Masiriin dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti beenyaan akka kanfalamuufi gaafatte
Published Jan. 20, 2026, 2:39 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Masiriin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti ejjennoo ishee jijjiiruun miidhaa sababa hidhaa kanaa narra gahe jetteef beenyaa gaafachuun ibsame. Ministirri Qabeenya Bishaaniifi Jallisii biyyattii Hani Isweeyilam dubbii dubbaataniin miidhaa hidhichi Masriifi Sudaan irra dhaqabsiseefi beenyaan akka kaffalamu gaafataniiru.
Dilbata darbe walgahii maree Masirii irratti haasa’aa kan taasisan Ministirri Isweeyilam, hidhi laga Naayilii tarkaanfii gama tokkoon ijaaramee jedhaniru. Hidhichi kanaan dura qooda biishan Masrii laga Abbayyaa meetira kiyuubii biiliyoona 55 ture irraa meetira kiyuubii biiliyoona 38 hir’isuu isaa angawaan kun himaniiru.
Akka Isweeyilam jedhutti, fedhiin bishaanii Masrii amma gara meetira kiyuubii biiliyoona 88.5tti kan ol guddate yoo ta’u, qoodni isheef ramadame immoo meetira kiyuubii biiliyoona 55.5 ta’ee jira. “Qaawwa bishaanii kana cufuuf waggaatti meetira kiyuubii biiliyoona 23.2 irra deebiin fayyadamnas jedhan, warshaaleen qulqulleessituu immoo biishaan meetira kiyuubii biiliyoona 4.8 dabalataa gumaachu,” ibsan, qoodni bishaanii Masirii mataa namaa tokkoofi gara meetira kiyuubii 500tti gadi bu’uu ibsaniiru- kunis giddu galeessa addunyaa nama tokkoof meetira kiyuubii 1,000 walakkaa ta’a jedhame.
Itoophiyaan, mirga abbaa biyyummaa ishee irratti hundaa’uun Laga Naayil irratti Hidha Haaromsa Guddicha ijaartee, hidhi kun balaa lolaa yeroo roobaa to’achuufii humna ibsaa maddisiisuuf akka ta’e irra deddeebiin ibsite jirti. bishaan biyyoota ya’aa gadi hir’isuuf akka hin taane cimstee kan himani Angaawwoonni Itiyoophiyaa, mariin Sudaaniifi Masrii waliin waliigaltee biyyoota sadiin gaggeeffamu akka barbaachisu waamicha dhiyeessaa turte, akkasumas miidhaan yoo jiraate mariifi qindoomina bulchiinsa bishaanii waliin akka hiikamuu yaamicha godhaa turuun isheen ni yaadatama
Amajjii 16, bara 2026, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa Guddaa Itoophiyaa irratti Masriifi Itoophiyaa gidduutti marii Ameerikaan durfamu akka jalqabamuufi qophii jiraachuu beeksise. Haalli amma jiru “dhuguma yaaddessaa” ta’us balaa waldhabdee waraanaa akka hin umamnee akeekkachiisaniiru.
Xalayaa Amajji 16 Pireezidaantii Masrii Masrii Abdal Fattaah Al Siisiifi barreessan keessatti, Tiraamp waldhabdee naannoo Hidha Haaromsa Guddicha jiru furuun“ajandaa isaa olaanaa” ta’uu ibsuun, dhimmicha “Baha Giddugaleessaafi Afrikaa keessatti nagaa waaraa” fiduuf tattaaffii bal’aa taasisa akka jiran ibsaniru.
Masriifi Sudaan gaaffii Tiraamp kana simatan yoo ta’u Pireezidaantiin Masrii Abdal Fattaah Al Siisiin “xiyyeeffannoo Pireezidaanti Tiraamp dhimma laga Naayilii irratti Ijyipti gidduu seentumaa isaaniif” iddoo guddaa akka kennuttu ibsuun, Kaayiroon “biyyoota bishaan Naayilii waliin tumsa cimaafi ijaarsaa, qajeeltoowwan seera addunyaa irratti hundaa’uun, haala qaama kamiyyuu irratti miidhaa osoo hin geessisin dantaa waliinii galmaan ga’uuf” kutannoo qabaachuu ishee irra deebi’anii mirkaneessaniru. Bulchaan Yeroo Sudaan, Abdel-Fattah Burhan, jalqabbii kana tarkaanfii “furmaata itti fufiinsa qabuufi mirga nama hunda eeguufi ” jechuun ibsaniiru.
Waggoota kurnan darban keessatti tattaaffiin gidduu galumaan US, Baankii Addunyaa, Raashiyaafi Gamtaa Eemireetota Arabaa hirmaachise falmii GERD irratti uumame furuuf yaalanille, garuu milkii malee akka dhaabbate yaadachisaniru.
Xalayaa Tiraaampin barreeffame kuni yeroo gabaasoonni Sa’uud Arabiyaa, Somaaliyaafi Masriin tumsa waraanaa xumuruuf jirti jedhan ba’an keessattidha. kunis bal’inaan akka ibsamaa jirutti, dhiibbaa Gamtaa Eemireetota Arabaa naannichaa keessatti babal’achaa jiru ittisuuf akka ta’e himamaa jirutidha
Dhimmi Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa yeroo yerootti jechootaTiraamp keessatti ni ka’a. bara darbe, ragaa qabatamaa tokko male “Ameerikaan Hidha Haaromsaa Guddaa Itoophiyaa maallaqaan akka deeggarte” fi hidhichi immo “bishaan Laga Naayil hirdhiseera” jedhe dubbachuun isaa kan yaadatamudha. 
Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.