii  tumsa waloo , nageenya, misoomafi hirmaannaa waliigalaa bu’uura godhachuun yoo ta'u, amma gara faallaa hundeeffama isaanii cinaatti qabuun, yeroo darban keessa dhaabbileen muraasi “gara ijaarsa bulchiinsa addunyaa bal’aa (global governance) fi ajandaa siyaasaa murta’aa” tti garagaluun, dantaa biyyoota dhuunfaa kan deeggaran ta'anii argamaniifu jedhan.

 

Dhaabbilee Yuunaayitid Isteetis keessa of baaste keessaa shan dhaabbilee jaarmayaa mootummootaa kan hin taane yoo tahan, kanneen hafan garuu tumsa qaamolee akka jaarmayaa mootummootaa, Gamtaa Awurooppaafi ardilee kaanii akka ta’e Waayit Haawus beeksiseera.


Similar posts:

ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.

Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan

Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.

UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne