Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Published Jan. 11, 2026, 6:47 p.m. by FNN Staff

253



ODUU FNN

Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti mootummaan naannoo Oromiyaa sadarkaa caasaa mootummaa dhabuu irra akka jiru dhagahame.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, caasaan mootummaa gandoota 2 qofa keessa jiraachuu himaniiru.

Gandoonni 19 hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin caasaan isaanii diigamuu dubbataniiru.

Uummata aanichaa keessaa naannawaa dhibbeentaa 90 kan ta'u dhalattoota Oromoo ta'uu ragaan qoratame akka mul'isu eeranii, dhalattoonni saboota biroo bifa qubannaatiin aanicha keessa jiraatan dhibbeentaa 10 gadi akka ta'e ragaan agarsiisa jedhu.

Faallaa kanaa aanichi dhibbeentaan 98 caasaan mootummaa naannoo Oromiyaa diigamee hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo caasaa ijaaranii uummata gidiraa hamaa keessa galchaa akka jiran jiraattonni himatu.

Aanaan kun daangaa naannoo Amaaraa irra jiraachuu fi lafa misoomaaf mijataa ta'uu irraa kan ka'e finxaaleyyiin Faannoo salphumatti laga Abbayyaa ce'uun gandoota aanichaa irraa uummata Oromoo hidhannoo hin qabne buqqisanii lafa isaa eega dhuunfatanii waggoonni shan darbee jira jedhu.

Humnoonni finxaaleyyiin lafa uummata Oromoo irraa buqqaasan nama qotu naannoo Amaaraatii heddumminaan fidanii irra qubsisanii seeraan ala qabsiisanii akka jiran dubbataniiru.

Mootummaan Oromiyaa caasaa aanaa Kiiramuu diigame, hidhattoonni finxaaleyyiin uummata gidirsan callisee ilaaluun dogoggora guddaa akka ta'e jiraattonni himaniiru.

Cimina humnoota finxaaleyyii otoo hin taane mootummaan Oromiyaa xiyyeeffannaa kennuu dhabuu irraa rakkoon nurra bubbule jedhu jiraattonni.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Godina Shawaa Kibba Lixaatti ogeeyyiin fayyaa hospitaalota garaagaraa keessa hojjatan kafaltiin yeroo hojii sa'aatii dabalataa  baatilee 4 darban akka hin kafalamifin himan.

Ogeeyyiin fayyaa hospitaalota Leemman, Baantuu, Tullu Boolloo, Walisoo fi Diimaa maddeeniif yaada isaanii kennan, kafaltiin kun kafalamuufii dhabuudhaan mirgi isaaniis dhiibamee haala jireenyaa isaanii irraanis dhiibbaa geessisuu himaniiru.

Biiroon fayyaa Oromiyaa seeraa cabsee ajaja afaaniitiin kafaltii kana iskeelii mindaa duraaniitiin fudhattu akka jedheen, akka qajeelfamaatti garuu kafaltiin kun kan kafalamu iskeelii mindaa amma hojjataan argatuun akka ta'u qajeelfamni jiraachuu dubbatan.

Mootummaan Oromiyaa qajeelfama jiru cabsee mirga isaanii dhiibee gidiraaf akka isaan saaxilaa jiru eeranii, rakkoon bulchiinsa gaarii amma Biiroon fayyaa Oromiyaa raawwataa jiru, tajaajila ogeeyyii kan miidhu, kenniinsa tajaajila hospitaalaa kan hubu akka ta'e ibsaniiru.

Rakkoon kun saffisaan akka furamu kan gaafatan ogeeyyiin fayyaa hospitaalota garaagaraa kunneen, rakkoon kun gara biraattii tarkaanfatee ogeeyyiin tajaajila yeroo hojii sa'aatii dabalataa kennan dhaabuu bira otoo hin geenye mootummaan furmaata akka kennu gaafataniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Ministirri muummee Abiy Ahmad Projektii Buufata Xiyyaaraa Aabbuu Seeraa Lammiilee 15,000 Qeyeef Qabeenya isaanirraa Buqqise Ifatti jalqabsiisan.

Ministirri muummee Abiy Ahmad ergaa fuula miidiyaa dhuunfaasaanirratti maxxansaniin buufanni xiyyaaraa haaran kun sadarkaa Afrikaattuu guddinaan jalqabarra kan jiru ta’uu eerun; ijaarsichi marsaa jalqabaa yoo xumurame waggaatti imaltoota miliyoona 60 keessummeessuu kan danda’u ta’uu eeraniiru.

Pirojektiin kun guddaafi ammayyaawaa ta’ee imaltoota hedduu akka keessummeessuu danda’u himuu malee lammiilee achirraa buqqa’aniif bu’aan inni buusuufi qoonni ummanni Aabbuu achirraa argatu maal akka ta’e garuu muummichi hin ibsine.

Buufanni xiyyaaraa haaraan jiraattota gandoota Aabbuu seeraa 6 qeyeef qabeenyasaanirraa buqqisuun lafa 35km2 irratti ijaaramuuf deemu kun lammiilee buleeyyii achirra turan abbootii warraa 3000 ykn lammiilee 15,000 ol ta’an buqqisuun gara iddoo biraatti akka baqataniif kan dirqisiise yoo ta’u, yeroo ammaa kanas ummanni Aabbuu komii guddaa dhageessisaa jira.

Pirojaktiin kun gama mootummaatiin fayidaa guddaa akka qabu kan dubbatamu yoo ta'u, uummanni beenyaa gahaa malee isaa qe'ee isaa gadhiisuu komata.

Kana malees sababa kanaan rakkoo hamaaf saaxilamuu himata.

Waldaan Odaa Nabee Idil Addunyaa kan mirga dhalattoota naannawaa sanaaf cichee falmaa jiru, uummanni kun waaraan akkamiin akka bayyanatullee otoo haala hin mijeessin qe'ee isaa irraa buqqaafame jedha.

Uummanni ganda jahaa qe'ee irraa buqqaafame rakkoo hamaa keessa jiraachuu waldichi quba akka qabu hime.

Hayyoonni dhimma kana irratti OMN'f yaada isaanii kennanis pirojaktiin gurguddaan akka kanaa jiraattota buleeyyii qe'ee irraa kaasee rakkoof saaxiluu dabalataan, aadaa, seenaa fi eenyummaan uummatichaa naannawaa sanaa guutuutti akka duguugamu taasisaa jedhu.

Kana malees naannawaa pirojaktiin kun itti hojjatamutti pirojaktoonni gurguddoon biroos hojjatamaa jiraachuu eeranii, kun immoo lafa mundhii Oromiyaa baay'ee dhiphaa ta'e kiilomeetira 75 hin caalle irratti ta'uun balaa guddaa akka qabu ibsu.

Oromiyaa bahaa fi lixatti bakka lamatti qoodaa sodaa jedhu qabu.

Haala amma dura tureen pirojaktoonni gurguddoon akka kanaa uummata Oromoo hammataa hin turre, halaalaa naannolee ollaatii namni itti nam'a, kun immoo demogiraafii naannawaa sanaa ni jijjiiras jedhu.

Ammas taanaan qoodni uummanni naannawaa sanaa pirojaktoota kanneen keessatti qabu mirkanaa'uu qaba, adeemsichi demogiraafii akka hin jijjiirrr ofeeggannoon godhamuu qaba, aadaa seenaa fi eenyummaan uummata Oromoo naannawaa kanatti dagaagee itti fufuu qaba, aggaammiin Oromiyaa bakka lamatti cabsuu fuuldura dhaabbatamuu qaba jedhan hayyoonni.

Araada mootummaa fi pirojaktii gurguddaa mormuu qabaannee miti, kun hubatamuu qabaa jedhanii falmu hayyoonni Oromoo dhimmicha cimsanii qeeqaa jiran.

Dhimma kanarratti Dhaabonni Oromoo ABO fi KFOn ibsa baasaniin balaleeffatanii, namoonni achirraa buqa'an qooda barbaachisu argachuu qabu jechuun beeksisee jira.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Walitti bu’iinsi Sudaan keessatti, waggaa sadan  darbaniif    geggeffamaa jiruun tokko sadaffaan lammilee biyyattii qe'ee isaanii irraa buqa'an.

 Walitti bu’iinsi Sudaan keessatti waggaa sadan  darbanitti geggeeffamaa jiru lammilee biyyattii harka sadii keessaa harki tokko qe’ee isaa irraa akka buqqa’u kan taassise yoo ta’u, Addunyaa irratti rakkoo buqqa'insaa yeroo gabaabaa keessaatti namoota hedduu saaxile  ta’eera jechuun Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaaseera.

Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaasa baaseen,  erga walitti bu’iinsi Ebla 15, 2023 ka’ee as guyyoota 1,000 keessatti torbanitti giddu galeessaan taateewwan buqqa’iinsa kakaasan shan kan mudatan yoo ta’u, kunis hawaasa hedduu diiguun namoota miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqiseera.

Dhaabbatichi, yeroo kana keessatti taateewwan buqqa’iinsa kakaasan 743 galmaa’aniiru; isaan keessaa 524 walitti bu’iinsaan kan wal-qabatan yoo ta’an, 219 ammoo balaawwan uumamaa akka lolaa fi ibiddaa of keessaa qabu jechuun gabaaseera.

Ragaa Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM)  walitti qabeen, namoonni miliyoona 15 'ol ta’an qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an kan ibsu yoo tahu, Yeroo rakkoon kun sadarkaa olaanaa irra turetti, namoonni miliyoona 11.58 Sudaan keessatti buqqaatota biyya keessaa ta’uun galmaa’aniiru; namoonni miliyoona afuritti dhihaatan ammoo daangaa ce’uun biyyoota ollaatti baqataniiru.

Akka gabaasa Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaatti, Walitti bu’iinsi ammaa kun waggoota 20 darban keessatti Sudaan keessatti buqqa’iinsa walitti qabame caalaa waggaa tokko keessatti dachaa lama buqqiseera.

Kunis, addunyaa irraa buqqa'insa uummataa ol'aanaa yoo ta'u, Sudaan buqqaatota biyya keessaa addunyaa guutuutti argaman keessaa dhibbeentaa 15 kan qabdu yoo ta’u, buqqaatota torba keessaa tokko lammii Sudaan ture jechuun dhaabbatichi gabaaseera.

Amoyee Poope, Daarektarri Ol'aanaa Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) Akka jedhanitti,  “Waldhabdeen guyyoota kuma tokkoo uummata Sudaan irratti miidhaa haalaan jabaa geessiseera,” jechuun,  hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii hatattamaa fi itti fufiinsa qabu fudhachuudhaan lammiilee nagaa eeguu, maatii buqqa’an deeggaruu, akkasumas haala nagaan deebi’uu fi dandamachuu uumuuf waamicha dhiheessan.

Sudaan keessatti Erga walitti bu’iinsi ka’ee as, namoota buqqa’an keessaa dhibbeentaan 41 irra deebi’anii buqqa’uun isaanii, rakkoon kun yeroo dheeraa akka fudhatu kan mul’isu ta’uu Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) hubachiiseera.

Haa ta’u malee, waggoota lama booda, sochii uummata deebisanii dhaabuu taassifameen, lakkoofsi waliigalaa buqqaatota Fulbaana 2025 'tti yeroo jalqabaaf gadi bu’uu isaa dhaabbatichi ibseera.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Iraan mormii gaggeeffamaa jiruuf US himachuun xalayaa UNtti barreessite.

Mormii cimaa Iraanitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee gaggeessaa olaanaan biyyattii Ayaatolaa Alii Kameenii US himatan.

Mormitoota bulchiinsa isaanii mormuun magaalota Iraan raasaa jiranis "Tiraamp gammachiisuuf biyyasaanii balleesu" jechuun dubbii jabaan qeeqan.

Iraan xalayaa Mana Maree Nageenyaa

UNtti barreessiteen Bulchiinsi Tiraamp mormii gaggeeffamaa jiru gara jeequmsaatti akka jijjiiramu gochuuf yaalaa jiraachuu himachuun ibsite 

US mormii gaggeeffamu gara "badiifi saamichaatti akka jijjiiramu gochaa jirti" jedha xalayaan Iraan UNf barreessite kun.

Tiraamp ammoo gamasaan "Iraan rakkoo hamaatti jirti" jedhe.

Mormiin uummataa qaala'iinsa jireenyaan eegale torban lama guutuuf jedhu kun waggoota heddu booda mormii cimaa biyyattii keessatti uumameefi bulchiinsa Ayaatolaa ifatti mormuun sirni gonfoo duraanii akka deebi'u gaafataa jiru.

Gareewwan mirga namoomaaf falman akka ibsanitti hanga ammaa mormittoonni 48 fi qaamoleen nageenyaa 14 du'aniiru.

Mormii kana hordofee intarneetiin guutummaa biyyattiitti adda cituu mootummaan Iraan mirkaneessera.

Tiraamp mormii Iraanitti gaggeeffamu ilaalchisee kaleessa, Jimaata, yaada kenneen "bakka isaan [bulchiinsa Ayaatolaa] miidhu sirriitti rukunna" jechuun US dhimma Iraan keessa ni galti jechuun "loltoota ergiti jechuu miti" jedhe.

"Uummanni magaalota tokko tokko waan dhuunfate natti fakkaata, torbanoota dura hin ta'a jedhamee waan hin yaadamne ture."

Kamisa darbe ammoo "yoo isaan (mootummaan Iraan) uummata ajjeesuu jalqaban sirriitti haleelaa" jechuun dubbatee ture Tiraamp.

Ayaatolaa Kameenii ammoo kaleessa ergaa karaa TV uummata biyyattiif dabarsaniin namoonni hiriira bahan "waanbadeewwan Tiraamp gammachiisuuf biyyasa ianii saamaniidha" jechuun qeeqa cimaan dubbatan.

"Hunduu beekuu kan qabu Rippaabilikni Islaamaa dhiiga namoota kumaatamaan kan aangotti dhufe waan ta'eef akkuma salphaatti duubatti hin deebi'u," jechuun dubbatan manguddoon ganna 86 Ayaatolaa Alii Kameenii.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti ambaasaaddarri Iraan xalayaa Mana Maree UNtiif barreessaniin US "sodaachisuun, hokkara uumuun akkasumas itti yaaddee nageenni dadhabuun akka jiraatu jajjabeessuun dhimma keessoo Iraan keessa galaa jirti" jechuun US himatan.

Biyyoonni akka UK, Faransaayifi Jarmanii ibsa waloo baasaniin tarkaanfiin humnoonni nageenyaa Iraan namoota hiriira mormii bahan irratti fudhatan akka isaan yaaddesse ibsan.

Aangawoonni Iraan uummata isaanii eeguuf akkasumas uummanni osoo hin sodaachifamin mirga yaadasaa ibsachuu akka hayyamaniif itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban ibsan.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 


Similar posts:

ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.

Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan

Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.

UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne