Wal-dhabdeen hidhannoo itti fufuu hordofee; walabummaan lammiilee Itoophiyaa balaaf saaxilameera” Hiyumaan Raayitis Wooch.
Published Feb. 5, 2026, 1:24 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu ‘Huumaan Raayitis Wooch’ qorannoo bara 2025 gaggeesseen, Itoophiyaa keessatti wal-dhibdee hidhannoo itti fufeen walabummaan lammiilee fi miidiyaa hawaasaa siivilii akkaan laaffachuu ibseera.
Huuman Raayit Wooch gabaasa isaa “World Report 2026” Roobii Guraandhala 4, 2026 baaseen, bara 2025 keessa naannolee Itoophiyaa hedduutti wal-dhabdeen hidhannoo cimee itti fufuufi haalli nageenyaa akkaan badaa dhufeera jedhe.
Dhaabbatichi akka ibsetti, mootummaan filannoo waliigalaa bara 2018 dura, miidiyaa walabaa, dhaabbilee hawaasa siiviliifi gareewwan mormitootaa irratti uggura duraanuu ture caalaatti cimsuun, lammiilee nagaa rakkoo nageenyaa fi sarbama mirga namoomaa wal-xaxaa keessa galcheera.
Gabaasichi walitti bu’iinsa naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti itti fufee jiru, tasgabbii dhabuun Tigiraay keessatti mul’atu, akkasumas hariiroo mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru hammaachaa dhufuu akka sababoota ijoo rakkoo kanaatti tarreesseera.
Kana malees, adeemsi haqaa federaalaa dhaabbachuun, dhiibbaan dinagdee fi hawaasummaa cimaanis haala jireenyaa lammiilee daran miidhuu isaa hubachiiseera.
Naannoo Amaaraatti, lolli mootummaa federaalaa fi hidhattoota Faanoo gidduutti bara 2025 guutuu humna guutuun itti fufuu isaa Huumaan Raayit Wooch ibseera.
Walitti bu’iinsi kun yakka waraanaa fi sarbama mirga namoomaa bal’aa akka of keessaa qabu gabaasichaan tarreessuun, haleellaa dirooniin raawwataman keessaa, ka ji’a muddee keessa Kaaba Shawaatti haadha ulfaa, intala ganna jahaa fi dargaggeessa tokko ajjeefamuu isaanii akka fakkeenyaatti kaaseera.
Akkasumas, dhuma baatii kanaatti Bahaa Goojjaam keessatti haleellaan diroonii mootummaan “dogoggoraani” jechuun ibseen, yoo xiqqaate namootni 36 galaafatamaniiru jechuun ibseera.
Gabaasichi humnoonni Faanoo barsiisota butanii ajjeesuu fi manneen barnootaa cufsiisuu dabalatee, gargaarsa namoomaa akka hin seenne daangessuu isaanii ibseera.
Hojjettoonni gargaarsaas hidhaa, haleellaa fi du’aaf saaxilamuu isaanii, kanneen keessaa ajjeechaa hojjetaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Henelenyi Faantahuun Hagayya keessa raawwatame kaasuun yaadachiiseera.
Tigraay keessatti loltoonni Eertiraa naannolee to’atanitti jeequmsa saalaa fi gudeeddii raawwachaa jiraachuu isaanii Huumaan Raayit Wooch ibsuun; kunis waliigaltee nagaa bara 2022 cabsuu akka ta’e eereera.
Naannoo Oromiyaa keessatti ammoo walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi ABO’n wal-qabatee namoonni nagaan lubbuu isaanii akka dhaban Huumaan Raayit Wooch galmeesseera.
Akkasumas, naannoo Somaalee, Dawwaaleetti walitti bu’iinsa sabaa fi sab-lammootaa ajjeechaa hedduutti geessuu isaa, daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul-Gumuzitti namoonni kuma 11 ‘ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii ibseera.
Gabaasni Huumaan Raayit Wooch akka ibsetti, bara 2025’tti bakki dhaabbilee hawaasa siivilii walabaa hedduu dhiphachaa dhufeera.
Aktivistoonni rakkifamuu, sodaachifamuu fi biyya keessaa akka baqatan dirqamuu isaanii gabaasichi kaaseera.
Dhaabbileen waldaalee siivilii beekamoo ta’anis sababa siyaasaatiin dhorkamuun isaanii eerameera.
Miidiyaaleen walabaa fi gaazexeessitoonnis hidhaa fedhii malee, sakatta’iinsa kutaalee oduu fi butamuu irratti saaxilamaniiru.
Gulaalaa olaanaa gaazexaa ‘The Reporter’ yeroo dheeraaf dhabamuun isaa akka fakkeenyaatti kaasuun, aangawoonni seerota jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa akkasumas seera miidiyaa fooyya’e karaa dhiibbaa itti fayyadamaa jiran jedheera.
Gabaasni kun akka hubachiisutti, qaala’iinsa jireenyaa, gurmaa’insa liqaa fi haaromsa IMF’n deeggaramuun lammiileen Itoophiyaa rakkoo dinagdee hamaa keessa jiru.
Pirojektoonni misooma magaalaa bal’aan, kan koridoorii Finfinnee dabalatee, marii fi beenyaa gahaa malee lammiilee dirqiin buqqaasaa jiraachuu isaanii Huumaan Raayit Wooch ibseera.
Hanga walakkeessa bara 2025’tti namoonni miliyoona 3.3 biyyattii keessatti buqqa’aniiru; Itoophiyaan baqattoota miliyoona tokkoo ol keessummeessaa osoo jirtuu, rakkoon maallaqaa fi nageenyaa eegumsa baqattoota haaraa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu isaa gabaasichi mul’iseera.
Huuman Raayit Wooch gabaasa isaa xumuraan, sarbama mirga namoomaa darbee fi itti fufee jiruuf itti gaafatamummaa hiika qabu mirkaneessuun ammallee rakkisaa ta’uu ibseera.
Adeemsi haqaa ce’umsaa dhaabbachuun, yaaddoon idil-addunyaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Afirikaa fi Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN irraa ibsamaa jiru, qormaanni Itoophiyaa daran hammaachaa dhufeera jechuun akeekeera.
Dhaabbatichi, sirni mirga namoomaa idil-addunyaa laafaa ta’uu isaatiin, mootummaan Itoophiyaa fi michoota idil-addunyaa irraa itti gaafatamummaa fi bilisummaa bu’uuraa deebisanii cimsuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan gaafateera.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne