Masriin Itoophiyaa waliin rakkoo hin qabdu, waliigaltee qofa barbaaddi - Al-Siisii

Published Dec. 21, 2025, 3:04 p.m. by FNN Staff

275



ODUU FNN

Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaa Al-Siisii Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa waliin waliigaltee seeraa dirqisiisurra gahuun kan darbe ''rakkina biraa hin qabdu'' jedhan.

Pirezidantichi kana kan dubbatan walgahii ministeerota lammaffaa yaa'ii Tumsa Raashiyaa fi Afriikaa Kaayirootti ta'aamurratti namoota biyyoota Afrikaa garaa garaarraa dhufan waliin yeroo mariyatan kana dubbachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Al-Ahram gabaaseera.

Al-Sisiin akkas jedhan ''Masriin Itoophiyaa waliin ''rakkina biraa hin qabdu, garuu mirgi laga Abbayyaarratti qabdu akka jalaa hin tuqamne mirkaneessuu qofa; kanaaf waliigaltee seeraa dirqisiisurra akka ga'amuu barbaanna,'' jechuun ejjennoo biyyi isaanii hidha Haaromsaa Itiyoophiyaan ijaartee, hojii eegalalchifterratti qaban dubbatan.

Torban muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdellatii, biyyi isaanii Itoophiyaa waliin marii dabalataa akka hin barbaanne, marii waggoota 13 Itoophiyaa waliin gaggeessite bu'aa akka hin argamsiisne, akkasuma akkaata seera addunyaatiin mirga keenya kabachiifanna jechuun maddeeniitti himanii turan.

Hidhi Haaromsaa waggoota kudha afur ijaaramaa ture keessatti mariin Itoophiyaa, Masrii, fi Sudaan gidduutti irra deddeebiin addaan citee deebi'ee taa'amaa ture.

Biyyonni fi dhaabbileen garaa garaa biyyoota kana waliin marisiisaa turan.

Masriin guutinsaa fi bulchiinsa itti fufiinsaan hidhichaa bulchuun akkaata danda'amurratti Itoophiyaanwaliigaltee seeraan dirqamsiisaa ta'e akka mallatteessitu gaafate turte, Itoophiyaan ammoo fudhachuu didde.

Masriin qooda bishaan Abbayyaarraa argachuu barbaaddu seena keessattin akkaata waliigaltee bara kolaniitti akka ta'u feeti.

Pirezedant Al-Sisiin Sambata darbe bakka bu'oota biyyoota Afrikaa waliin walga'ii taa'anirratti, imaammanni Masrii dhimma keessoo biyyoota biroo keessa seenuu dhiisuu fi tasgabbii dhabiinsa hambisurratti qabdu jabaa ta'uu waajjirrisaanii ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa ibsa cimaa dhiheenya kana kenneen Masriin gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisuuf yaalaa jirti jechuun himate. Xiyyeeffannaan Masrii inni guddaan Itiyoophiyaa ta'uu fi naannicha guutuu tasgabbii dhabsiisuu akka barbaaddu ibse.

Dabalataanis yeroo dhiyoo asitti gareewwan hidhattootaa kutaalee IItooophiyaa gara garaa keessa socho'an meeshaa waraanaatiin Masriin akka deeggartu jechuun gabaasa miidiyaa mootummaa Itoophiyaa fi mariirratti irra deddeebiin dhiyaataa ture.

Pirezedant Al-Siisiin biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin garaagarummaa qabaatus, waldhabdeen marii fi furmaata siyaasaatiin furamu qabu jechuun "Masriin yoomiyyuu Itoophiyaa doorsiftee hin beektu" jechuun dubbatan.

Haata'u malee, Pirezedantichi, Ministirri Dhimma Alaa, fi qondaaltonni olaanoo Masrii biroo yeroo adda addaatti Hidha Haaromsaa hordofuun dantaa biyya isaanii fi nageenya bishaanii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda akka fudhatan irra deddeebiin ibsanii turan.

Ibsa qondaaltota Masrii kana hordofuun Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, Masriin marii caala "waldhabdee babal'isuuf dubbii barbaadaa jirti" jechuun, hawaasni addunyaa tarkaanfii kana akka balaaleffatu gaafateera.

Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa nageenya bishaanii fi dantaa biyyaalessaa isheef balaa ta'a jetturratti Itoophiyaa waliin waliigaltee seeraa fi dirqisiisaa ta'eerra akka gahamu barbaaddi.

Haata'u malee, Itoophiyaan waliigaltee akkanaa walabummaa fi dantaa biyyattii balaadhaaf kan saaxilu ta'uu eeruun didaa turte.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.