Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti Muuddateen Namoonni hedduun du'an.

Published Sept. 2, 2025, 2:46 p.m. by FNN Staff

609



Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti muuddateen namoonni 1000 ol du'uun beekkame.

Akka midiyaaleen adda addaa ibsanitti Suuudaan Lixaa Naannoo tulluu maarraa jedhamutti balaa sigiga lafaa tasa muuddateen lubbuun namootabkanneennii darbuutu gabaafame.

Balaa hamaan kun kan uummames naannawa Taaraasii jedhamutti yoo ta'u Rooba cimaa Dilbata darbe Roobeen balaan kun kan uummameedha jedhan maddeen.

Jiraattonni naannawa balaa kanaaf saaxilamanii  kanaan duras Lola waraana Suudanii fi Humna Dafee dhaqqabaa (RSF)tiin hedduu miidhamuudhaan buqqa'anii gara kaaba daarfuriitti godaanuu isaanii maddeen ibsanii jiru.

Lola kanaaniis wal-qabatee bara 2023 keessa 150,000 ajjeeffamuufi miliyoononni qe'eerraa buqqa'uun kan yaadatamuudha.


Similar posts:

Ummanni Oromoo Guddichi Gaanfa Afrikaa baga Irreeccha bara 2025 geessaan.

NATOn Raashiyaaf Deebii Kennuuf Adeemsa Ba'amuu Qabu Cimsaa Jira Jedhame.

Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ethiopia Hojii Gadhiisan.

Dararrii Barsiisotarra qaama PPtiin ga'aa jiru.