Wallagga Horroo Guduruu Aabee Dongorootti namoonni 6629 buqqa’an.

Published Sept. 6, 2025, 9:38 a.m. by FNN Staff

806



Wallagga Horroo Guduruu Aabee Dongorootti namoonni 6629 buqqa’an.

 Wallagga Horroo Guduruu Aabbee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti namoonnii 6629   haleellaa hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin guyyoota dura raawwatameen walqabatee haga yoonaa namoonni 6629 buqqa’uun beekkame.

Haleellaa finxaaleyyiin Faannoo  Hagayya 23/2025 raawwatan kanaan lubbuun namoota 30 caalanii darbuun, abbootii warraa 1318 dabalatee walumatti jiraattonni 6629,  buqqa’uu maddeen beeksisanii jiru.

Buqqaatota kana keessa Daa'imman ummurii waggaa 2 gadii maatii hin qabnee, manguddoonni fi  dubartoonni ulfaa walumatti  220 dabalatee namoonni 362 ta’an yeroo ammaa mana barnootaa  Gararoo Loomicaa keessatti qubatanii jiraachuu maddeen beeksisan.
Kanneen keessa dubartoonni lama bakka qubatanii jiranitti akka dahanis maddeen ibsanii jiru.

Namoonni kunneen gargaarsa atattamaa akka isaan barbaachisu ibsuun, ammallee haleellaan hidhattoota finxaaleyyii Faannoo gandoota onichaa keessatti itti fufuu maddeen ibsanii jiru. 
Deeggarsi Ummata kanaaf taasifamaa jiru ga’aa waan hin taaneef tumsi dabalataa akka barbaachisus beekkamee jira.


Similar posts:

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.

Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.