Oduu haala Oromiyaa fi Addunyaa
Published Nov. 23, 2025, 5:02 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lixa Shaggar Ona Ambootti humnoonni PP Onoota irraa walitti dhufuun kallattii ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo balleessan jedhuun waltajjii ta'aa turuun barame.
Murtoon siyaasaa waraanaaf deemuu ummata nagaa miidhuu irratti xiyyeeffachuun rakkoo kan qaqqabsiisu ta'us, murni Bilxiginnaa godina Lixa Shaggar Ona Ambootti maqaa nageenyaa tiksuun Onoota irraa kaadiroota walitti qabuun maree irra turuun hiccitii keessoo PPtii baateen ifoomtee jirti.
Mareen kunis guyyoottan afuriif kan ture oggaa ta'u, Onootae godinichaa maras kan hirmaachise irra jireessaan bakkeewwan Waraanni Bilisummaa Oromoo socho'uu maratti uummataaf eeggannoo osoo hin goone ajjeechaa akka geggeessan irratti waliif akka galanis beekameera.
Miidhaa jeequmsaa murna Bilxiginnaan kufaatii tajaajilli barbaachisoo uummataaf kennamu dhabamu, gaaga'ama dinagdee fi miidhaa sammuu akkasumas lubbuun kumaatamaan manca'aa kan jiru, murni kunis ajjeechaa raawwatu waakkachuun daranuu uummata nagaa fixuuf haal-dureewwan mijeeffachaa jiraachuunis baramee jira.
Murtoon hoggantoota siyaasaa Bilxiginnaa fi waraanaa kan akka meeshaa waraanaa gurguddaa naannoo namoonni baay'inaan jiraatanitti diroonii dabalatee uummata nagaa fixuuf karoorsaa kan jiran oggaa ta'u miidhaa namoota siiviilii hamaa fi tilmaamamuuf nama yaaddessu geggeessuun bu'uuraalee barbaachisoo akka hospitaalotaa barbadeessuun gootummaanis dhaadataa akka jiran keessa beektonni dubbatanii jiru.
Bifuma wal fakkaatuun Godina Iluu Abbaa Booraa Onoota garaagaraa keessatti waraanni impaayerattii maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun uummata dararaa jiraachuun ibsame
Godina lluu Abbaa Booraa Onoota garaagaraa kanneen akka Bachoo, Noophaa, Hurrumuu, Algee Saachii fi kanneen biroo hedduu keessatti maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun uummata meesha maleeyyii dirqamaan bobbaasuun dararaa jiraachuu jiraattonni maddeeniif ifoomsanii jiru.
Akeekaa fi kaayyoon sakatta'iinsa kanaas sochii Waraana Bilisummaa Oromoo danquu fi Onoota godinichaa cufa keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu kan jedhu irratti oggaa ta'u, uummatni meesha maleessi harka isaa duwwaa bosonaa fi gaarreen garaagaraa keessa joorfamee dararamaa jiraachuu jiraattonni irra deebiin ifoomsanii jiru.
Kana malees Godina Wallagga Bahaa Onaa Kiiramuutti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummanni oomisha qonnaa isaa akka hin sassaabbanne danqaa jiraachuun ibsame.
Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, humnoonni finxaaleyyiin Faannoo naannicha dahatanii jiran uummata oomisha qonnaa isaa sassaabbachuuf socho'u riphanii eeganii haleellaa irratti raawwatuu jedhame.
Sababa kanaatiin uummanni gandoota tokko tokko keessatti karaa oomisha isaa sassaabbatu dhabuu eeranii, humnoonni mootummaa sakattaa taasisanii Onicha akka qulqulleessan gaafataniiru.
Gandoonni Ashuu Kusaayee, Qilxuu Aabboo, Marga Jireenyaa fi Baddeessa jedhaman humnoota finxaaleyyiin qabamanii uummanni guutuutti oomisha sassaabbachuu dadhabee jedhan.
Gandoota Lalistuu Somboo, Caffee Guddinaa fi Booqaa jedhamanis rakkoon walfakkaataan akka jiru dubbataniiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 44 ol ta’an dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin arganne ibsame.
Gamaaggamni Uummata Addunyaa (World Population Review) Itiyoophiyaan bara 2025tti biyyoota qulqullina bishaan dhugaatii gadi aanaa qaban keessaa tokko
jedheera.Kanaanis; Itiyoophiyaaf qabxii 19.2/100 kenneefi.
Indeeksii kun Namoota bishaan qulqullina hin qabne dhugan kuma 100 keessaa namoonni meeqa sababa bishaaniin walqabatee umriisaa dhaba jedhu bu'uura godhuun madaalliin kan hojjetame yoo tahu,biyyoonni akka Jarmanii, Yunaayitid Kingidam, Xaaliyaanii fi Giriik qabxii 100 kan kennameef yoo ta’u, Biyyoota lammiileen isaanii bishaan dhugaatii qulqulluu argatan jedhamaniiru.
Gabaasa kanaan Biyyoonni 10 tarree kana irratti qabxii gadi aanaa argatan hundi isaanii Afrikaa irraa kanneen ta'aniidha.
Itiyoophiyaan ammallee Lammiileen isii namoonni miiliyoona 44 ol ta’an bishaan dhugaatii qulqulluu kan hin arganne yoo ta’u, kunis baay’ina ummata isii keessaa %42.7 akka tahe ibsameera.
Kana malees bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu dhabuu irraa kan ka’e Biyya; namoonni dhibeewwan bishaan dhugaatii waliin walqabataniin saaxilamaniidha jedhamte.
Biyya lammiileen isii miiliyoona 44 ta'an Bishaan dhugaatii qulqulluu hin arganne jedhamte Itiyoophiyaan, Naayijeeriyaatti aantee biyya lammiileen isii Miiliyoona 60.1
Namoonni heddu dhiheessii bishaan qulqulluu hin arganne Biyya Afrikaa akka taate gabaasni kun mul'isa.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Lolaa bishaanii Veetnaamiin dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 41 kan du’an yoo ta’u, namoonni sagal achi buuteen isaanii dhabamuu fi tattaaffiin baraarsaa taasifamaa jira.
Lolaan kun manneen jireennaa kuma 52 ol bishaan keessa galchuun maatii fi dhaabbileen daldalaa walakkaa miiliyoona ta’an humna ibsaa dhabaniiru. Jiraattonni kuma kudhaniin
lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Naannolee tokko tokkotti guyyoota sadan darbanitti rooba meetira 1.5 ol roobee jira. Bakka tokko tokkotti ammoo rikoordii bara 1993 meetira 5.2 ture ni caala jedhamee eegama.
Veetnaam ji'oota darban keessa haala qilleensaa hamaan miidhamteetti. Obomboleettiin lama Kalmagyi fi Bualaoi jedhaman torban muraasa keessatti du'aa fi badiinsa bal'aa geessisaniiru.
Akka mootummaan kun jedhutti, bara kana baatii Amajjii hanga Onkoloolessa jidduutti Veetnaam keessatti balaa uumamaa muudatuuf baasii doolaara biiliyoona 2tti tilmaamama.
Bulchiinsi kun labsii yeroo hatattamaa erga sigiga lafaa daandii gurguddoo fi daandii guddaa miidhee booda labsii baaseera.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Israa’el weerara lafaa haaraatiin dhukaasa dhaabuu Gaazaa cabsitee jirti jedhame.
Biyyattiin weerara lafaa haaraa Gaazaa irratti eegalte jedhameera.
Waraanni Israa’el dhukaasa dhaabuu kanaan dura giddu-galeessa Ameerikaan taasifte hordofuun naannoo tokko tokkotti weerara lafaa eegaluun isaa ni yaadatama.
Loltoonni Israa’el naannoo mana jireenyaa irraa meetira 300 keessatti socho’uun meeshaa waraanaa dhukaasuun konkolaattota dhoo’an dhoosuun maatiin naannoo Tufaa fi Shujaiya baha magaalaa Gaazaa keessa jiraatan akka baqatan dirqisiisan jedhameera.
Waraanni Israa'el akka jedhetti haleellaan kun Gaazaatti "Sarara Keelloo" irratti raawwatame.
Al Jazeera akka gabaasetti Falasxiinonni kaaba Gaazaa jiraatanis goolama kana jalaa miliquun
lubbuu isaanii baraaruuf yaalii godhaa jiru.
Oduu kanaan wal qabateen, haleellaa West Baankii marfame irratti raawwatameen dargaggoonni Falasxiin lama naannoo Kafr Aqab Baha Yerusaalemitti ajjeefamaniiru.
Kibba Gaazaatti naannoo Khan Yunis “Sarara Keelloo” ala namni tokko ajjeefame, bakka sanatti dhukaasni fi mana diiguun itti fufeera.
Waxabajjii bara 2023 irraa eegalee lola Israa’elii fi Hamaas jidduutti geggeeffameen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 69,546 ajjeefamaniiru jedha gabaasni.
Aljazeeraan akka gabaasetti namootni 170,833 madaa’aniiru.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.