WBOn magaalota guguddaa seenuu jalqabe | Bilxiginnaan H Lixaa aanaa Habrootti qeerro guuraa jiraachuutu dhagahame

Published June 15, 2022, 9:48 p.m. by FNN

834



Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalota Lixa Oromiyaatti argaman kan akka Dambi Doolloo, Gimbii, Najjoo, Mandii, Inaangoo, Boojji, fi Anfilloo, akkasumas magaalaa Gaambeella seenuun waraana PP irratti tarkaanfii ciccimaa fudhachuu oduun achirraa bahu ni ibsa. Sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo dirree hundaatti jabaatee itti fufee jiraachuutu dhagahama. Sochii WBO miidiyaan alaa illee gabaasan: as xuqaa ilaalaa
 
Oduu biraatiin Lixa Hararghee, aanaa Habrootti torbee kana qeerroo fi qarreewwan Oromoo humnaan walitti qabaa jiran;
kaleessa konkolaataa 8, harra konkolaataa 6 kalee fi arra qofa konkolaataa 14 fe'an.
 
Magaalaa fi baadiyyaa aanaa Habroo :
Galamso, Hardiim, Weenne, Kudha jaha fi kanneen biroo. Magaalaa Daalootii ammoo nama dhalagatuuf dhufe fkn Machaatii, Kaarra Qurquraatii, Qunneetii, Hirnaatii fi Qorichaa dhufan qabamanii fuudhamanii jiran. Namni ija isaatiin arge tokko akka nuuf himetti haadhotiin lama gubbaa Qorichaatii ilmaan isaanii laaluuf waajjira poolisii aanaa Habroo dhufanii ijoollee nuuf dubbisaa jennaan poolisoonni waan fiddan kennaafii malee laaluun hin jiru jedhanii addaan ittisan osoo isaan ilmoo teenyaa rabbumaa jedhaatii Gubbaa Qorichaatii joorree dhufnee ijumaan nu garsiisaa jedhaanii bobooyaa kadhatanii.  
 
 
Haaluma walqabateen, eda magaalaa Daaloo Manatti iddoo hujii irra naannahuun biyya teesaniif if kennaa jechaa turuullee dhagahamee jira.

Gara fuulduraatti akkuma oduu arganneen isin biraan geenya.

Similar posts:

Oduu tarkaanfii waranaa WBO

ODUU FNN

Cuunfa Injifannoo WBO

Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa