Godina Arsii Bahaa Ona Shanan Kooluutti loltoonni Mootummaa haadha ilmaan 6 ajjeesuun dhaga’ame.

Published Sept. 23, 2025, 12:41 p.m. by FNN Staff

472



ODUU FNN

Humnoonni mootummaa Oromiyaa hunda keessatti duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran jabeessuun, Fulbaana 19,202 haadha ilmaan 6 kan taate Aadde Haliimaa Matoo Odaa kan jedhamtu loltoonni Mootummaa abbaa irree osoo isheen magaalaa Machaaraa deemtee ona Shanan Kooluutti galuuf deemtuu ona Daaroo Labuu keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii daandii irratti gatuu jiraattonni onichaa ibsan.

 

Harmeen kun dhalattuu godina Lixa Harargee ona Hancaar araddaa Odaa Gurraachaa yoo taatu, yeroo ammaa ona Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessa kan jiraattu ta'uu fi loltootni kunneen gaaffii tokko malee ajjeesanii biraa deemuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

 

[[[[[[[[[]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]

 

Haleellaan humnoonni finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti raawwatan jabaatee itti fufuu jiraattonni himan.

 

Humnoonni kunneen hidhattoota dabalataa laga Mormor ceesisanii naannoo Amaaraatii gara naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti galchaa jiraachuunis ibsameera.

 

Akka Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennanitti, godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abee Dongoroo magaalaa Tulluu Wayyuutti halkan edaa haleellaa raawwachuun ibsameera.

 

Milishoonni fi humni farra riphee lolaa Oromiyaa naannawaa sana ture muraasa ta'uu isaatiin humna finxaaleyyii jigiin dhufee seensa magaalattii irratti haleellaa bane ittisuu hin dandeenyee jedhan.

 

Godina Wallagga Bahaa ona Limmuu Galiilaattis jiraattonni haleellaa hidhattoota finxaaleyyiitiin sodaa jabaa jala jiraachuu himan.

 

Jiraattonni ona Limmuu Galiilaa ganda Lalii jedhamtu keessa jiraatan hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo ollaa keenya ona Giddaa Ayyaanaa ganda Dalasaa Makkanniisaa jedhamtu buufatanii haleellaaf qophaa'aa akka jiran dubbachuun, Hidhattoonni kunneen haleellaaf nutti dhaadataa jiru jedhan jiraattonni.

 

Humni finxaalessaa Faannoo Izzii Wallaggaa jedhee ofgurmeesse kutaalee waraanaaa garaagaraatiin tumsa Goojjamii dabalatee haleellaa bal'aa uummata irratti adeemsisaa akka jiru dhagahame.

 

Haleellaa tibbanaa kan raawwataa jiran kutaalee waraanaa Nabroo Deebisii fi Mabraq jedhanii moggaasan kan torban lama dura laga Mormor cehanii Goojjamii dhufan akkasumas kutaa waraanaa Yibalxaal Makonnin jedhamu ona Kiiramuutti hundeeffame, kutaa waraanaa Ayishaa Mohaammad kan ona Giddaa Ayyaanaatti hundeeffame ta'uu maddeen himanii jiru.


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.