Ajjeechaa Suukanneessaa Mootummaan Shimalis Abdiisaa fi Abiy Ahmad Raawwachaa Jiran

Published Sept. 8, 2023, 10:18 p.m. by FNN

690



Ajjeechaa Amaanu'eel Wandimu Oromoon hin yaadanne jira jechuun ulfaataa dha.

Amaanu'eel Wandimmuu waggaa 2 dura Caamsaa 11, 2021 mana maatii isaatii qabanii Abbaa Torbeeti jechuun guyyaa saafaa addabaabayii Dambi Doollootti humnooti Bilxiginnaa aangoorra jiran ajjeesan.

Ammas waggaa lama booda magaaluma Dambi Doollootti dargaggoo Daangaa jedhamu erga Abbaa Torbee jechuun ijoollee biroo waliin hidhanii booda ajjeesanii gatanii jiru. Ajjeechaa walfakkaataa Oromiyaa mara keessatti ittuma fufanii itti gaafatama tokko malee gaggeessaa jiru. Seerri waraqaa irra malee Itiyoophiyaa keessas Oromiyaa keessas hin jiru. Seerri isaanuma. Seerri isaan tajaajiluu malee isaan ittigaafatama seeraa jala hin jiran. Abbaa sodaatan ajjeesanii bakkeetti gataa jiru. Hedduu erga hidhanii booda mana hidhaatii baasanii ajjeesanii gataa jiru. Hojiin kun hojii yakkaa fi hojii diinummaa saba Oromoof qaban mullisa. Ajjeechaan kun hamma Walabummaan fi Bilisummaan Oromiyaa argamutti dhaabbachaa jiru. Qaamni warra yakka ajjeechaa kana seeratti dhiheessu tokkos hin jiru. 
Torbanuma darbe haala walfakkaataan godina Shawa keessatti namoota dhibbaa ol ajjeesuu tu dhagahame.
FNN n maqaa nama 11 kan daa'imni waggaa  tokkoo gadii fi musharraan erga walfuudhanii waggaa 1 as kan keessatti argamu argachuun gabaasuun keenya ni yaadatama. 
 
Uummatni Oromoo ajjeechaa shororkaa kana ofirraa dhaabuuf dandeettii ni qaba garuu uummati callisee ajjeechaa waliin walbareetuma akka wayiyyuu hin taaneetti ilaalee achi ilaalaa jira. Qeerroo fi Qarreen kaleessa ajjeechaa nurraa haa dhaabbatu jechaa turan amma sababa ifaa hin taaneen callisanii jiru. Oromoo, maaf calliftu? Maaf haga ajjeechaan qe'ee keessan dhufutti eegdu? Murna aangoorra jiru akana qabsoo keessantu carraa laateef. Erga carraa qabsoo keessantu laateef tahee harkaa fudhuufis dandeettii isaa ni qabdu. Garuu maaliif calliftan? Yakki isaan hojjechaa jiran kun kan Dargiin Qay-Shibbir (Red Terror) jechuun raawwataa ture waliin tokkoo dha. "Qay-Shibir" ykn Red Terror adunyaan quba qabdi sirnaan gabaafameera. Shororkaa amma Prosperity Party/Partiin Badhaadhinaa/Bilxiginnaa Oromoo irratti raawwataa jirutu garuu addunyaan ykn quba hin qabdu ykn utuu beektuu callifte. Addunyaan yoo abbaan iyyate dhageessi.     
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa fi Mootummaan Itiyoophiyaa yakka seera Oromiyaas, Itiyoophiyaas, kan addunyaanis itti isa gaafachiisuu itti gaafatama tokko malee rawwataa jira. 
Daangaa fi Oromoota yakka tokko malee murna PP/Bilxiginaan ajjeefamaa jiraniif sagalee haa taanu.
Ajjeechaa kana ilaalchisee keessa beektota irraa guutummaa oduu kana ni qoranna.

FNN 
 
 

Similar posts:

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Sabboontota fi diina Oromoo