Jilli Waraanaa Embasii UK Itiyoophiyaa jiruu Giddugala Leenjii Waraanaa Bilaattee Daawate

Published Dec. 14, 2023, 10:45 p.m. by FNN

825



Jilli Waraanaa Embasii UK Itiyoophiyaa jiru Giddugala Leenjii Qilleensaa fi Komaandoo Bilattee daawwate, leenjii, bu'uuraalee misoomaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan ilaale.

Ityoophiyaatti jilli waraanaa Yunaayitid Kingidam Koloneel Maark Baavaan fi namoonni biroo Giddugala Leenjii Qilleensaa Komaandoo Bilaate daawwachuun leenjii, bu’uuraalee misoomaa fi sochiiwwan kanaan walqabatan giddugalichaa ilaaluu Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa beeksiseera.

ENDF Koloneel Maark wabeeffachuun akka jedhetti adeemsi leenjii komaandoo, qilleensarra, humna addaa fi farra shororkeessummaa Giddugalicha keessatti itti fufee jiru ergama walxaxaa raawwachuu danda’a. Itti dabaluunis, bakkeewwan leenjii fi bu’uuraaleen misoomaa ammayyaa akkasii jiraachuun leenjifamtootaaf dandeettii waraanaa bu’a qabeessaa fi gahumsa qabu akka argatan gargaaraa jedhan.

Jilli sun gama meeshaalee fi dameewwan kanaan walqabatan birootiin "Itoophiyaa waliin dandeettii waloo guddisuu fi cimsuuf Ityoophiyaa waliin tumsaa fi tokkummaan hojjechuuf" fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru.

Ajajaan Giddugala Leenjii Qilleensaa Bilattee Commando Koloneel Bojaa Agaa gama isaaniitiin Giddugalichi biyyoota biroo gama ittisaa "qaamolee shororkeessummaa balleessuufi muuxannoo qooddachuuf" gargaaru irratti hojjechuu barbaadan waliin hojjechaa jira jedhu ENDF itti dabaluudhaan.

Sadaasa 10, Jilli waraanaa  UK kun ergamtoota dippilomaasii  UK Itoophiyaa Finfinneetti argaman irraa ijaaraman har'a karaa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) daawwannaa akka imalanis ENDF beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun, Jiloonni waraanaa biyyoota Itoophiyaa 30 ol Muddee 07 Waajila Giddugala Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa daawwatanii "hojii jijjiiramaa" Komishiniin Poolisii Federaalaatiin hojjetamaa jiru arganiiruu jedha ENDF.

Oduun kun jalqaba Addis Standard n baafaan Ingiliffaan tamsa'e. 

 


Similar posts:

The disarmament, demobilization and re-integration agreement between Prosperity Party and TPLF

A briefing by the OLF-OLA commander Jaal Marro Diriba on 2nd round of peace talks

Harassment continued in Oromia| OLF-OLA Leaders Reveal Causes of Failure in Peace Deal

የፓርቲ ፖለቲካ በኢትዮጵያ - ከፊውዳል አርስቶክራሲ እስከ አብዮታዊ ዲሞክራሲ