Oduu Injifannoo WBO Kaaba Shaggar

Published Dec. 30, 2021, 7:24 p.m. by FNN

1009



Irreef fi Gaachannii Ummata Oromoo WBOn zoonii gidduu galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Darraatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP Ummata Oromoo gooluuf yaatu irratti fudhateen magaalaa Ceekaa jedhamtutti 11 booji'uun kaampii diinaa dhuunfachuun meeshaa fi hidhannoo danuu diinarraa hiikkatee jira. Gama meeshaatiin AkM 19 fi Qawwee SKS fi kanneen biroo 19 Boombii 6 diina irraa hiikuun galii qabsoof oolcheera. 
Aanichuma ganda Baabbuu Dirreetti lolaa guyyaa kana taasiseen humnoota diinaa 45 ajjeesuun 13 booji'uun 47 madoon adabeera. Gama meeshaatiin qawwee AkM 59 SKS fi kanneen biroo 35 diinarraa hiikuun galii qabsoof oolcheera. 


Bifuuma wal fakkaatuun, ganda Jiruu Daadaatti tarkaanfii humna diinaa irraatti fudhateen 9 ajjeesuun 3 harkaan qabuun 2 madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessera. 

Duula imala gara Finfinnee WBOn gochaa jiru milkiin goolabuuf Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin tahuun duula sirni PP fi habashoonni leellistuu sirna miniliik Oromummaa balleessuuf weerara maqaa duula minilikiin saba Oromoo fi Oromiyaa irraatti labsan injifannoon qolachuun karooraa diinaa cabsaa jiraachuu ajajaan WBO Kaaba Lixa Shaggar beeksisee jira! 

Akkasumas,  irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn gidduu galeessa Oromiyaa Bahaa Shaggaar Ona Boosat keessatti tarkaanfii laalessaa harra Mudde 30, 2021 humna diinaa marfama keessa WBO galchuuf tattaafataa turte irraatti fudhateen 35 ol madoo dandammii hin qabneen yoo adabuu 20 immoo du'aan adabuun of duuba deebisee jira.
Gama meeshaatiin AKM 20 olii fi meeshaalee akka rasaasaa, reenjarii fi boombii garagaraa irraa hiikuun qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisuun humna diinaa keessaa 5 harkaan qabuun booji'ee jira.
  
Injifannoon uummata Oromoof!

 


Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame