Diraamaa Bilxiginnaa (PP) fi Dararama Uummata Oromoo

Published May 4, 2024, 3:51 a.m. by Birhaanuu Hundee

1060



Akkuma irra deddeebi’amee jedhame, jedhamuu qofaas mitii lafarratti mul’achaa jiru, uummatni Oromoo seenaa saba kanaa keessattis ta’ee kan impaayara Itoophiyaa keessatti akka bara Bilxiginnaa kana salphatee fi miidhamees hin beeku. Sababni inni guddaan kanaan nu gahe dogoggora tooftaa fi tarsiimoo bara 2018 godhame fi OPDO aangootti fiduu dha. Sana booda immoo mootummaa Bilxiginnaa kan hogganaa jiru ijoollee Oromoo ti; sana biraayyuu dabree ilmaan Abbaa Gadaa ti; mootummaan kunis kan Oromoo ti; bilisoomnee jirra; misoomatti gallee jirra fi kkf ololuu fi kanaanis uummata keenya burjaajessuu dha. Amananiis ta’ee osoo hin hubatin qabsaa’otni bilisummaa Oromoo tokko tokko ABO fi jaarmayoota Oromoo kan biroo keessaa bahanii Bilxiginnaatti dabalamuun isaanii olola sana waan dhugoomse ykn mirkaneesse fakkaata. Qabsaa’otni shira Bilxiginnaa hubatan, qabsoo hidhannootti cichanii kunoo falmi hadhooftuu godhaa jiru. Dararamni uummata keenyarra gahaa jiruu fi hammaachaa deemuun isaas sababa PPn qabsaa’ota dhugaa kana dhabamsiisuuf jedhanii waggoota shanan dabran Oromiyaa keessatti waraana gaggeessaa jiraniifi.   

WBO dhabamsiisuuf jecha uummata Oromoorratti waraana labsuun karoora PP calqabaa ti

WBO lolaan dhabamsiisuun akka hin danda’amne waan hubataniif, tooftaan ittiin injifachuu malan uummata Oromoo kan WBO ofkeessatti hammatee fi deeggaraa jiru kana lafarraa fixuu dha. Kunis iccitiidhaan osoo hin taane, waan ifaa ifatti miidiyaarratti labsamee dha. Waan aangawaan PP Fiqaaduu Tasammaa  “Qurxummii balleessuuf, galaana gogsuu dha” jedhee dubbate/dhaadate ragaa qabatamaa dha. Waan seenaa keessatti galmaayee taa’uu dhas. Karoora kana hojiirra oolchuuf, mootummaan Bilxiginnaa tooftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan duguuggaa sanyii uummata keenyarratti raawwachaa jiru. Tooftaalee kana keessaa muraasa dhiheessuuf, beela fi dhukkuba nam-tolcheetiin uummata keenya lafarraa fixuu; hidanii dararuu ykn/fi mana hidhaatii baasanii ajjeesuu; namoota manaa baasanii ajjeesanii karaarratti ykn bosona keessatti gatuu; Jaarsa fi dubartiillee osoo addaan hin baasin ajjeesuu; manaa fi qabeenya uummata ibiddaan gubuu; kaan saamuu fi kan hafe barbadeessuu fi kkf yoo ta’an kun erga PPn aangootti dhuftee kaasee waan deemaa jiru dha.

Kana qofaa miti, uummata keenya lafarraa fixuuf, Diroonii fi xayyaara lolaatiin akka bokkaa boombii irratti roobsaa jiru. Meeshaalee gurguddootti fayyadamanii, fagoorraa dhukaasuudhaan ykn furguggeessuudhaan lubbuulee namootaa fi kan beelladaallee osoo hin hafin galaafataa jiru. Kuni hunduu hanqate jedhanii yeroo ammaa siriidhaayyuu uummata keenya marfata keessa galchanii duguuggaa sanyii rawwachuuf mala/tooftaa biraatiin gadi bahanii kunoo hojiidhaanis agarsiisaa jiru. Maatiilee fi firoottan qabsaa’otaa (miseensota WBO) addatti xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan karaalee adda addaatiin miidhaan akka isaanirra gahu ciminaan irratti hojjechaa jiru. Uummata jidduutti lolli biraa akka godhamu ittiyaadamee hojjetamaa jira. Akkuma duraan hogganaan Wayyaanee Mallas dubbatee ture, uummta bal’aas dhiphisuu fi lakkoofsa isaas xiqqeessuun ni danda’ame jedhee dhaadate, kunoo warri Wayyaaneen uumte OPDOn duraanii fi PPn ammaa tooftaadhuma sanatti fayyadamuudhaan garuu immoo bifa hammaateen uummata keenya fixaa jiru.   

WBO lolaan dadhabnaan ololaan yaaluu calqaban

WBO dhabamsiisuu laalchisee, diraamaa PPn hojjechaa turte fi ammas itti jirtu hedduu nama ajaa’iba. Calqabarra, guyyaa 15 keessatti ni dhabamsiifna jedhanii dhaadachaa turan. Sana booda dadhabnaan immoo yeroo dheereffatanii ji’a tokko keessatti ni xumurra jedhan. Jaal Marroo Dirribaa yeroo meeqa ajjeefne jedhanii olola afarsaa turan. Isa kana hundaa keessa dabranii, humni WBO cimaa dhufnaan karaa nagaatiin araaramna jedhanii yeroo lama mariidhaaf taa’an. Marii dhugaa fi kan araaraa osoo hin taane inni kunis qaamadhuma diraamaa isaanii ti. Amma immoo dhihoo kanaa calqabanii diraamaa bifa haaraatiin as bahii jiru. Miseensoti WBO kaan boojine, kuun immoo harka kennatanii nagaan galuu barbaadu jedhanii miidiyaa isaanii irratti afarsaa jiru. Lola keessatti namootni yookaan harkaan qabamuu yookaanis immoo ofufaamaaf of ifatanii harka kennachuun hinuma jiraata. Haa ta’u malee waan warri PP agarsiisaa jiran hedduu nama dinqa. Ijoollee rifeensa mataa irraa haadanii, hiriira galchanii kunoo WBOtu akkasitti booji’ame jedhu.

Miseensota WBO boojine jedhan sana rifeensa wajjin akkuma booji’an sanatti maaliif hin agarsiifne? Osoodhuma dhugaa ta’eeyyuu, rifeensa irraa haaduun diraamaa biraatiif fakkeenyaaf yakkamtoota/hidhamtoota fakkeessanii warra hafan hamilee cabsuuf yaadanii yoo ta’e malee, maaliif akkuma qabanitti hin agarsiisin? Silaa isa sanatu dhugaa fakkaata ture. Warri rifeensi irraa haadamee hiriira galchanii agarsiisan kun, warruma PPn uummata keessaa sassaabdee mooraa leenjii galchuuf qopheessite yoo ta’an hoo? Diraamaan yoo hojjetamu xinnumallee dhugaa fakkaachuu qaba ture. Kun olola fi kijiba ija baasee dha jedheen yaada. Karaa biraatiin immoo, ijoolleedhumti rifeensa wajjin qabaman sunillee miseensota WBO jajjabee dhugaa ta’uun isaanii shakkisiisaa dha. Maaliif yoo jedhame, isaanumti warri PP ijoolleetti rifeensa nam-tolchee godhanii WBO fakkeessanii Oromiyaa keessatti bakkee/iddoo gara garaa keessatti bobbaasanii uummata shororkeessaa hin turree? hin jiranii? Ijoolleen isaan WBO boojine ykn harka kennatan jedhanii ololan kun ijoolleedhuma isaan ofiisaaniitiif leenjisan sana ta’uu hin malanii? Dhugaan jiru gaaf tokko hinuma hubatama.

Komishinii Marii Biyyoolessaa jedhuun diraamaa biraa hojjechuu

Dhihoo kana immoo akka hubatamaa jirutti Bilxiginnaan diraamaa haaraa tokkoon as bahaa waan jiran fakkaatu. Innis Komishini Marii Biyyoolessaa (National Dialogue Commission – NDC) jedhanii burjaajii uumaa jiru. Wanti akkanaa kun kanaan duras wagga lama dura natti fakkaata, yaalamee ture. Bu’aa inni fide hin jiru. Kan ammaa kunis uummata borjaajessuu fi ajandaa uumuuf akkasumas hawaasota Addunyaa afaan faajjesuuf yoo ta’e malee furmaata ni fida jedhee ani hin amanu. Karaa hundaa yaalle jedhanii dhugaa argachuuf (uummata gowwoomsuuf) yaalii kan godhan yoo ta’e malee warri PP dhugumatti marii fi nagaatti amananii karaa kanaan furmaata fiduuf akka hin taane hubatamuu qaba. Osoo karaa nagaatti amananii silaa Jaal Battee Urgeessaa haala sukkaneessaa ta’een hin galaafatan turan. Osoo karaa nagaatti amananii, hoggantoota olaanoo ABO karaa nagaatiin qabsaa’uuf biyyatti deebi’an, kan akka Jaal Abdii Raggaasaa fi kan biroo mana hidhaatti naqanii hanga har’aatti achitti hin dararan turan. Osoo karaa nagaatti amananiin silaa dura warra yakka tokko malee mana hidhaa keessa jiran gadidhiisuutu dursuu qaba ture. Walumaa galatti marii araaraas ta’ee marii biyyoolessaa wanti jedhaman hunduu burjaajiif malee waan furmaata fidanii miti.

Oromoon hanga yoomiitti gowwooma? Hanga yoomitti uummatni keenyas dararama?

Rakkoon har’a balbala Oromoo tokko tokko rurrukutu, kan biraa biras gahuun waan hin oollee dha. Kan gabrummaa qaama godhatee, inni kunis itti oo’ee jiraatu; kan bu’aa fi faayidaa yerootiif jedhee dararama uummata kanaa callisee ilaalu; kan maaltu na galche jedhee callisus; kan ofiif osoo hin wareegamin ykn qooda hin gumaachin wareegama qabsaa’otni biroo godhaniin taa’ee bilisummaa eegu; kan lakkii bilisoomnee kana booda wanti nu barbaachisu hin jiru jedhee amanu; kan osoo hadhaa qabsoo bilisummaa hin argin warra qabsoo hadhooftuu godhaa jiranitti taa’ee quba qabu; kan mootummaan Bilxiginnaa mootummaa Oromoo ti jedhee yaadu ykn/fi amanu; amma Oromootu biyya bulchaa jiraa lolli amma Oromiyaa keessatti deemaa jiru lola ijoollee Oromoo jiddutti ta’aa jiru waan ta’eef inni kun dhaabbachuu qaba jedhee kan amanu; Diyaasporaan lafa kaaree meetira muraasaan gowwomee ykn faayidaa adda addaatiin qabamee dararama uummata keenyaa dagatu guyyaa isaan kun hunduu dhugaa lafarra jiru hubatan ni dhufa.

Dhumarratti, makmaaksa tokkon yaadadha. Isumaanan barreeffama kiyya xumuras. Ballaatu/jaamaatu manatti ibidda qabsiisee yeroo manni gubatu, amma naaf ife, amman arga jedhe jedhama. Yeroo bari’uu jedhu, dukkanni ni hammaatti jedhama. Dararamni uummata keenyaas gaaf tokko dhaabbachuun hin oolu. Abbaan Irreetis waanuma fedhe yoo qabaate, addunyaa kanarra hin turu. Injifatamuun isaas waan hafuu miti jechuu dha. Abbaan Irree PP hanguma sanuu waan humna isa tursiisu qabu hin fakkaatu.

Caamsaa bara 2024   


Similar posts:

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran

MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni