Eegdonni daangaa Belaarus baqattoonni Ertiraa lama reeffa nama isaan waliin godaanaa turee qabatanii osoo deemanii arguu beeysisaniiru.
Published Oct. 24, 2025, 1:48 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ertiraanonni reeffa baqataa isaan waliin ture qabatanii deemaa turan, daangaa Belaarus irratti argaman. Ertiraanonni lama reeffa baqataa isaan waliin godaansarra ture qabatanii deemaa turan daangaa Belaarus irratti argaman.
Karaa kuta bulchiinsa Kaabaa Belaarus, Biraaslaav jedhamu kan Latiiviyaa waliin wal daangeesuun reeffi lammii Ertiraa argamuu midiyaan ACB gabaaseera.
Ertiraanota ta'uu isaanii turjumaanaan kan ibsan godaantonni kunneen akka ibsanitti, Latiiviyaa erga seenaniin booda namoota uffata loltootaa uffataniin reebichi irratti raawwatameera.
Namoonni uffaa loltootaa uffatanii isaan reeban kunneen bilbila isaanii akka jalaa fudhatan, meeshaadhaan akka doorsisan, akkasuma daangaa Belaarus irratti isaan gatanii akka deeman dubbatu godaantonni Ertiraa kunneen.
Godaantonni Ertiraa kunneen poolisii Belaarusitti akka himanitti, lammiin Ertiraa umuriin isaa waggaa 29 ta'e isaan waliin godaansarra ture reebicha irratti raawwatameen osoo daandiirra jiranii lubbuun isaa darbe.
Qorattoonni kutaa bulchiinsa Biraaslaaviyaa baqataan daandiirra ture akka du'ee fi reeffa isaarratti qorannoon akka taasifame ibsaniiru.
Koreen qorannaa kutaa bulchiinsichaa akka jedhetti, sababa "rakkoo godaantotaa" bara 2015 irraa kaasee muudateen daangaa Belaarusii fi Latiiviyaa irratti lubbuun namoota 35 darbeera.
Belaarus karaa gama Bahaatiin raashiyaa, karaa Kibbaan Yukireen, karaa Kaabaa Latiiviyaa, karaa gama Lixaan ammoo Polaand waliin, akkasumas karaa Kaaba-lixaan Litiiniyaa waliin wal daangessiti.
Godaantonni Turkirraa ka'an karaa Bulgaariyaa, Romaaniyaa, Maaldov fi Yuukireenirraan qaxxaamuranii gara Siwiidin fi Noorwey seenuuf Belaarusiin akka ce'umsaatti gargaaramu.
Godaantonni karaa seera-qabeessaa Raashiyaa erga seenaniin booda gara Belaarus, Polaand, jarmanii fi biyyoota Awurooppa birootti ce'u.
Godaantonni Galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuranii karaa gammoojjii Liibiyaatiin gara Awurooppaatti imalan ajjeechaa, gidiraaf, akkasumas miidhaa qoor-qalbiifi saamicha maallaqaatiif akka saaxilaman gabaasalaan jaarmiyaalee mirgoota namaaf falman irra deddeebiin baasan ni mul'isa.
Gidirfamuun gammoojjii Liibiyaa keessatti muudatu baqachuuf godaantonni daandiiwwan Awurooppaa bahaa fi Awurooppa Jiddu-galeessaa akka filanootti gargaaramu.
Godaantonni Afrikaa baay'een karaa Liibiyaatiin galaanarraan, akkasumas kara biyyoota ollaarra goruun imalawwan daangaarraan taasisaniin irra deddeebiin du'aaf akka saaxilaman gabaasaaleen yeroo-yerootti ba'an kan agarsiisaniidha.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.