Waldaan Qorannoo Oromoo OSA''n du'aan boqochuu piroofeesar Asmaroom Laggasaatiin gadda itti dhagahame ibse.
Published Feb. 4, 2026, 4:28 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
OSA'n ibsa baaseen gadda guddaadhaan du’aan boqochuu isaanii kan dhageenye Piroofeesar Asmaroom Laggasaa, hayyuu antiroopooloojii olaanaa, hayyuu sodaa hin qabne, fi hayyuu qo’annoo Oromoo keessatti ijoo ta’anii dha jedhe.
Hayyuun umurii isaanii waggaa 94tti addunyaa kana irraa du'aan boqotan kun, hambaa ajaa’ibaa hubannoo addunyaan yaada hawaasummaa fi siyaasaa Afrikaa, keessattuu qo’annoo Oromoo irratti qabu gadi fageenyaan jijjiiranii darbuu isaanii hime OSA'n.
Bara 1933 Eertiraa keessatti kan dhalatan Piroofeesar Asmaroom Laggasaa imala barnootaa isaaniitiin dhaabbilee barnootaa dhageettii guddaa qaban kanneen akka Yunivarsiitii Haarvaard, Yuunivarsiitii Noorz Weestern fi Kolleejjii Swarthmore keessatti hayyuu beekamaa ta’uu isaanii ibse.
Hayyummaan isaanii bal’aa ta’uu Waldaan Qorannoo Oromoo eeree, ummata Oromoo Baha Afrikaa wajjin walitti dhufeenyi gadi fagoo, kabajaa fi cimaa ta’e uuman maqaa isaanii hambaa hayyummaa bara baraa keessatti bocuu himee jira.
Hojiin hayyummaa ijoon Piroofeesar Asmaroom Laggasaa, Gadaa: Malawwan Sadii Qo’annoo Hawaasa Afrikaa (1973) jedhu, sirna Gadaa Oromoo sirriitti kan agarsiise ta'uu waldichi himee jira.
Barreeffamni bu’uuraa kun qorannoowwan booda damee kanarratti gaggeeffamaniif galtee guddaa kennuus ibse.
Bu'uurri tiyoorii gadi fagoon isaanii hubannoo fi qo'annoo sirna Gadaa irratti warraaqsa kan fide ta'uus himee jira.
Hojiin isaanii sirni Gadaa heera mataa isaa, bulchiinsa madaalawaa, fi dabarsoo aangoo siyaasaa marsaa marsaan, mala aangoo daangessuu, waldhabdee hiikuu fi walqixxummaa hawaasummaa guutuu ta’e kan qabu ta’uu isaa akka mul’ise OSA'n ibsee jira.
Kana malees, Piroofeesar Asmaroom Laggasaa dhimmoota yeroo ammaa kanneen akka eegumsa naannoo, gahee koorniyaa, waldhabdee hiikuu, bulchiinsa ammayyaa, fi ijaarsa nagaa irratti barbaachisummaa qajeeltoowwan Gadaa hubachiisaniiru jedhe.
Xiyyeeffannaan demokiraasii irratti kenname kun mata duree giddugaleessa hojiiwwan isaanii boodaa, Demokiraasii Oromoo: Sirna Siyaasa Kan Biyya Keessaa Afrikaa,” (2000) kan bara 2006 fooyya’ee irra deebi’amee maxxanfame fi Gadaa: Dhaabbilee Demokiraasii Oromoo-Booranaa (2019) uume jedhe.
Piroofeesar Asmaroom, demokiraasii Gadaa beeksisuun, sirna Gadaa xiyyeeffannoo dubbii antiroopooloojii addunyaa keessa galchuu isaanii OSA'n hime.
Qorannoo jabaan Piroofeesar Asmaroom Laggasaa sirna Gadaa irratti taasisan dhaabbilee demokiraasii Afrikaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane seeneffama koloneeffataa fi maqa balleessii bal’aa qorannoo Itoophiyaa fi warra dhihaa keessatti argaman falmuu isaanii Waldaan Qorannoo Oromoo ibseeti jira.
Hojiiwwan etnogiraafaroota koloneeffattootaa jalqabaa kanneen sirna Gadaa haala hamaadhaan fakkeessan qeequus himeeti jira.
Piroofeesar Asmaroom Laggasaa hayyuu ummataa cimina barnootaatiin beekamu qofa otoo hin taane, umurii guutuu nama qo’annoo Oromoo fi ummata Oromoof falmaa turani dha jedhe.
Gumaachi isaan godhan keessumaa yeroo sochii sabaa Oromootti hayyoota Oromoo fi qabsaa’ota siyaasaaf madda boonsaa fi qabeenya sammuu ta’ee, eenyummaa Oromoo fi hawwii siyaasaa Oromoo ibsuuf bu’uura seenaa fi aadaa barbaachisu kan argamsiise ta'uu eeree jira.
Hojiin hayyuu kanaa bara 2016 Sirni Gadaa akka hambaa addunyaa ta'ee UNESCOtti akka galmaa'u gumaacha olaanaa gochuu eeree jira.
Piroofeesar Asmaroom Laggasaa qo’annoo Oromoo ammayyaa keessatti ijoo akka turan Waldaan Qorannoo Oromoo eeree, bara 1980moota irraa eegalee konfiraansii Qo’annoo Oromoo irratti miseensa cimaa akka turanii fi barreeffamoota qorannoo bilchaatoo dhiheessaa akka turanis ibsee jira.
Waldaan Qorannoo Oromoo bara 2007 badhaasa ga’umsa umurii guutuu badhaasuus hime.
Du'aan boqochuu isaaniitiin gadda itti dhagahame ibseeti jira Waldaan Qo'annoo Oromoo OSA'n.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne