Oduu FNN: Abbee Dongoroo, Hoorroo Guduruu Wallaggaatti Shororkeessitooti Faannoo Lammii Oromoo 26 Ajjeefte

Published Aug. 29, 2025, 10:02 p.m. by FNN

542



Hagayya 29/2025 | Godina Horroo Guduruu Wallagga.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti hidhattoonni Faannoo lubbuu namoota 26 galaafachuun beekkame.

Gochi gara jabinaa kun kan raawwatame guyyaa har’aa hagayya 29/2025 yoo ta’u gocha kanaan lubbuun namoota nagaa 26 darbuun beekkamnee jira.

Maddeen keenya akka jedhanitti hidhattoonni Faannoo guyyaa har'aa Hagayya 29/2025 humna guddaadhaan ganda kanatti seenuudhaan jiraattota dhalattoota Oromoo tahan irratti erga saamicha raawwataniin booda dhukaasa irratti banuun ajjeechaa yoo raawwatan jiraattota  kumootaan lakkaa’aman qe'eerraa buqqisuun beekkamee jira.

Qaamni hidhate kun meeshaa waraana gurguddaa hidhatee gurmuudhaan erga eddoo qabatee booda ummata meeshaa waraanaa homaa of harkaa hin qabne kanarratti waraana bane jedhu jiraattoonni.

Iyya lubbuu baraarrii kanaaf mootummaatti yoo iyyatanillee mootummaan gargaarsa takkaayyuu kan hin godhiinii fi qamni kunis erga namoota kana ajjeesee qabeenya hedduu saamuun jiraattoota hedduus qe’ee isaanirra buqqisuu jiraattonni maddeeenitti himanii jiru.

Farroonni nageenyaa kun erga gocha kana raawwatanii ummanni gadhiisee deemuss qe'ee uummataatti deebi’uun qabeenya hafee kaan barbadeessuun kaan fudhatanii deemaan jedhu jiraattonni.  

Hanga oduu kana qindeessinetti gama mootummaa biyya bulchuun wanti jedhame hin jiru.

FNN


Similar posts:

Gen. Tasfaayee Ayyaaleewu eenyu?