Dararrii Barsiisotarra qaama PPtiin ga'aa jiru.

Published Sept. 1, 2025, 1:21 p.m. by FNN Staff

542



ODUU FNN

Godina Gujii Lixaa Ona Bulee Horaatti Humnoonni PPsafuu hin beekne Barsiisaa Huccuu irraa baasuun Ummata fuundura oofaa ooluun dhaga'ame.

Akka maddeen keenya jedhanitti Barsiisaa Gammadee Jiloo Bariisoo kan jedhamu guyyaa har'aa Fulbaana 1/2025 Maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun erga mana isaatii fuudhanii deemaniin booddee,karaatti baasanii Huccuu guutuu erga irraa baasanii Ummata fuunduratti reebichaa fi dararrii hamaa irraan ga'uun baramee jira.

Akka maddeen achii jedhanitti Barsiisaa Gammadee Jiloo Ganda Roophiyaa jedhamtu kan jiraatu yoo ta'u,hidhata qaamaa Siyaasaa kamiinuu akka hin qabne himanii jiru


Similar posts:

Ummanni Oromoo Guddichi Gaanfa Afrikaa baga Irreeccha bara 2025 geessaan.

NATOn Raashiyaaf Deebii Kennuuf Adeemsa Ba'amuu Qabu Cimsaa Jira Jedhame.

Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ethiopia Hojii Gadhiisan.

Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti Muuddateen Namoonni hedduun du'an.