Itoophiyaatti namoonni miliyeena 15 ol gargaarsa hatattamaa akka barbaadaanDhaabbanni Piroojeektii FEWS NET beeksise.

Published Jan. 16, 2026, 5:20 p.m. by FNN Staff

345



ODUU FNN 

Itoophiyaatti  namoonni miiliyoona kudha shanii ol hanga baatii Adoolessa bara 2026tti gargaarsa hatattamaa barbaadu jedhame

Gabaasi haaraan dhaabbata sirna akeekkachiisa dursa beelaa marsariitii isaa irratti  ji’a kana bahe, Itoophiyaan hanga walakkaa bara 2026tti biyyoota shanan addunyaa irraa namoonni baay’inaan gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadan keessaa tokko akka taatu ibse. Kunis, kan  waggaa darbe waliin yoo wal bira qabamu ilaalamu xiqqoo fooyyee qabaatus, haalli kun osoo hin jijiramin biyyattin rakkoo hanqina nyaataa baay’ee ulfaataa ta’ee keessa turuu dandeessi jedhameera.

 

Akka Dhaabbanni Piroojeektii FEWS NET tilmaametti, baatii adooleessa bara 2026tti namoonni miliyoona 15.0 hanga 15.9 ta’an Itoophiyaa keessa jiran hanqina miidhaan nyaata kan mudatu yoo ta’u,  kana keessaa dhibbeentaa 10 hanga 15 sadarkaa rakkoo nyaataa cimaaf kan saaxilamaanif kana olis sadarkaa garmalee hammaataa jedhamu keessa galu akka danda’an ni eegama jedha gabaasni kun.

 

Paarlaamaan Awurooppaa raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu naaf beekaa jedhe. Jeequmsa siyaasaa biyya keessaa fi waldhabdee ji’oopoolitikaa humnoota alaa gaanfa Afrikaa waliin jiran jidduutti, raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu Wiirtuun Qorannoo Nagaa fi Dimokiraasii Paarlaamaa Awurooppaa beeysiseera.

Jiddugalichi kana kan beeysise sanada mata duree “Global Threats to Peace and Democracy in Countries” jedhuun hojii paarlaamaa kanaaf gargaara jedhe yeroo ifa godhetti.

 

Jiddugalichi qorannoo nagaa fi dimokiraasii biyyoota 137 irratti gaggeessaa ture jedherratti, Itiyoophiyaa sadarkaa 112ffaa irratti kan kaa’e yoo ta’u, Biyyi federaalizmii sabaatiin bulfamtu sababaa walitti bu’iinsa, gogiinsa fi dhiibbaa diinagdeetiin lammiileen miiliyoona 21.4 qarqaarsa namoomaa barbaachisa jedheera.

 

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha hordofuun raawwiin diinagdee biyyattii fooyya’uu ibsuun, nageenna saayibarii irratti fooyya’iinsi mul’atus, raawwiin nagaa fi dimokiraasii isii kan biyyoota Sahaaraa gadii irraa gadi aanaa ta’uu ibseera.

 

Shororkeessummaan, hanqinni anniisaa, yakkoonni biyyoota ollaa, rakkoo diinagdee, babal’achuun odeeffannoo dogongoraa, babal’achuun biyyoota tasgabbaa’oo hin taane, hookkaraafi walitti bu’iinsi nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaaf yaaddoo ka'umsaa tahuu eereera.

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Godina Baalee Ona Raayituutti hir’inni nyaataa fi dhibamuun bishaan dhugaatii ummata haalaan hubaa akka jiru ibsame

Akka gabaasa maddeeniitti, Godina Baalee Onoota Raayituu fi Sawweenaa keessatti gogiinsi hamaan uumamuu fi oomishi midhaanii haalaan gadi bu’uu irraa hir’inni midhaan nyaataa mudate onoota kanneenitti beela dhalchee jira.

Gogiinsa dhalatee fi wabiin midhaan nyaataa gadi bu’uu irraa beela ummata mudataa jiru kana akka silaa barbaachisutti qaamni mootummaa irraa dubbataa hin jiran kan jedhan maddeen, ummatni addatti kanneen jiraattota gammoojjii ta’an akkaan hubamaa jiraachuu ifa godhu.

Gama biraan godinuma kana Ona Raayituutti ummatni hanqina bishaan dhugaatiin rakkoo hamaa keessummeessaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Ummatni bishaan dhugaatii dhabee mankaraaraa jiru, lubbuu oolfatuuf jecha corroqa qulqullina hin qabne dhuguuf akka dirqamee jiru kan gabaasan maddeen oduu, kun ammoo dhibee fayyaa itti dhalchaa akka jiru ifoomsan.

Bishaan dhugu barbaacha lafa dheeraa deemaa kan jiran jiraattotni Ona Raayituu, fagaatanii deemanis bishaan dhugaatiif ta’u qulqullina qabu argataa akka hin jirretu hubatame.

Ummatni mootummaan rakkoo bishaan dhugaatiis ta’e hir’ina oomishaan duumessa beelaa isaanitti dhufaa jiruuf xiyyeeffannoo kennee rakkoo harkaa isaan qabu akka furuuf gaafatanii jiran.

Akka Itoophiyaatti hir’inni wabii midhaan nyaataa sadarkaa hamaatti mudatuu irraa hanga walakkeessa waggaa kanaatti ummatni miliyoona 15 ol ta’u gargaarsa hatattamaa kan barbaadu ta’uu jaarmotni gargaarsaa beeksisaa jiran.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Walitti bu’iinsa daangaa keeniyaafi Itoophiyaa Kutaa Bulchiinsa Maarsabeetitti umameen namootni jaha yoo du’an saddeet madaa’uun beekkame.

 Kutaa Bulchiinsa Marsabeetii naannoo daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa irratti haleellaa umammeen lubbuun namoota ja’aa darbuu fi namoonni saddeeti madaa’uu isaanii TV KDR gabaase.

 

Qondaaltonni naannichaa, namoonni haleellaa kan raawwatan Itoophiyaa Gandoota Hamar irra daangaa qaxamuruun gara Keeniyaatti ce’uun miidhaa kaan geessisan jedhan. Kunis  jiraattota umata Daassanach kan ganda El-Anybura irra dhufan ta’u akeekaniru.

Akka Poolisiin ibsetti namoonni haleellaa raawwatan kuni tilmaamaan loon 500fi re’oota 1400 ol hatuun akkasumas beeyaladoota biroo kurnootaan lakkaa’aman rasaasaan ajjeessuu isaanii ibseera.

Namoonni haleellaa raawwachuufi dhufan keessaa 4 jiraattota naannoo weerara kana ofi irra ittisuufi hirmatanin kan ijjeeffaman yoo ta’u, weerartoonni hafan ammoo horii hatame qabatan gara Itoophiyaatti of duuba deebi’aniiru jedha gabaasni kuni. Dabalatanis, gama Itoophiyaa irra namoonni mada’aan dargaggoota umurii mana kurnanii keessa jiran sadii dabalate Buufata Fayyaa Bubuaatti yaala argachaa jiraachuun ibsameera.

 

Taatee kun qormaata gareewwan badii raawwatan daangaa qaxxaamuruun hanna beeyladaa naannoo fagoo Illeeret keessatti raawwatan kan ibsuu yoo ta’u, hawaasni yeroo hunda daangaa Keeniyaafi Itoophiyaa walitti dhufeenya qabas jedhame. Yeroo amma Kaawuntiin Marsabeeti sakkatta’iinsa Maliza Uhalifu jalatti kan argamu yoo ta’u kunis rakkoo kaabaa Keeniyaa keessatti mul’atu ittisuuf dhaabbilee nageenyaa hedduu waliin qindoominaan geggeeffamu jiraachuun ibsame. Aangawoonni akka jedhanitti, hojii kun walitti bu’iinsa gaggeeffamaa ture  hir’ise malee, duulli hatattamaa yeroo yerootti naannoo sanatti akka itti fufu himaniru.

 

Haleellaa kana hordofe namoonni haaloo bahuu danda’u ittisuufi tasgabbii naannicha deebisuuf hojjattoonni nageenyaa bobbaafamuun himameera. Aanga’oonni Itoophiyaas dhimma kan hordofuun  jila  isaanii gara Keeniyaatti erguun marii waloo taasisaniru. Qondaaltonni kun waldhabdee hawaasa giddutti umamee hir’isuuf  hojachaa jiraachuunis himamee jira. Ministirri Dhimma Alaafi Nageenyaa Keeniyaa Kipchumb Murkomen mootummaan rakkoo kana furuuf furmaata yeroo dheeraa barbaaduufi hawaasa hirmaachisuun beeyladota hanna irra ittisuufi hojiiwwan seera qabeessaafi diinagdee jabeessuuf kutannoo qabaachuu isaa mirkaneessera.

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Harargee aanaalee garaagaraatti haleellaan humnoota mootummaan naannoo Somaalee bobbaasuu hammaachuu jiraattonni himan.

Jiraattonni maddeenif yaada isaanii kennan, aanaalee Cinaaksan, Jaarsoo fi Gursumitti humnoonni mootummaa naannoo Somaalee meeshaa waraanaa garmalee hidhatanii fi konkolaattota waraanaatiin socho'an haleellaa bal'aa raawwataa jiru.

Haleellaa humnoota mootummaa Somaalee kanaan uummanni qe'ee irraa buqqa'uu, qabeenya uummataa irratti saamichi taasifamaa jiraachuu himaniiru.

 

Rakkoon kun miidiyatti bahee akka hin dhagahamne, aangawoonni mootummaa godina Harargee Bahaa nama marsaa hawaasaa irratti waan haleellaa kanaa maxxanse adamsanii hidhuu jedhan.

Uummanni Oromoo bal'aan akka quba nu qabaatu feena kan jedhan jiraattonni aanaalee kanneenii, mootummaan Oromiyaa naannawaa sanaaf xiyyeeffannaa akka kennu cimsanii gaafataniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Mootummaan naannoo Oromiyaa mirga kafaltii ogeeyyii fayyaa yeroo hojii sa'atii dabalataa kabajuu akka qabu ogeeyyiin gaafatan.

Rakkoon bulchiinsa gaarii biiroon fayyaa raawwataa jiru tajaajila uummataaf kennamu gara hubuutti deemaa jira kan jedhan ogeeyyiin, kafaltiin yeroo hojii sa'atii dabalataa erga kafalameefii baatiiwwan afur darbuu dubbatan.

Biiroon fayyaaa Oromiyaa immoo iskeelii mindaa haaraatiin Duty amma kafaluuf hin danda'uu jedhe.

Waldiddaan ogeeyyii fayyaa naannoo Oromiyaa fi biiroo fayyaa Oromiyaa, hojjattoonni qajeelfamni hojii irra haa oolu Duty'n iskeelii mindaa haaraatiin nuuf haa kafalamu wayita jedhan, biiroon fayyaa immoo qajeelfama kana hojii irra oolchuuf hanqina maallaqaan qabaa jedha.

 

Qajeelfamni seeraa manni marii ministirootaa baasee xalayaa karaa Ministeera Fayyaatiin Biiroo Fayyaa Oromiyaaf ergame ogeeyyii fayyaatiif kafaltiin yeroo hojii sa'atii dabalataa (Duty)n mindaa yeroo sana ogeessi fayyaa argatuun herreegamee kennamaaf jedha.

Biiroon fayyaa Oromiyaa immoo lakki iskeelii mindaa duraaniitiin isiniif kafalaa jedha.

Ogeeyyiin fayyaa maddeenif yaada isaanii kennan, sa'atii hojii idilee hojjannee dadhabe nuffe otoo hin jenne ofkenninee sa'atii hojii dabalataa hawaasa tajaajilaa jirraa jedhan.

Kanaaf immoo kafaltii malu argachuu qabna kan jedhan ogeeyyiin fayyaa, biiroon fayyaa Oromiyaa seera cabsee kafaltii isaaniif malu akka dhorgate himatu.

Gama tokkoon qajeelfamatu cabe, gama biraatiin mirgi hojjataa ni dhiibame kan jedhan ogeeyyiin fayyaa, qajeelfamni kafaltiin yeroo hojii sa'atii dabalataa Duty'n akkaataa iskeelii mindaa amma jiruutiin kafalama otoo jedhuu, biiroon fayyaa ergaa afaaniitiin iskeelii mindaa duraaniitiin fudhattu nun jedhee didnee jedhan.

 

Kanaanis baatiiwwan afran darbaniif kafaltiin kun otoo isaaniif hin kafalamin akka jiru ibsanii, kunis jireenya isaanii irraan dhiibbaa geessisuu dubbatan.

Kana malees hamilee hojii ogeessa fayyaa miidhaa akka jiru eeranii, kun deemee deemee kenniinsa tajaajila fayyaa hubuutti akka jirus himaniiru.

Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Natsaannat Warqinaa immoo kafaltiin yeroo hojii sa'atii dabalataa akkataa qajeelfamaatiin iskeelii mindaa haaraatiin kafalamuu qabaa jedhan. Kun mirga hojjataa akka ta'es ibsu.

Haata'uutii garuu naannicha haala amma keessa jiruun bajata sana kafaluuf dandeessisu akka hin qabne dubbatan.

Naannichi gara fuula duraatti mindaa haaraatiin akka kafalu kan dubbatan Doktar Natsaannat yoom akka kafalamu garuu waan jedhan hin qaban.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Ameerikaan Lammilee  Itoophiyaa, Eertiraafi Ijyiptii dabalate biyyoota 75 irratti uggura viizaa godaantota labsite

 Ameerikaan lammiilee biyyoota 75'f kenniinsa viizaa godaantotaa yeroo hin murtoofneef dhaabuu ifoomsite. Biyyoota kanneen keessa Itoophiyaa, Eertiraa, Masirii, Somaaliyaa, Sudaanifi Sudaan Kibbaa biyyoota uggura kan jalatti eeramanidha. Murteen viizaa dhaabuu kun kan darbe Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa hojimaata sakatta’iinsa iyyattootaaf irra deebi’ee madaaluuf murteeffachuu akka ta’e ibsameera.

Qajeelfamni Ministeera Dhimma Alaa kun iyyattoota “ mootummaa  irratti hirkachuu danda’an  adda baasuuf”  jecha, qondaaltonni qoonsilaa Ameerikaa viizaa kennuu akka dhaaban qajeelfamni kenname. Adeemsi viizaa dhaabuu kuni  Amajji 13, 2018 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta’u, hanga adeemsi qorannoo xumuramutti viizaa kennun yeroo hin murtoofneefi akka dhaabatu himameera.

Sadaasa bara 2025 Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Imbaasiiwwan biyyatti addunyaa irra jiran maraaf xalayaa barreesseen,Qondaaltonni qoonsilaa tumaa seera immigireeshinii Paabliki Chaarji(Public charge) jedhamu jalatti tarkaanfiiwwan seera qorannoo fooyya’aa akka hojiirra oolchan ajajeera.

 

Qajeelfamni kun iyyattoota deeggarsa mootummaafi faayidaalee mootummaa irra fayyadamuu danda’u jedhamee yaadaman viizaa akka hin arganne taasisa. Akkasumas, ogeessotni qoonsilaa murtii kennuu dura, haala fayyaa iyyataa, umrii isaa, dandeettii afaan Ingiliffaa dubbachuufi namni kuni qabu, haala galii isaa, akkasumas  fedhii kunuunsa yaalaa fayyaa yeroo dheeraafi isaa barbaachisuu gadi fageenyaan akka qoratan ni gaafateera

Biyyoota gaanfa Afrikaa shanan ugguraman  malees, biyyoonni biroo kanneen akka  Raashiyaa, Afgaanistaan, Biraazil, Iraan, Iraaq, Masrii, Naayijeeriyaa, Taayilaand, Yamanifi biyyoota Afrikaa, Baha Giddu Galeessaa, Eeshiyaa, Awurooppaafi Laatiin Ameerikaa biroo tarree kana keessatti hammatamaniiru.

 


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.