Gocha hammeenyummaa finxaaleyyiin Faannoo Uummta wallaggaarratti raawwatan.

Published Oct. 28, 2025, 12:51 p.m. by FNN Staff

309



ODUU FNN

Harmeen Godina Shawaa Lixaa Aanaa Naannoo Ganda Halloo Dinkii keessaa haleellaa humna Finxaalessa Faannootiin Onkoloolessa 19 bara 2025 raawwatameen butamanii bosona keessa tursiifaman gochi sukaneessaa irratti raawwatamuu isaanii BBCn gabaase.

Maqaan isaanii Aadde Muluu Alamuu jedhamu. Aanaa Noonnoo Ganda Halloo Dinkii jiraatu. Aadde Muluun haadha ilmaan torbaati.

Onkololeessa 19 bara 2025 haleellaa hidhattoonni Faannoo naannichatti raawwataniin namoota seenaa gaddisiisaan isaan mudate keessaayi.

Aadde Muluun guyyaa sana biyyi nagaadha jedhanii ulaa cufatanii ijoollee isaanii xixiqqaa shan waliin mana keessa turan. Irbaata nyaatanii hanga sa'aatiin hirriibaaf ciisan gahutti mucaa xiqqaa hammatanii taa'aa turan.

Galgala sa'aatiin sadi yoo ta'u garuu waan takkaa isaan hin eegnetu mana isaanii lixe.

Ulaa manaa isaan cufatanii turan dhiitichoo hidhattoota Faannootiin keessatti cabsamee jarri kilaashii hidhate qiyyaafannaa isaanii Aadde Muluu fi ijoollee xixiqqaa isaaniirratti taasisan.

"Guyyaan sun Sanbata guddadha. Ani daa'ima xixiqqaa hammadheen taa'aa ture. Gaafa isaan cabsanii ol nutti seenanii qawwee nutti qaban ani ka'een harka kennadhe. 'Daa'imman kiyya na duratti hin ajjeesinaa ana alatti baasaa na ajjeesaan' jedheen" jechuun haala ture yaadatu.

Hidhattoonni kunneen Aadde Muluu ajjeesuurra qabanii deemanii maallaqa kanfalchiisuu wayya jedhanii erga dubbataniin booda harkashee lamaan duubatti hidhanii manaa fi ijoolleeshee gidduudhaa fudhatanii bahan.

Sa'aatii kun raawwatutti ilmi hangafaa Aadde Muluu kan umuriin isaa ganna 20 ta'ee fi maqaan isaa Abbushaa Amaan jedhamu ollaa mana namaa ture. Yeroo walfakkaataa kanatti mucaan hangafaa isaanii kun bakka ture kanatti namoota biroo waliin mana keessatti warra ajjeefame keessaayi.

Aadde muluun garuu odeeffannoo kana hin dhageenye turte. Hidhattoonni kunneen Aadde Muluu fi dubartii ollaa isaanii kan biroo tokko fuudhanii lafa bosonaa fageenya dheeraa miilaan deemsisuu himu.

"Harka nu hidhanii luka duwwaa arrabsoo sabummaa nu arrabsaa, dhakaa mukarra nureebaa bosona keessa nu oofan" jedhu.

Haadha Ijoollee torbaa kan ta'an Aadde Muluu fi dubartii isaan waliin fuudhan kana halkan imala sa'aatii afur caalu miilan deemsisan. Hidhattoonni gaafas isaan fuudhanii deeman nama 50 akka ta'anis tilmaamu.

"Warra nufuudhe sana keessaa namoonni ani ijaan beeku jiru. Maqaa isaanii abalu jedheetan hin beeku malee warruman beekudha. Warra kana dura naannoo keenya dhufanii qonna hojjechaa turantu keessa jira" jedhan.

Halkan isaan fuudhan sana gara gammoojjii Gibee keessan bosonuma keessa isaan bulchan.

"Caakkaa keessa nubulchan. Gaafa lammataa qilee tokko keessa nugalchanii achi keessa nu oolchan. Makkalaakayaan dhufee yeroo dhukaasu isaan qilee keessa jiru. Gaafa guyyaa ittaanu ammoo achii nubaasanii lukumaan gara Waanzaa Abasgee nugeessani" jechuun haalaa keessa darban ibsu.

Imala lafoo dadhabsiisaa fi fageenya dheeraa kana keessatti yeroo deemuu dadhabanii 'dadhabne' jedhan reebichi akka irratti raawwatamaa tures himu.

Aadde Muluun erga harka hidhattoota kanaa bu'anii dubartii isaan waliin qabamte kana waliin tokkoon tokkoon isaanii birrii miliyoona tokko tokko kanfalanii akka gadhiifamantu itti himame.

Hidhattoota Faannoo manaa isaan butanii dhufan kana akkuma Aadde Muluun Ijaan beekan warri hidhattootaas isaan beekaniiru. Kun ammoo carraa lubbuun gadhiifamuu Aadde Muluu gaaffii guddaa keessa kan galche ta'e.

"Dubartiin na waliin qabamte Afaan Amaaraas hin beektu. Isheen birrii kaffaltee haa baatu jedhan. Anaan ammoo 'isheen afaan keenyas, eenyummaa keenyas waan beektuf maallaqa kaffaltee yaa ajjeefamtu' jedhanii natti murteessani" jedhu.

Dubartiin Aadde Muluu Waliin qabamte birrii kuma 300 isaaniif kanfalamee akka gadhiifamtu murteessan. Aadde Muluun garuu lubbuudhaan akka isaan biraa gadhiifamtu hidhattoonni kunneen hin feene. Sababni isaa ammoo 'nubeekti' kan jedhuudha.

Isaan alattis mucaa dhiiraa hangafaa isaanii kan ganna 20 guyyicha akka ajjeesanis bakka too'atamanii jiran kanatti afaan hidhattootaa irraa dhagahan.

"Ilma kee immoo meeshaadhaan dhoofnee ajjeesnee jirra. Mucaakee bareedaa sana ajjeesnee dhangalaasnee jirra. Sih ammoo albeedhaan siqaluuf siiqopheessinee jirra' naan jedhan. Albee nadura qabanii 'gaheen kee kanatu si eeggata' naan jedhan" jedhu.

Albee ittiin qalamta jedhaniin kana yeroo ija dura kaa'an rifatanii iyya keessaa fuudhuu yaadatu.

"Albee ija dura nakaa'an sana arginaan rifadheetan iyye. Oggaan iyyu' hanga sa'aatiinkee gahutti hin teessuu' jedhanii sadafiidhaan adda keessa nadhahan. Naburuqsanii baayyee nadhiige" jedhan.

Aadde Muluun holqaa fi bosona keessa halkan sadii bulan. Halkan afraffaa irratti garuu mala ittiin albee isaaniif qaramee ija dura taa'e kana jalaa bahan yaaduu himu.

"Gaafa guyyaa afraffaa 'fincaanin fincaa'a' jedheen gaafadhe. 'Hin fagaatiin asumatti fincaa'i' naan jedhanii naa heeyyaman. Ani achii baanaan hamma humnakoo fiiguuf murteeffadheera" jedhu.

"Sababnisaas humna kiyya kanaan fiigee jalaa bahuuf osoo hin taane albee sanaan qooda naqalan duuban rasaasaan haa na ajjeesan jedheen" jedhu.

Guyyaa sana carraan Aadde Muluu waliin ture. Holqa fincaaniif bahan kanaa baanaan bosona keessa hanga humna isaanii fiigicha jalqaban.

Hidhattoonni isaan butan garuu akka isaan yaadan duuka bahanii rasaasa itti hin dhukaasne. Kunis sababa qaba ture jedhu Aadde Muluun.

"Yeroon sun guyyaa waan ta'eef makkalaakayaanis naannoo sana waan jiruuf yoo dhukaasan bakka nuti jirru baru jedhanii waan sodaataniif natti hin dhukaasin hafan" jedhu.

"Fiigee fiigeen warra shumburaa facaasaa jiruttan bahe. Isaan bira darbeen gara daandii guddaatti bahe. Boqoolloo keessa sa'aatii dheeraan fiige. Achii karaa guddaatti baanaan baajaajii argadheen gara magaalaa gale" jechuun haalaa lubbuun itti oolan himan.

Aadde Muluun hidhattoota kana harkaa bahanis yaaddoo hamaa keessa jiraachuu himu. 

Dubartiin isaan waliin hidhaman erga isaan achi miliqani gadi dhiifamuu himuun, “mana ishii ni beekna ijoollee ishee waliin ajjeesna' jedhanii akka natti dhaadatan natti himte. Galtus nuharkaa hin baatu warra hafe wajjin fixna jedhanii nutti dhaadatu" jedhu.

Sababa kanaan halkan hunda haala hammaataa keessa bulaa jiraachuu dubbatu.

Maddi BBC


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.