Oduu oolmaa Oromiyaa keessaa.
Published Nov. 26, 2025, 4:25 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Wallagga Lixaa Ona Gullisootti humnoonni mootummaa dargaggoota 6 ajjesuun brame.
Godina Wallagga Lixaa Ona Gullisoo ganda Maaruu jedhamutti Sadaasa 23, 2025 humnoonni mootummaa PP dargaggoota Oromoo 6 maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun qabanii deemuun waajjira Poolisii erga tursiisanii guyyaa sadii booda Sadaasa 25, 2025 mana hidhaatii baasanii bakka Jaarsoo Baddeessoo jedhamutti ajjeesuu maddeen gabaasanii jiru.
Akka maddeen kunneen gabaasanitti dargaggoonni kunniin Onoota Gullisoo fi Aayira irraa hojii geejjiba doqdoqqeen ummata deeddebisuu irratti bobba’anii ofii fii maatii isaanii jiraachisaa akka turan ifoomsanii, waraanni mootummaa PP WBO ittiin deddeebistu maqaa jedhuun ajjeechaa kana irratti raawwachuus maddeen kunneen gabaasanii jiru.
Maqaan dargaggoota 6n jimlaan ajjeefamaniis:
Obsii Karrasaa
damee sambataa
Boonaa Imaanee
Magarsaa Abdii
Daawwit Darajjee
Magarsaa Abdii fi Firoomsaa Malkaamuu kanneen jedhaman ta’uun baramee jira.
Kana malees Dargaggoo maqaan isaa Guutamaa Shifarraa jedhamu reebicha hamaa irratti waan raawwataniif du’aaf jireenya gidduu akka jiru maddeen dabalanii beeksisanii jiru.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Godina Lixa Shaggar Ona Dirree Incinniitti waraanni mootummaa PP ajjeecha uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuun barame.
Godina Lixa Shaggar Ona Dirree Incinnii ganda Qorroo Qarsaatti humnoonni mootummaa PP Sadaasa 24,2025 dargaggoo maqaan isa Dalasaa Tarrafaa Dhaabasaa jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsun ajjeessanii deemu maddeen gabaasaan. Akka maddeen gabasanitti humnoonnimootummaa baruma kana keessa obboleessa angaafa dargaggoo kanaa ajjeessuus ifoomsanii jiru. Bifuma wal fakkaatuun Godina Baha Shaggar Ona Dugdaa keessatti haadha daa'ima baatii 8 hidhaatti erga darbatanii booda manaafi qabeenya ishee jalaa barbadeessuun dhaga'ame.
Godina Baha Shaggar Ona Dugdaa ganda Bagalee Girrisaa iddoo addaa Luuccaa jedhamuun beekamutti Sadaasa 24,2025 waraanni mootummaa PP maqaa sakatta'insa WBO jedhuun magaalaa Maqii keessaa gara gandichaati bobba'uun, haadha daa’ima baatii 8ti kan maqaan ishee Gurree Tufaa jedhamtu akkasumas abbaaf intala kanneen ta'an obbo Boonsaa Jaarsoo fi shamarree Gaaddisee Boonsaa kanneen jedhaman waliin Sadaasa 22,2025 hidhaatti darbatamuun kan beekkamuudha.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Hawaasni Sikkoo Mandoo Minisootaa du'aan boqochuu piroofeesar Hamdeessaa Tusootiin gadda itti dhagahame ibse. Hawaasichi ibsa baaseen piroofeesar Hamdeessaan hayyuu gameessa, ambaasaaddara aadaa akkasumas nama umurii guutuu nagaa fi haqaaf falman akka ta'an himeeti jira. Uummanni Oromoo, hawaasni damee barnootaa addunyaa akkasumas namoonni ashaaraa hojii piroofeesar Hamdeessaatiin tuqaman nama jabaa dhabuu kan eere hawaasichi, piroofeesar Hamdeessaan hojii dhalootaa dhalootatti fulla'u hojjatanii darbuu ibse.
Hojiin isaanii seenaa keenya olkaase, kabaja keenya mirkaneesse, yeroo mara isaan yaadanna jedhe Hawaasni Sikkoo Mandoo Minisootaa. Jecha piroofeesar Hamdeessaa Tusoo ittiin qajeelfaman “Nagaan salphumatti walitti bu'iinsi dhabamuu otoo hin taane; haqni, dhugaa fi itti gaafatamummaan hawaasaa jiraachuu dha” jedhu yaadanna jedhe hawaasichi. Du'aan boqochuu piroofeesar Hamdeessaa Tusootiif maatii, hiryoota, barattootaa fi namoota isaan jaallatan maraaf Hawaasni Oromoo Sikkoo Mandoo Minisootaa jajjabina hawwee jira.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Baqattoonni naannoo Somaalee jiran baay'inaan Somaaliyaa irraa ta'uun isaanii adeemsa baqattoota hawaasatti makuu akka saffisiisu himame
Baqattoonni naannoo Somaalee jiran dhibbeentaan 99.9 Somaaliyaa irraa ta'uu ibsamuun, amantaafi afaan dabalatee aadaa hawaasa Somaaleen walfakkataa waan qabaniif pirojeektii baqattoota gara hawaasatti makuu si'ana eegalame akka saffisiisu Mootummaa Naannoo Somaaleetti Dursaan Kaabinee Huseen Qasiim (PhD) ibsan.
Ifaan eegalamuu piroojeektii baqattoota hawaasatti makuu ilaalchisee yaada Huseen Qasiim Addis Standardif kenneen, baqattoonni naannicha jiran baay’een isaanii Somaaliyaa irraa ta’uu eerun, amantaa, afaanifi aadaleen biroo baay’ee isaanii hawaasa naannoo Somaalee waliin waan walfakkatuf hawaasicharraa simannaa gaarii argachuufi pirojeektii kanas akka saffisiisu himan.
Koomishinarri Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gabaasa baaseen baqattoonnifi koolu galtoonni naannoo Somaalee jiran 360,468 ta’uu hubachiise. As keessaa dhibbeentaan 99.9 (360,410) Somaaliyaa irraa ta’uu eerun, kanneen hafan Yaman (45), Eertiraa (4) fi kan biroo (9) ta’uu eere.
Gabaasichi dabaluunis, dhibbeentaa 79 kan ta’an durbootafi daa’imman ta’uufi walakkaan ol (53%) umuriin isaanii 17 fi isaa gadi ta’uu ifoomse.
Huseen dabaluunis, baqattoonni kun amma haala “gaarii” irra jiru jechuun, pirojeektii kanaan seektara barnootaa, fayyaafi too’annaa balfaaf dursa akka laatan dubbachuun, pirojeektiin kun kan waggaa shanii ta’uu ibsan.
Gamtaan Awurooppaa (UN), Koomishinarri Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) fi Mootummaa Itoophiyaa waliin ta’uun, Naannoo Somaalee Qabriibayyaa keessatti baqattoota hawaasatti makuuf pirojeektii yuuroo miliyoona 14.26 kaleessa ifaan eegalchiisee ture.
Kanaanis tajaajiloota kanneen akka barnootaa, fayyaafi mana jireenyaa akka babal’isuufi bulchiinsa balfaa akka fooyyessu gabaafamee ture.
Pirojektichi baqattoota kuma 20 oliifi miseensota hawaasa iddichaa fi buqqaatota biyya keessaa kuma 52 ol fayyadamoo taasisa jedhamee eegama.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Dhoo’insi voolkaanoo Affaaritti mudate dhiibbaan qilleensa baramaa irraan geessisu xiqqaa ta’uu hayyoonni dubbatan
Dhoo’insi voolkaanoo Haylii Gubbii si’ana Affaaritti muudate balallii idil-addunyaa haga Hindiyaattillee fagaachuun gufachiisus dhiibbaan qilleensa baramaa addunyaa irraan ga’u xiqqaadha jedhan hayyoonni.
Hayyuun qilleensa baramaa Aleeksii Kokoriin yaada Dhaabbata Oduu Raashiyaaf kennaniin amma teempireecharaa gadi buusuun qorriinsa hagana jedhamu hin fidu jechuun, ganna bara 2025/26tti digirii seelshiyeesii 0.05 qofa hir’isuu mala jedhee raage. Duumessi haara voolkaanoo kanaa istiraatoosferii waan hin dhaqqabneef qorriinsa hin fidu jedhe. Kanaanis, baay’ee xiqqoo waan ta’eef waan nama yaaddessu akka hintaane eeran.
Kokoriin dabaluunis, kutaaleen addunyaa tempireechara ho’aa qaban ( handhuura lafaatti dhiyoo kan ta’an) keessatti kutaan atimoosferii lafatti aanu, tirooppoosferiin, olka’iinsa guddaa gara kiilomeetira 14 waan qabuuf haarri kutaa atimoosferii itti aanu, istiraatoosferii, hin dhaqqabu jedhe.
Naannolee qorraatti (qarqara lafaatti), garuu istiraatoosferiin gadi dhiyoo waan ta’eef osoo naannoo qorraa kanneen akka Kamchaatikaa yookaan Ayislaandi keessatti dhoo’insi kun muudatee kutaa kana dhaqqabuun qilleensa baramaa irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa jedhe. Garuu kan Affaaritti muudate naannoo ho’aatti waan ta’eef salphaatti haarri kun gadi bu’uun akka badu hime.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Rooba cimaa roobe hordofee balaan Lolaa waggoota 300 keessatti mudatee hin beekne muudachuun qormaata guddaa ta'e. Kibba Taayilaanditti balaan Lolaa waggoota 300 keessatti mudatee hin beekne mudate. Rooba cimaa roobu hordofee lolaan hamaan Taayilaandi fi Maaleezyaatti qormaata guddaa ta'eera. Kumaatamoonni qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru. Balaa Taayilaanditti mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 33 darbuutu himame. Haaluma kaanan Taayilaanditti namoonni miiliyoonni 2.1 ol balichaaf saaxilamuutu eerame. Hojiin lubbuu baraaruu fi balicha ittisuu kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hojjetamaa jira. Roobni hammaan miilii meetira 335 ta’e Magaalaa Kutaa Kibba biyyattiitti argamtu ‘Hat Yai’ roobuu isaa TRTn gabaaseera. Kunis waggoottan 300 booda isa jalqabaati jedhame. Kana hordofee balaa lolaa dabalataan sigigni lafaa miidhaa qaqqabsiisaa akka jiruu fi sigiga lafaa mudateenis lubbuun namoota 10 darbee Aj Zeeran gabaaseera. Qabeenyii fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun barbaadaa’uu ibsame. Haaluma walfakkaatuun Veetinaamitti balaa lolaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 98 qaqqabuun gabaafame. Lammiileen kuma 500 olitti lakkaawwaman bu’uuraalee misoomaa malee hafan.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Pireezidaant Doonaald Tiraamp baatii Eblaa keessa Chaayinaa daawwachuuf jiru. Imalli kun kan labsame Pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping Doonaald Tiraamp waliin bilbilaan erga dubbatanii booda. Tiraamp waamicha kana fudhachuu isaaniis mirkaneessanii jiru. Xii fi Tiraamp walitti dhufeenna biyyoota lamaanii cimsuu fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti waliin hojjechuu irratti mari’ataniiru. Pireezidaantonni kunneen ji’a Onkoloolessaa keessa Kooriyaa Kibbaatti yeroo walga’anis dhimma Taayiwaan irratti mari’achuu dadhabaniiru. Gama biraatiin miidiyaaleen Chaayinaa akka gabaasanitti, Xi Jinping bilbila dhiheenya kana bilbilaniin Taayipeen Beejiingitti makamuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Waashingitan fi Beejiing, erga Doonaald Tiraamp yeroo jalqabaaf aangoo qabatanii as waldhabdee keessa kan turan yoo ta’u, amma gara furmaataatti akka hojjetan abdii qaban. Gabaasni kun akka hubachiisutti, Ameerikaa fi Chaayinaan dhimmoota tarsiimoo irratti wal dhabanii turan. Tiraamp ji’a Eblaa keessa gara Eeshiyaatti akka deebi’an mirkaneessuun waldhabdee dippilomaasii hanga tokko ni salphisa jedhamee eegama. Keessattuu, ejjennoo Waashingitan Taayiwaan Strait irratti qabdu baay’ee cimaa ta’uun ishee Beejiingiif balaa waraanaa ta’eera. Chaayinaan US “imaammata Chaayinaa tokko” jedhu akka hin hordofne yoo himtu, Waashingitan Beejiing humna waraanaa fayyadamuun naannoo ishee naannicha keessatti babal’isuuf jirti jechuun falmiti. Yeroo biyyoonni lamaan waldhabdee keessa jiranitti Tiraamp gara Chaayinaa akka deeman mirkaneessuun dippilomaasiidhaaf karaa ni saaqa jedhamee eegama.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.