MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

Published Nov. 26, 2023, 9:38 p.m. by Birhaanuu Hundee

1418



Impaayarri Itoophiyaa dhiigaan waan ijaaramtee fi dhiigaan waan as geesseef, biyya tana keessatti dhiigni ilmaan namaa dhangala’uun hin dhaabbatu. Mootummootni abbaa irree dhufaa dabranis dhiiga ilmaan namootaa dhangalaasaa fi lafee isaanii caccabsaa as gahan. Sirna impaayaraa kana keessatti, namoota hidhuun, dararuun, ajjeesuun fi kkf aadaadhuma biyya sanaa ta’ee jira. Lubbuun ilma namaa kan mararfannoo hin qabne biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti qofaa dha yoo jedhame dhara hin ta’u. Lubbuun ilma namaa lubbuu tiisisaa (tiitisaa) ta’ee jira. Mirga ilma namaa kabajuu wanti jedhamu sirumaa dhabamaa dhufee jira. Duuti biyya tana keesatti qoosaa ta’ee jira. Biyya faranjii keessatti bineensi tokko yoo ajjeefamu, sababni isaa akka qoratamu dhiibbaan godhama. Impaayara Itoophiyaa keessatti garuu, namni sababa malee mana keessaa fuudhamee ajjeefamee karaarratti ykn daggala keessatti gatama. Wanti akkanaa kun mootummoota biyyattii sanaa dhufaa dabran keessatti bifa walfakkaatuun raawwatamullee, wanti mootummaa Bilxiginnaa keessatti ta’e fi ta’aa jiru garuu waan addaa ti.

Mootummootni biyya sanaa hundi isaaniituu dhaloota nyaachaa as gahanillee, kan ammaa kun garuu bifa himamuu hin dandeenyeen dhaloota lafarraa fixaa jira yoo jedhame, dhugaarraa fagaachuu hin ta’u. Kanaafuu, mootummaan Bilxiginnaa mootummaa dhaloota nyaatu jechuun ni danda’ama. Sababaalee kanaa osoo hin ibsin dura mee xinnoo ofduuba deebinee mootummoota lamaan dabran haa ilaallu. Mootummaan Darguu karaa tokkoon maqaa “Qayyi Shibbir - ቀይ ሽብር jedhamuun lammiilee biyya sanaa kan isaan morman ykn dura dhaabbatan lafarraa duguugaa karaa biraatiin immoo sirna isaa eegsisuuf waraanota adda addaa keessatti dhalootni akka dhuman taasisee jira. Milishaa jedhee ilmaan hiyyeessaa fi ilmaan qoteebulaa lola isaan hin ilaallannetti ergee ficcisiisee jira. Isa kanaaf fakkeenyi tokko lola Somaaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti godhame dha. Gargaarsa humna alaatiin erga lola sana injifate booda “Ba misiraaqa ya taganyawu dil ba sameen yidaggamaal -  በምስራቅ የተገኘው ድል በሰሜን ይደገማል jedhee lola Eertiraatti dabarsuudhaan dhaloota lafarraa ficcisiise. Lola lamaan keessattuu kan heddoomminaan dhuman ilmaan Oromoo ti. Kuni hunduu kan ta’e sirna ofii eegsissuuf ture.

Bara Wayyaanotaas waanuma walfakkaatutu godhame ykn ta’e. Akkuma aadaa impaayara sanaa ta’e, Wayyaaneenis karaa tokkoon warra isaaniin morman hundaa lafarraa fixaa, karaa biraatiin immoo lola Eertiraa fi Itoophiyaa jidduutti waggoota lamaaf (bara 1998 hanga 2000) godhamaa ture keessatti lubbuu lammiilee gara kuma dhibbaatti tilmaamama jedhamu galaafate. Dhalootatu akka baala mukaa harca’e jechuu dha. Asittis kan caalaa dhuman ilmaanuma Oromoo ti. Lolli sunis Wayyaanee aangoorra hin tursiifne. Hadhooftus qabsoon haqaa injifachuun waan hin oolleef, sochii Qeerroo fi Qarree Oromootiin bara 2018 olaantummaan Wayyaanee cabee garuu warri isaaniif ergamaa turan, tajaajiltootni isaanii warri OPDO aangootti akka ol bahan carraa uumeef. Bara sana booda ajjeechaan lammiilee fi dhaloota nyaatanii lafarraa fixuun bifa haaraa ta’een eegale. Warri wareegama ilmaan Oromootiin aangoo argatanis, maqaa Oromootiin daldalaa; mootummaa Oromoo ti jechaa garuu ilmaan Oromoo nyaachuu calqaban. Mootummaa dhaloota nyaatu!!

Bara Bilixiginnaa wanti ta’aa jiru waan addaa ti. Mootummaan kun mootummoota isa duraa hundaa caalaa waan seenaa biyyattii sanaa keessatti hin argamin godhaa jira. Mqaaa Oromootti fayyadamanii burjaajii haa uuman malee, uummatni Oromoo yoomiyyuu caalaa kan sulphate, kan abaarame, kan arrabsame, kan miidhame, addatti balaan kan irra gahe mootummaa PP keessatti. Ilmaan Oromoo mootummaa Bilxiginnaa keessatti waggoota shanan dabran keessatti ajjeefaman kan mootummoota dabranii wajjin walbira qabamee yoo ilaalame, dacha dacha oli akka ta’e ragaa lafarra jiruu dha. Ajjeechaa sukkaneessaan kanaan dura argamee hin beeknellee kan raawwatame fi raawwatamaas jiru motummaa kana keessatti. Dargaggoota addabaabaayiitti rashanuun; karaarratti ajjeesuun; manaa fuudhanii bahanii ajjeesanii karaarratti ykn daggalatti gatuun; mana hidhaatii baasanii ajjeesuun; ajjeesanii reeffa dhoowwachuun; dubartii ajjeesuun; ilmaan keessantu nuun lolaa jiru jedhanii warra ajjeesuun fi kkf hunduu kan mul’ate mootummaa PP keessattii dha.

Ammas akkuma mootummoota Darguu fi Wayyaanee, mootummaan PP bifa walfakkaatuun, akkuma sirna imppaayaraa sana keessatti aadaa ta’een, gama tokkoon mormitoota jedhanii ajjeesaa, gama biraatiin immoo waraana labsanii as keessatti ilmaan namaa akka dhuman godhanii jiru. Waraanni Tigraay keessatti godhame fakkeenya guddaa dha. Waraanni kun waraana haala adda ta’een, meeshaalee waraanaa ammayyaatiin (Drooniidhaan) kan godhame yommuu ta’u, kan lubbuulee ilmaan namaa kuma dhibbootaan lakkaawaman galaafatee dha. Waraana dhalootni akka okaa (citaa) keessatti haamame, kan akka baala mukaa harca’e, kan uummatni nagaa haala sukkaneessaa ta’een keessatti miidhame; kan qabeenyi hanga kana hin jedhamne keessatti barbadaaye ykn manca’e, walumaagalatti kan dhalootni keessatti nyaatamee dha. Dhalootni kun ammas ilmaanuma Oromoo ti. Waraana isaan hin ilaallanne keessatti wareegama seenaa hin qabne kaffalanii jiru.

Waraanni Oromiyaa keessatti godhamaa jiru kan waraana Tigraayi dura calqabe fi waggoota jahan kana dhaloota lafarraa duguugaa jiru dagatamuu hin qabu. Waraana hawaasota Addunyaa jalaa dhokfamaa ture garuu ilmaan namootaa lafarraa fixaa jiru dha. Waraana cinaatis, uummatni Oromoo beelaa fi dhukkuba adda addaatiin lafarraa dhumaa akka jirus dagatamuu hin qabu. Humni shororkeessaan Faannoo jedhamu daangaa Oromiyaa cabsee uummata keenya lafarraa kan fixe, kan qayeerraa uummata keenya buqqise, kan qabeenya kaan saamee fi kaan barbadeesse mootummaa PP keessatti. Mootummaan PP humna Faannoo kana dhaadhessaa fi onnachiisaa akkasumas al-kallattiidhaanis ta’u hidhachiisee fi humneessee jira. Faannoon ittigaragalee lola isarratti banee, aangoo isaatiif yaaddessaa yommuu ta’u mootummichi Faannoo wajjin lola biraa keessa seene. Lola kaayyoo hin qabneef, dhalootni keessatti nyaatamaa jira. Ammas ilmaanuma Oromootu akaa’amaa turan, jirus. Ilmaan Oromoo, hanga impaayara tana ittifufsiisuuf wareegma guddaa kaffalan osoo bilisummaa saba Oromootiif lolanii, silaa qaata bilisummaan argame ture.

Kan dabrerraa ykn seenaarraa barachuun dadhabamee, ammas kunoo dibbee waraanaa haaraatu rukutamaa jira. Yeroo sadaffaaf lola Eertiraa keessatti godhanii dhaloota nyaachuuf kunoo qophiirra waan jiramu fakkaata? Dhugaa dubbachuuf, mootummaan Bilxiginnaa waggoota shanan kana keessatti waraana meeqa godhaa jira? Qabeenya meeqatu barbadaaye? Diinagdee hangamtu manca’e? Lammiilee meeqatu galaafatame? Dhaloota meeqatu nyaatame, nyaatamuufis jira? Impaayara diigamuun ishii hin oolleef, maaliif ibiddi qabatee boba’aa jiru ittifufa? Maaliif dhalootni egeree biyyaa ta’e lola adda addaa keessatti nyaatama? Keesumaayyuu immoo, wanti Oromoon ofis ta’ee wal gaafachuu qabu, lola Oromoof faayidaa hin qabne keessatti maaliif ilmaan Oromoo dhumu? Dhalootni boru Oromiyaaf ta’u maaliif har’a nyaatama? Maaliif lola ykn waraana kaayyoo hin qabneef wareegama seenaa hin qabne kaffalu? Badhaadhina namoota muraasaatiif ykn gareeleetiif jedhamee maaliif dhalootni nyaatama? Mootummaa dhaloota nyaatu yoo jedhame dhara ta’aa ree? Deebii gaafii kanaa dubbistootaaf dhiise!

Dhumarratti, ani lola faarsuu ykn labsuu kiyya osoo hin taane, waraana ykn lola kaayyoo qabu keessatti; lola bilisummaa fi walqixxummaaf godhamu keessatti; lola hiree murteeffannaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa mirkaneessuuf godhamu keessatti wareegamuun dhaloota dhufuuf bilisummaa, nagaa fi badhaadhina dhugaa fiduuf waan ta’eef, dhalootni as keessatti nyaatamu xinnaatullee wareegama seenaa qabu kaffalu. Uummata ykn/fi saba ofiitiif jedhanii nyaatamu; du’a bilaashaa hin du’an. Namni haa du’u jechuu kiyyaa miti. Garuu immoo badhaadhina namoota muraasaatiif ykn gareetiif akkasumas impaayara gaaf tokko diigamuun hin oolleef ishii tana jiraachisuu fi tiksuuf jecha dhalootni nyaatamuun hiikaas ta’ee bu’aas hin qabu jechuu dha. Hiree ofii ofiin murteeffatan malee nyaatamuun dhalootaa hin dhaabbatu! Mootummaan impaayaraa dhufaa dabru mootummaa dhaloota nyaatu dha!!  


Similar posts:

Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran

MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Sabboontota fi diina Oromoo