Aksuumitti murteen Hijaabarratti darbe barattoota Musliimaaf haaragalfii ta’us hojiirra oolmaan isaa shakkiidha jedhame.
Published Sept. 24, 2025, 12:06 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Murtee Manni Murtii Waliigalaa Tigraay kenneen barattoonni Musliimaa manneen barnootaa keessatti hijaaba uffachuuf mirga akka qaban kan mirkaneesse yoo ta’u, barattoota hijaaba uffatan daree barnootarraa dhoowwamuu haga qormaata biyyoolessaa irra akka hinteenye taasifamuu balaaleffate.
Maddeen oduu keenya akka gabaaseeti, Murteen kun namoota hedduudhaaf haaragalfii kan kenne yoo ta’u, qabatamaan hojiirra oolmaa isaa irratti yaaddoon ka'aa jira.
Dhimmi kun jalqaba bara 2025, yeroo barattoonni Musliimaa Aksum keessaa dhorkii kana morman eegalame.
Amajjii keessaa, Manni Murtii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa, manneen barnootaa naannichaa barattoota 159 akka daree hin seenne taasisuu isaani fi dubartoonni 14 qormaata biyyoolessaa kutaa 12’f akka hin galmoofne gochuu isaanii himatee ture.
Manni Murtii Ona Aksum ajaja kanas “sarbama mirgaa duubatti hin deebine” fiduu akka danda’u akeekkachiisuun, manneen barnootaa shan himata kanaaf deebii akka kennan ajajeera.
Manneen barnootaa tokko tokko murtii kana cabsuun erga argamee booda manni murtichaa dura bu’oonni manneen barnootaa poolisiitti akka dhiyaatan ajajeera.
Dhaabbileen waldaalee siivikii jahas aangawoonni murtii mana murtichaa hojiirra akka oolchan gaafataniiru.
Haa ta’u malee, ji’a Ebla keessa Manni Murtii Ona Aksum dhimmicha “jaarsummaan yookan adeemsa bulchiinsaatiin” akka furamuu qabu murteessun galmee cufeera.
Murtiin kennamus garuu barattoonni qormaata biyyoolessaa irra taa’uu akka hin dandeenye himanii turan.
Itti aansuunis Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay himata kana haaleera. Hogganaan biiroo kanaa Doktar Kiroos Gu’esh akka jedhanitti, barattoonni dubaraa qormaata kanaaf galmaa’an keessaa 24 “fedhii isaaniitiin qormaataaf hin dhiyaanne.”
Murtiin Mana Murtii Olaanaa yeroo dhiyoo baase barattoonni hijaaba kana uffachuun gara mana barumsaa deemuu fi qormaata fudhachuu akka danda’an mirkaneessa.
Namoota hedduudhaaf murtoon kun injifannoo seeraa qofa osoo hin taane egeree isaanii barnootaan deebifachuuf carraa ta’ee ilaalama.
Murtii kana Manni Murtii Olaanaa kennus, barattoonni ammallee hojiirra oolmaa isaa irratti shakkii keessa jirus jedhame.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan