ABO fi KFOn PMNO obbo Shimallis Abdiisaaf Xalayaa banaa barreessan.
Published Nov. 19, 2025, 3:47 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn karaa HD dhaabichaa, Jaal Daawud Ibsaa akkasumas Kongireesiin Federaalawaa Oromoo KFOn karaa Hoogganaa paartichaa, prof. Mararaa Guddinaa haala nageenyaa Oromiyaa irratti Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa waliin marii'achuuf xalayaadhaan ifatti Beellamni qabameef akka mariyachuu barbaadan beeksisan.
Goolama Siyaasaa Impaayera Itiyoophiyaa addatti immoo Oromiyaa mudatee jiruuf Marii fi Marabbaan uummata Oromoo gidduutti akka deemu uummatni Oromoo bal'aan hawwaa kan jiru yoo tahu,yeroo kanatti dhaabotnii fi hooggantootni dhaabichaa kana murteessuun marii taasisuuf gaafachuun isaanii rakkoo Nageenyaa Oromiyaa keessa jiruuf tarkaanfii akkasii fudhachuun furmaata tokko jedhamee yaadama.
Oromoon akka sabaatti nagaa akka argatuu fi Oromiyaan nagaa akka taatuuf Mootummaa fi paartiileen Siyaasaa Oromoo waloon Yeroo kanatti yeroo kamuu caalaa haala as deemaa jiru ilaalanii wal gaareffachuurra walitti dhufanii tokkummaan Oromoo dagaagee humna Oromoo gargar facaasu irraa of qusannoo tokko malee waloon dura dhaabbachuun Oromiyaa madda Nageenyaa dhugaan keessatti dagaagu gochuu qabu jedheen amana.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Barattoonni Musliimaa Dirree Barnoota irraa dhiibamaa jiru jedhe Majlisni Federaalaa.
Manni maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Barattoonni Musliimaa Dirree Barnoota irraa dhiibamaa jiran jechuun ibsa ibaaseera.
Pireezidaantiin Mana maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Kab. Sheek Hajji Ibraahim haala yeroo Irratti ibsa guyyaa har'aa kennaniin Ministirri Barnootaa dhiibbaa barattoota keenna irraan gahaa jira jedhan.
Dhiibbaan Mootummaa darbeen nurra gahaa ture Mootummaa jijjiiramaan furmaata argateera kan jedha Sheek Hajjiin, barri kun kan walqixxummaati malee bara inni tokko isa biraa danda'ee deemu miti jedhan.
Waggoota darban keessa Mootummaatti Ajandaa haaraa uumuu irra jennee rakkoo dirree barnoota keessatti barattoota Musliimaa irra ga'aa ture obsinee baachaa turre, ammaan booda garuu hin dandeenyu kanaaf Ministirri Barnootaa yeroon furmaata kaa'u qaba jedhan.
Manni Marechaa ibsa kanaan “Dhimma hijaabaa fi salaataa irratti qondaaltota Majlisaa waliin wal-hubannoo irra gahameera jechuun ibsi Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa kenne dhugaa irraa kan fagaateedha” jedheera.
Ministirri Barnootaa Yaa’ii Barnoota Biyyaalessaa Sadaasa 2, 2018 Magaalaa Adaamaatti geggeeffame irratti ture dhimma dhoorgaa hijaabaafaa kana irratti majlisa waliin waliigaltee irra ga'uu isaanii kan himan.
Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa itti dabaluun, “Ministiricha dabalatee qaamoleen tokko tokko” akkaataan Heera Itiyoophiyaa keewwata 11 fi keewwata 90(2) itti hiikan “haala tumaaleetiin ala ta’uu fi akeekaa fi fedhii miseensota Mana Maree Heera Mootummaa waliin kan wal faallessu waan ta’eef” fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.
Ministeerri Barnootaa akkaataa uffannaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti, “tarkaanfiin fudhataa jiruu fi ejjennoo inni qabu dhaabbata hawaasa Muslimaa waliin kan irratti hin mari’atamneefi walii galtee irras hin ga'amne waan ta'eef" fudhatama hin qabu jechuun ibseera.
Itti dabaluunis Sheek Hajjiin Yeroo Mootummaan Filannoo Biyyaalessaa gaggeessuuf deemu keessa namoonni ajandaa akkasii kaasan gochaa isaaniirraa of qusachuu qabu jedhan.
Similar posts:
Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.
Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.
Manni Murtii Ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Rohinjiyaa dhaggeeffachuu eegaluufi.