Gaachana Sirnaa PP

Published Feb. 7, 2024, 6:02 p.m. by FNN

866



Godina Lixa Harargee Sabaa Habroo:

Torbee kana bilxiginnaan leenjii gaachana sirnaa miseensa haaraya jette bifa haarayaan hawaasa dirqisiisuu jal qabdee jiraachu maddeen FNN himan.

 

Haaluma Kanaan aanaa Habroo keessatti milishaa haaraya akka gandaatti nama 20 kennadhaa, leenjii gaachana sirnaa hawaasni hunduu leenjihaa jechuun hawaasa yaaddessaa jiraachuun beekame. Majliisa sheekkan barnoota amantii muslimaa itti barsiisan keessattillee leenjii dargaggoo fudhattu jechuun darasoota/barattoota barnoota amantaa muslimaa baratanii fi sheekkan cinqaa jiraachuun beekame. Haaluma kanaan walqabatee galgala kana gaafa Gurraandhala 6, 2024 naannoo sa'aatii 2 Ganda Haxuree salaataa jedhamu keessatti dura rasaasa tokko dhukkaasuun erga hawaasa naasisaniin booda daqiiqaa muraasa turuun naannoo sa'aatii 3 irratti milishaa fi poolisiin hedduun seenuun walgahii arifachiisaatu araddaa irraa dhufee hawwaasnii fi darasoonni Ganda kana taatan hatattamaan walitti nuuf qabamaa hafnaan rakkoo isinirra gahuuf itti gaafatamaan mataa keessan. Rakkoo ifirratti hin fidinaa jedhanii lallaban hawaasni baqannaan jedhu maddeen keenya.

Bifa Kanaan ifii hawaasa baqachiisanii booda isin shaneedha ykn deeggartoota shaneeti jedhanii ittiin yakkuufi akka tahe hawwaasni FNNf ibsaniiru.


Similar posts:

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

Ergaa Jaal Marroo Dirribaa | Guyyaa Goototaa Bara 2024

Ergaa Jaal Marroo Dirribaa | Guyyaa Gootota Oromoo