Oduulee FNN

Published Aug. 29, 2025, 9:43 p.m. by FNN

593



ODUU FNN

HAGAYYA 29/2025

Hagayya 29/2025  Godina Booranaa fi Daangaa Sumaalee.

 Godina Booranaa daangaa naannoo Sumaaletti halleelaa hidhattoota naannoo Sumaalerraa dhufaniin hawwaasni nagaa miidhaman.

Hagayya 29/2025 Haleellaa hidhattoota naannoo Somaaleerraa dhufaniin namoonni sadii yoo ajjeefaman, kan madaa’aanii fi qa’ee isaanirraa buqqa’anis jiraachuun beekkame.

Akka maddeen keenya Godina Booranaa Bahaa ona Waacilleerraa nutti himanitti tarkaanfii qaamni hidhate daangaa darbee ummata nagaarratti fudhate kaanaan daa’ima waggaa 7 dabalatee namoonni nagaa 3 ajjeeffamuu fi 3 madeessanii deemuu maddeen keenya nuuf gabaasanii jiru.

Maqaa namoota ajjeeffamanii keessa kan ammaaf nu dhaqqabee  kan armaan gadii yoo ta’u daa’ima waaggaa 7 maqaan isaa Eebbisaa Diqqaa Godaanaa, Guyyoo Taadhii Ukkaa nama ganna 56 ta’uu maddeen beeksisanii jiru.

 

ODUU DARARRII

Mootummaan abba irree PPn ummata nagaa dararuu kan jabeesse ta’uun dubbatame.

Sirni nama nyaataa naasuu ummataa hin qabne mootummaan PP ummata nagaa godinaalee Oromiyaa mara jiran dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Erga aangotti dhufee dantaa isaa malee naasuu sabaa kan hin qabne mootummaan abbaa irree kun maqaa gara garaa itti moggaasuun ummata nagaa ajjeessu, qabeenya isaa saamuu, fi qe’ee isaarraa buqqisuun kan beekkamuudha.

Gochi kunis kan yeroo kamii caalaa nutti jabaatee jira kan jedhan jiraattonni godinaalee gara garaa kun, keessumattuu waqtii gannaa kana jiraachuufuu yaaddoo keessa jirraa jedhan.

Haaluma Kanaan torbanuma kana keessa qofa godina Arsii Lixaa, Godina Wallagaa afran, Baha shaggar, Lixa shaggar, Kaaba Shaggar, Boorana, Baale fi godinaalee hunda keessatti saamicha qabeenyaa, qe’eerra buqqisuu fi maqaa ilma keessaantu bosona jiraatiin namoota hidhata siyaasaa hin qabne mana hidhaatti guuruu, achi keessatti erga dararrii qaamaa irraan ga’anii baasanii ajjeesuun haalaan jabaachuu jiraattonni godinaalee kanneenii ni dubbatu.

Yeroo diinagdeen biyyattii kufte kanatti waan nyaannu fi dhugnu dhabnee osoo beelaan dhumaa jirruu dabalataan dararriin mootummaa humnaa ol nutti ta’ee jedhan haawwaasni.

Sirna kana ofirraa darbinee rakoo kana keessa ba’uuf furmaanni jiru tokkummaan qabsoo gama hundaa finiinsuu qofa falli keenya jedhan.

 

ODUU NAANNOO TIGRAAY

Qondaalonni olaanoo naannoo Tigraay dheekkamsa hamaa kaasaan.

Haala amma mootummaan PP deemaa jiruun qabsoo karaa nagaa keessa baanee qabsoo hidhannootti deebi’uuf ni dirqamna jechuun qondaalonni naannoo Tigraay dheekkamsa hamaa dhageessisuun barame.

Dheekkamsi kunis sababa Kibba Tigraayitti aanga'aan duraanii kaafamuun kan wal qabateen muddamni hamaan godinichatti yeroo qunnamutti ta’uun beekkame.

Sababa kanaanis ji'ootan dura pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan ta'an Jeneraal Taaddasaa Warradaa itti gaafatamaa Godiina Kibba Tigraay aangorraa kaasuu hordofee mormiifi walitti bu'iinsa muudateen lubbuun namaa darbuu fi haallii nageenyaa yaaddeessa ta’uu jiraattonni maddeenitti dubbatan.

Kanaanis yeroo hedduu irra deddeebiin haalli nageenya naannoo Tigraay ni fooyya’a jennee eegnuus mootummaan PP itti yaadee waraana kan adeemsisuudha jedhan jiraattonni.

Itti dabaluudhaniis haalli nageenya furmaata waaraa hin arganne taanaan qabsoo karaa nagaa dhiifnee qabsoo hidhannootti deebi’uuf ni dirqamna jechuun qondaalonni olaanoo dheekkamsa dhageessisanii jiru.

FNN

 

     

 

 

 

 

 


Similar posts:

Escalating Conflict and Human Rights Concerns in Oromia Amidst Political Tensions

West Wollega and Jima Zones See Escalating Human Rights Violations by Prosperity Party Forces

Escalation of Violence and Human Rights Concerns Loom in West Harargee

Rising Tensions and Human Rights Concerns in the Oromia Region