Humnoonni Mootummaa Dargaggoota Nagaa Mana Hidhaatti Guuraa Jiraachuun Barame.
Published Sept. 4, 2025, 7:30 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Oduu Hidhaa.
Fulbaana 3/2025 Humnoonni mootummaa dargaggoota mana hidhaatti guuraa jiraachuun barame.
Magaalaa Shaggar keessatti humni mootummaa milishaan dargaggoota karaarraa walitti qabee mana hidhaattii guuraa jiraa jedhan jiraattonni magaalichaa.
Kutaawan bulchiinsaa kanneen akka:
* Buraayyuu
* Gujee
* Ashawaa meedaa
* Gafarsaa Noonnoo
* Gafarsaa keellaa
* Koyyee Foccee
* Tulluu Diimtuu
* Furii
* Walattee
* Sabbataa,Sulultaa fi kanneen biroo keessatti namoota nagaa Ukkaamsuun Mana Hidhaatti guuraa jiru jedhan.
Magaalota kana keessa torban kanaa eegalee bifa addaa sababni hin beekamneen dargaggoota humnaan bakka isaan walitti qabamanii taa'anii fi Manneen puulii ,Manneen bunaa,Bakka hojii keessaa qabanii hidhaa jiraachuun beekkamee jira.
Bifuma wal fakkaatuun Lixa Wallaggaa ona Begiitti humnoonni PP namoota nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen beeksisan.
Maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun bifa addaatiin namoota jireenya isaanii jiraatanii fi hidhata qaama kamiinuu hin qabne hidhuu fi dararuun kan jabaatee itti fufe ta’uu jiraattonni nuuf himanii jiru.
Haaluma kanaan ona Begii ganda Laaloo Nooraa keessaa namootni maqaan isaanii,
Minallaa Hiisaa.
Shoraa Abaataa.
Kaamiil Kusanee.
Haarunee Malkaa.
Duulaa Daagim
Itoophiyaa Kabbadaa.
Abdurraay Uyyaa fi Raamadaan Tafarraa kanneen jedhaman eddoo hojiitii qabanii hidhuun dararaa jiraachuu maddeen nuuf himanii jiru.
Kana malees, Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti humni PP dargaggoo tokko ajjeesuun barame.Dargaggoo maqaan isaa Amaanu'eel Xilahuun jedhamu maqaa deggeraa WBO'ti jedhuun Hagayya 29,2025 qabuun Mana hidhaatti dararaa erga tauranii booddee fuulbaana 3,2025 Mana hidhaatii baasanii ajjeesuu maddeen keenya gabaasanii jiru.
Kirkirri lafaa Afgaanistaaniitti muuddate lubbuu namoota 1,400 ol galaafate.
Afgaanistaanitti balaa kirkira lafaa muuddateen yoo xinnate namoonni 1,400 ol yoo du’an kanneen lakkoofsaan heduuu ta’an achi buuteen isaanii dhabamuu tajaajilli balaa tasaa biyyatti beeksise.
Bala Uummame kanaafis gargarsa barbaachisu gochuuf haalli karaa waan hi mijanneef gandoota fagoo dhaqqabuun gargaarsa kennuuf rakkachaa jiraachuu beeksisee jira.
Hojjettoonni ittisa siiviilii, Namoonni naannoo sanaa fi Humni waraanaa wiixata darbe baha Afgaanistaan magaalaa Mazar Dara keessatti Adoolessa 2, 2025 kirkira lafaa humna 6n mudateen namoota lubbuun hafan yeroo barbaadaa jiranitti namoota qaamaan caccaban arguun yaalii gochuufii itti fufuun beekkamee jiraa.
Chaayinaan meeshaalee waraanaa haaraa ifoomsite.
Addunyaarratti biyyi yeroo ammaa sodaachiftuu ta’aa dhufte Chaayinaan guyyaa har’aa meeshaalee waraanaa gurguddaa fi Ammayya’aa ta’an ifoomsuun beekkame.
Kabaja guyyaa yaadannoo injifannoo waggaa 80ffaa sababa godhachuun meeshaalee kana kan ifoomsite Chaayinaan Agarsiisa kanarratti Pireezidaantii biyyattii Shii Jiinpiingi, Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin fi Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun dabalatee hoggantoonni biyyoota 26 fi dhaabbilee idil-addunyaa sagantaa kanarratti hirmaachunis baramee jira.
Agarsiisa kanarrattis misaa’eloota baalaastikii haaraa,Dirooniiwwan gurguddoo bishaan keessa socho’uu danda’an fi meeshaalee waraanaa biroo ifoomsuun midialeen addunyaa gabaasaa oolanii jiru.
Misaa’eloonni kanneen akka DF-5C, DF-26D, DF-61 jedhamaniifi misaa’eloonni baalaastikii biyya qaxxaamuruu danda’an agarsiisa kana keessatti hammatamanii jiru.
Pireezidaantiin biyyattii Shii Jiinpiingi agarsiisicharratti ergaa dabarsaniin biyyi isaanii warreen humna qabna jedhaniif kan hin jilbiinfanne, humna kamiinuu kan hin injifatamne ta’uu ibsuusaanii RT’n gabaaseera.
Hoggantoonni Chaayinaa, Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqabaaf waltajjii tokkorratti wal arguunis ibsameera.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.