Ummanni Oromoo Guddichi Gaanfa Afrikaa baga Irreeccha bara 2025 geessaan.
Published Oct. 3, 2025, 6:51 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN.
Sabni Oromoo guddichi gaanfaa Afrikaa durii kaasee jiruuf jireenya isaa keessatti, aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa fi amantii mataa isaa qaba.
Isa keessaa inni tokko ayyaana Irreechaa, kan ittiin miidhagu, Uffata aadaa isaan faayamee addunyaatti eenyummaa isaa kan ittiin calaqqisiisuu ayyaana Irreechati.
Irreecha irratti Oromoon marga jiidhaa qabatee waaqa uumaa tolaa, milkaa'inaa, jiruuf jireenya darbeef galateeffataa, nagaadhaafi tokkumma itti kadhata, kan dhufuuf abdii itti kennata. kanaaniis addunyaarratti jaarraa hedduuf ittiin beekkamaa ture, ammas caalmaatti ittuuma jira.
Sirna kabaja ayyaana Irreechaa kanaafiis Ummanni guddaan kun aarsaa hedduu itti kaffalee asiin gayee jira. ammas aarsaa kaffalee sirna isaa kan har'aan gaye kana tikfachaa jira.
Sirnoonni dhufaa darbaan calaqqee saba guddaa kan ta'e ayyaana Irreechaa kana balleessuuf gaarri hin ba'amne hin jiru, lagni hin ce'amnes hin turre.
Oromoon waan isaa tikfachuu waan itti beekuuf sirnoota dhufaa darbaa dura dhaabbachuun kunoo Irreecha bara kanaa kan bara 2025 gayee kabajachaa jira.
Sirna ayyaanaa kanarrattis Oromoon guutuu addunyaarra jiru bakka jirutti, kan carraa argates malkaa hora Finfinnee fi hora Bishooftitti dhaqee irreeffachuuf shurshuraa kan jiru yoo ta'u, saboonni aantummaa Oromoo qabanis sirna kana bifa oo'aadhaan irratti hirmaachaa akka jiran baramee jira.
Midiyaan keessan midiyaan sagalee cunqurfamtootaa FNN baga ayyaana Irreechaa kan bara 2025 geessaan jechaa, diinni yoomiyyuu gaafa sabni kun wal argu waan hin jaalanneef isin keessa dhokatanii, sabboontota fakkaatanii sabboontota fi hirmaattoota sirna guddaa kana maqaa balleessuuf akka isin gidduu hin seennee jechaa, ayyaanni kun ayyaana milkii akka nuuf ta'u hawwii qabnu isiniif dhaamna.
Similar posts:
NATOn Raashiyaaf Deebii Kennuuf Adeemsa Ba'amuu Qabu Cimsaa Jira Jedhame.
Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ethiopia Hojii Gadhiisan.
Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti Muuddateen Namoonni hedduun du'an.
Dararrii Barsiisotarra qaama PPtiin ga'aa jiru.