ODUU AMMEE| Magaalaa Oromiyaa Fixaaleyyii Amaaraa Faannoon barbaadoofte| FNN 04-23-2022

Published April 23, 2022, 4:55 p.m. by FNN

350



Oduu BBC n gabaase akka ibsutti Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman daangaa Oromiyaa seenuun Baha Wallaggaa, Anaa Limmuu Galiilaatti magaa argamtu Fiixee Boqqoo jedhamutu gaafa Amajjii 24, 2022 abiddaan barbadeessuu tu dhagahamee. Finxaaleyyiin Amhaaraa kun hidhannoo gurguddaan seenuun alaabaa Miniliki ykn Ginbot 7 ulee mataaf i harkatti marachuun sirbaa ture magalaa kana halkan sa'a 11tti kan seenan. Achiis dhukaasa banuun erga jiraattota godaansisanii booda qabeenyaa uummataa kan dandahan saamuun kaan gubuun magaalattii barbadeessan. Gochaa hammeenyaa kana kan raawwatanis haga sa'a 3 (sa'a naannoo /9PM) itti ture. 

Lammiilee yeroo gochi kun raawwate achi jiraachuu ibsan qabeenyi kan saanii fi kan investeroota biroo hedduun jalaa samamuu fi gubachuu himaniiru. 

BBC suura satalaytii wabeefachuun ibseen magaalli Fiixee Boqqoo gaafa Amajjii 16, Amajjii 25, fi Amajjii 28 waan isheen yakkaattu agarsiisuun gubachuu fi mancaafamuu ishee mirkaneesseera. 

Kanaa fi oduulee duguuggaa sanyii mootummaan abbaa irree Itiyoophiyaa Oromoota irraan gahaa jiru ilaalchisee gabaasa qabu caqasaa.  Gabaasa BBC toora kanaan argattu.    

Yakka Finxaaleyyiin Amaaraa Oromoota Walloo irraan gahaa jiran ilaalchisuunis gaaffii fi deebii jiraata Walloo waliin goone ni qabna.  

Channel keenya subscribe godhaa. 


Similar posts:

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

MOOTUMMAA DHALOOTA NYAATU

DHALOOTA JIILE

MOOTUMMAAN UUMMATA OROMOO AJJEESISAA JIRU, AKKAMITTI MOOTUMMAA OROMOO TA’A?