Injifannoo WBO Birgeedii Waloo
Published Sept. 16, 2025, 1:04 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Gootichi WBO akkuma guyyaa kaanii har’as injifannoo addaa galmeessisuu beeksise.
Bifuma Kanaan WBOn zoonii gidduu galaa birgeediin Waloo Lola Fulbaana 15, 2025 tasiisen injifannoo addaa gonfachuu beeksise.
Kaayyoo isaa bilisummaa saba isaa kan taasifate Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) bilisummaa sabicha gonfachiisuuf halkaniifi guyyaa aarsaa bilisumman barbaduu hunda kanfalee injifannoo gonfachaa jiraachuun kan beekkamuudha.
Walwaraansa waraana Impaayerattii waliin Aanaa Jalduu Ganda Shukutee eddoo addaa Tasoo kaanbii Mana Barumsa Tasoo keessa bufattee jirtu irratti tarkanfii hadha'a fudhateen gutumaa gutuutti dhunfachuun, humnoota empaayeratti 26 booji'un, nama 60 addunyaarraa dhabama gochuu beeksise.
Kana malees Bulchiinsuma Magaala Shukutee jala iddoo addaa Hangar jedhamuttii haxxee hidhuun hedduu madoo cimaaf saaxilu beeksisee jira.Waraanni empaayeratti humna dabalaata Jalduu,Shukutee fi Gindabarat irraa dhuftees tarkaanfii gootichi irratti fudhateen madoo damdammii hin qabneef saaxilamuun beekkamee jira.
Tarkaanfii kanaanis qabeenya hedduu dugda diinatirraa hiikuun, moonaa Qabsoo Bilisumma Oromoof galii godhuu beeksise. Haaluma kanaan Kilashii (85), Kazeena (100), Isnayiiperii (1), Bireenii (girnoofa) (1), Rasaasa kilaashi kuma lama (2000) tarkaanfii kanaan dugda diinatirraa hiikee qabsoo haqaatiif galii gochuu beeksisee jira.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan