ABO-WBO n iddoo hedduutti injifannoo gonfataa jira

Published Dec. 25, 2023, 7:47 p.m. by FNN

1654



Injifannoolee ABO-WBO torban kanaa:

➭WBOn Birgeedii Caffee Tumaa godina Baha Shaggar magaalota 8 keessatti diina harcaase.

 

Halkan tokkotti WBOn konyaa Baha Shaggar Birgeediin Caffee Tumaa halkan edaa Muddee 24,2023 magaaloota saddee keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

 

Haaluma kanaan Baha Shaggar magaalaa Duukam seenuun tarkaanfii iddoo lamatti mooraa diinaa irratti fudhateen diina irraa bakka lamaaniittiyyuu loltoota 47 du'aan yoo adabuu 86 madoo jajjabduun naaffisee jira.

 

Gama meeshaa fi qabeenyaan konkolaataa diina 2 fi qodaa diinaa daaressee jira! Hidhannoo fi qawwee AKM Turkii danuu dugda diinarraa hikeera!

 

 Godinuma kana magaalaa Mojoo seenuun haleellaa jajjabduu buufataalee diinaa irratti fudhateen magaalattii guutuu keessaa diina ari'uun diina 12 du'aan adabee 6 madoo dandammii hin qabneen geggeessee jira. 

 

Aanaa Abbuu Seeraa magaalaa Seera seenuun haleellaa akka bakakkaa gaggeesseen mooraa keessaa diina buqqisee ari'uun humna diinaa irraa 4 du'aan adabuun 17 madoo dandammii hin qabneen kotteessee ciibsuun keessaa ba'ee jira.

 

Baha Shaggaar Liiban Cuqqaalaa magaalaa Adulaalaa seenuun haleellaa rifaasisaa gaggeesseen magaalaa keessaa gugsee baasuun humna diinaa du'aa fi madoon adabee addaan facaasee jira. 

 

 Aanuuma kana magaalaa Waanbaraa jedhamtu seenuun diina mooraa qubattee jirtu irratti irree isaa olkaasuun gootichi adabbii barsiisaa kenneefii jira.

 

Magaalaa xiqqoo mooraan diina jiru Handhoo jedhamtu keessaas gugsuun qulqulleessee jira!

 

Godinuma sana giddugala oomishaa kan taate magaalaa Maqii seenuun haleellaa gaggeesseen humna diinaa daaraa taasisee milkiin goolabeera.

 

Magaalaa Botee (Alaamxeenaa) jedhamtu irrattis tarkaanfii korommiiwwan WBO Birgeediin Caffee Tumaa fudhateen adabbii dandammii hin qabneen adabee jira.

 

Gama meeshaatiin qawwee AKM, Turkii, rasaasa bireenaa fi AKM, boombii fi hidhaannoolee garaagaraa waraana Abiy Ahimed irraa hiikuun galii qabsoof oolchee jira.

 

WBOn Gujii keessa socho'us humnoota PP irratti injifannoo cimaa galmeesse. Humnoota PPs hedduu booji'e. Loltoota booji'aman keessatti Goojjamootnis ni argamu.

 

Vidiyoo asii gadii daawwadhaa.

 

Oduu biroof karaa youtube keenyaa https://youtube.com/@Finfinne fi website keenyaa nu hordofaa: https://fnnmedia.org


Similar posts:

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

DHALOOTA JIILE

AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

ODUU FNN: Waamicha Araaraa ABO-WBO fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gidduu