Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan

Published Feb. 12, 2026, 3:17 p.m. by FNN Staff

406



ODUU FNN

Waraanni kun yeroo kamittuu dhohuu danda'a jedhamee sodaatamee jira.

Waraana marsaa jalqabaa waggoota muraasa dura ture irratti akkaataan hiriira humnoota turee fi kan ammaa kana irratti gargarteetu jira.

Waraana marsaa darbee irratti mootummaan federaalaa Itoophiyaa, mootummaan Eertiraa fi Faannoo dabalatee gartuuleen siyaasaa Amaaraa gama tokko turan.

Humnoonni Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaatiin humnoota kanneen waliin wayita walwaraanan, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi humnoonni biroo mootummaa waliin dursanii walwaraanaa turan immoo karaa isaatiin mootummaa Itoophiyaa waraanaa turan.

Waraana marsaa jalqabaa kanaan mootummaan federaalaa Itoophiyaa, mootummaan Eertiraa fi Faannoon gamtaa tolfatanii jalqaba irratti Tigraay qabatanii TPLF aangoo irraa aryatanii, humnoonni Tigraayis gammoojjii keessa bittinnaa'anii turan.

Booda irra humnoonni Tigraay bittinnaa'an deebisanii gurmaa'anii Tigraay to'achuu bira darbanii hanga Dabrabirhaan dhaqqabuu gahan.

Yeroo sana mootummaa federaalaatiif dhumate jedhanii yeroo dubbatamu, mootummaan federaalaa Dirooniiwwan ammayyaa'oo fayyadamee humna makaanaayzidii humnoota Tigraay laanshessee humna hanga Dabrabirhaan gahe ofduuba deebise.

Mootummaan federaalaa sanaan otoo hin dhaabbanne magaalaa Maqalee deebisee hanga to'achuutti dhihaate.

Kana gidduutti dhiibbaa hawaasa Addunyaatiin waliigalteen Piriitooriyaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallattaa'e. 

Waliigalteen kun waraana waggoota lamaaf kaaba biyyattii hunkure dhaabsisuu danda'e.

Waliigalteen kun humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa cinaa hiriiranii lolan lama garmalee akka mufachiise xinxaaltonni dubbatu.

Mootummaan Eertiraa fi Faannoo dabalatee humnoonni siyaasaa finxaaleyyiin Amaaraa waliigaltee kanatti mufachuutu dubbatama.

Warri kun TPLF hundeen balleessuuf fedhu, waliigalteen Piriitooriyaa TPLF baraare jedhu. Kana irratti mootummaan federaalaa ofcinaa nu hiriirsee humnoota Tigraay waraanee gaaf waliigaltee qofaa isaa murteesse jedhanii mufatan.

Mufiin kun akka jirutti ta'ee humnoonni finxaaleyyii Amaaraa mufii dabalataa qabu, humnoota Tigraay erga jilbeeffachiisanii booddee mootummaa Abiy Ahimad akka ofii fedhanitti ajajachuu yookii immoo buusuuf kaayyeffatanii turanii jedhu xinxaaltonni.

Kun akka isaan fedhan ta'uu dhabuunis mufii dabalataa itti uume jedhu.

Kun otoo kanaan jiruu waliigalteen Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti mallattaa'ee ture hojii irra oolmaa irratti rakkoon mudate.

Rakkoon kun furmaata dhabee ittuu hammaataa deemee waraana marsaa biraa dhoosuuf jira. 

Kana gidduutti immoo akkaataan hiriira gartuulee yeroo waraana marsaa jalqabaa ture jijijjiiramaa dhufe.

Humnoonni Tigraay fi mootummaan Eertiraa akeeka diinni diina kootii fira jedhuun gamtaa ‘Tsimdoo” jedhamu tolfatanii mootummaa federaalaa Itoophiyaa faallaa dhaabbatan.

Faannoo dabalatee gareewwan finxaaleyyiin siyaasaa Amaaraa akkaataa hiriira haaraatiin garaagarteetu isaan gidduutti uumame.

Humni Faannoo kan Zammanaa Kaasee faatiin hoogganamuu fi gartuuleen finxaaleyyiin Amaaraa biroon bulchiinsi Abiy Ahimad dirqama bu'uu qaba aangoon bantiin biyyattii Amaaraaf mala jedhan ‘Tsimdoo’ waliin gamtaa tolfachuutu dubbatama.

Humnoonni Amaaraa biroon immoo humnoonni Tigraay uummata Amaaraaf diina kana irratti lafoota waraana kaabaa marsaa jalqabaa dura Tigraay jala turan waraanicha hordofee naannoon Amaaraa qabate nurraa fudhachuuf deemu jara kana waliin hin hiriirru jedhanii mootummaa Abiy Ahimad waliin dhaabbachuu filatan.

Waa'ee gamtaa tolfachuu gama kaabaa kana irratti humnoonni siyaasaa Oromoo ammatti ifatti waanti jedhan hin jiru. 

Humnoonni kaabaa seenaa keessatti ijjannoon isaan uummata Oromoo irratti tarkaanfachiisan, yeroo aangoon harka isaanii turettis waanti isaan raawwatan uummata Oromoo biratti maqaa gaarii hin qabu. Inumaa gochaan isaanii kun akka diinaatti ilaalaman taasise.

Kanaaf jecha gartuuleen siyaasaa Oromoo dhimma kana ofeeggannoon ilaalu. Maaliif jennaan, dhimmi humnoota kaabaa waliin hiriiruu akka boombii ofirratti dhoosuuti jedhu xinxaaltonni siyaasa Oromoo itti dhiheenyaan hordofan.

Humnoonni kaabaa uummata Oromoo bal'aa biratti seenaa gaarii isaan leellisiisu hin qabanii jedhu.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.