NATOn Raashiyaaf Deebii Kennuuf Adeemsa Ba'amuu Qabu Cimsaa Jira Jedhame.
Published Sept. 13, 2025, 2:35 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Roobii darbe dirooniwwaan Raashiyaa hedduun daangaa Poolaand weeraruu hordofee biyyoonni miseensa NATO loltoota fi jeettiwwan waraanaa heduu gara bahaatti sochoosuu eegalan jedhame.
Biyyoonni kanneen akka Denmark, Faransaayi fi Jarmaniifaa jeettiwwan waraanaa hedduu garasitti sochoosaa jiraachuun barame.
Biyyoonni miseensa NATO hafanis boodarra kan itti dabalaman ta'uu ibsuun, erga Pooland biyyashee cabsitee seentee Raashiyaa himattee eegalee Aworooppaa keessatti muddamni hamaan uummamuun beekkame.
Pooland cabsanii seenuun kun Raashiyaadhaan itti yaadamee kan qindeeffameedhaas jedhame.
Similar posts:
Ummanni Oromoo Guddichi Gaanfa Afrikaa baga Irreeccha bara 2025 geessaan.
Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ethiopia Hojii Gadhiisan.
Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti Muuddateen Namoonni hedduun du'an.
Dararrii Barsiisotarra qaama PPtiin ga'aa jiru.