Filannoo namni tokko sagalee tokko kennuu waggoota 58 booda Somaaliyaatti gaggeeffamaae
Published Dec. 25, 2025, 1:13 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Erga bara 2004 as angafawwan gosaan kan bakka bu’aa filataa turan lammileen Somaaliyaa Mooqadiishootti kallattiin filannoo mana maree taasisaa jiru
Jiraattonni Magaalaa Mooqadiishoo harra filannoo mana maree magaalattii taasifamaa jiru irratti hirmaataa jiran. Kunis filannoo kallattii biyyattiin waggaa shantamaa ol booda taasifte isa jalqabaati jechuun gabaafamee jira.
Naannolee hammaan Somaaliyaarraa adda bahanii filannoo taasisan Puntilaandi fi Somaaliilaandiin ala, filannoon kallattii kan walii galaa Somaaliyaatti kan taasifame bara 1969, ture. Kunis wayita Ziyaad Baarree fonqolcha mootummaa hin taasisin turtii ji’ootaan duratti filannoo taasifame ture.
Erga biyyattiin waraana waloo keessatti kufteen booda bara 2004 filannoo al kallattii kan jalqabdee turte yoo tahu, yaadi kunis wal morkii gosa jidduu furuuf kan yaadame ture.
Haal duree filannoo al kallattii ture kanaan angafawwan gosaa miseensota mana maree yoo filan, miseensawwan kun ammoo pireezidantii biyyattii filataa turan. Kana boodas Pireezidantiin Kantiibaa Magaalaa Mooqadiishoo muuduuf itti gaafatama qaba.
Lammileen Somaaliyaa gaggeessitoonni siyaasaa mala filannoo al kallattii kana malaammaltummaa keessaa argtan jechaanis himatu.
Filannoon amma Mooqadiishootti taasifamaa jirus, kanaan dura kan adda citee ture filannoo kallattii biyyattiif agarsiistuu isa jalqabaati jedhamee jira.
Filannoo Mooqadiishiin harra taasisaa jirti jedhame kana irratti kaadhimamtoonni 1605, taa’umsa mana maree magaalattii 390’f dorgomaa jirani.
Abdishakuur Abiib Haayir Miseensi Koomishinii Boordii Filannoo Somaaliyaa, filannoo kana booda ka filaman miseensonni manneen maree Kantiibaa Moqaadishoo ni filatu jechuun himan.
“Haalli kun Somaaliyaan suuta miilaan dhaabataa jiraachuu agarsiisa, filannoo mana maree Mooqadiishoo kana booda inni hafe akka biyyaatti ni taasifama” jechuun Miseensi Koomishinii Boordii Filannoo Somaaliyaa dubbachuu maddeen gabaasanii jiru.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan