AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

Published Oct. 7, 2023, 2:58 p.m. by Birhaanuu Hundee

929



 ANATU CAALAA BEEKAA, OFTUULUMMAA, JIBBINSA, HINAAFFAA FI XIIQII

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n diinota keessoo fi alaa akka qabu irra deddeebi’amee dubbatamaa ture jiras. Diinotni alaa kallattiidhanis ta’ee al-kallattiidhaan meeshaalee adda addaatti fayyadamuudhaan QBOrratti duula gaggeessu. Meeshaalee waraanaatiin qabsaa’ota fi uummata Oromoo lafarraa fixu. Karaa miidiyaatiin duula maqa xureessii uummata/saba Oromoorratti gaggeessu. Karaa diplomaasiitiin mootummoota fi hawaasota Addunyaa kijibanii; dhara dhugaa fakkeessanii; ajjeesanii ajjeefamaa of fakkeessanii; miidhanii miidhamaa of fakkeessanii dhiheessuudhaan QBOn akka deeggarsa hin arganne tattaaffii godhu.

Karaa biraatiin immoo, tooftaa fi tarsiimoo Oromoo qoqqooduu baafachuudhaan tokkummaan Oromoo akka hin cimne uummata kana naannoodhaan, gandaan, lagaan, amantiidhaan, ilaalcha siyaasatiin fi kan kana fakkaataniin adda qoqqooduudhaan QBOn akka laaffattu ykn qancartu godhaa turan godhaas jiru. Dabalataanis, ayyaanlaallattoota warra dhimma biyyolessaa Oromoo (Oromo National Interest) dhiisanii dhimma dhuunfaatiif (individual interest) dursa kennan maallaqaan bituudhaan ykn gowwoomsuudhaan qabsoo bilisummaa kanatti diina akka ta’an; diinallee yoo ta’uu baatan gufuu akka itti ta’an, karaa kanaanis diinotni alaa baay’ee ciminaan irratti hojjetu. Diinni Oromoo Oromoodhuma kan jedhamus seenaa dabre fi dhugaa kanarratti hundaayeeti.

Duulli ykn waraanni karaa diinota alaatiin uummata/saba Oromoorratti godhamaa jiru kun yeroodhaaf waan Sabboontota Oromoo qofaatti xiyyeeffatu fakkaachuu mala. Haa ta’u malee, dubbiin dubbii tartiibaa fakkaatus, dhumarratti kaayyoon diinota keenyaa garuu Oromoo lafarraa fixuu fi Oromiyaas diiganii lafa fi qabeenya Oromootti abbaa ta’uu dha. Gabaaabaadhumatti, uummata keenyarratti duguuggaa sanyii godhuudhaan saba kana balleessuu dha. Dhimmi kun dhara ykn olola akka hin jedhamne, waanuma ifaa ifatti mul’ataa jiruu dha. Waan miidiyaaleen Habashootaa godhaa jiran ragaa qabatamaa dha.

Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, wanti armaan olitti ibsame kun ta’ee ykn ta’aa osoo jiruu; balaa karaa alaatiin akka sabaatti nutti deemaa jiru osoo beeknuu; keessoo keenyatti rakkkoo dabalataa uumuudhaan al-kallattiidhaan diinaaf tumsa ta’aa akka jirru waan hubannu natti hin fakkaatu. Dhibeeleen gurguddoon qoricha isaan fayyisu dhabani fi irra deddeebi’amee mooraa QBO keessatti mul’atan waa afuri dha. Isaanis: Anatu caalaa beekaa, oftuulummaa, jibbinsa, hinaaffaa fi xiiqii dha. Waantootni isaan kanaa ala ta’anis jiraachuu malu garuu akkan yeroo baay’ee hawaasota Oromoo keessatti hubadhutti isaan kun rakkoolee ciccimoo kan QBOtti sakaallaa ta’anii dha jedheen yaada, amanas.

Maaliifan dhimma kana kaasa?

Akkuma hubatamaa jiru fi dhokachuus hin dandeenye, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti olola heedduutu deemaa ture ammas ittuma jira. Waan kana ergan hubachuu calqabee bubbulee jira. Haa ta’u malee, dhimma kana kaasuu hin barbaadnen ture. Maaliif yoo jedhame, osoo diinni humna fi qabeenya qabu hundatti fayyadamuudhaan saba/uummata Oromoorratti duguuggaa sanyii godhaa jiruu; osoo uummatni keenya dararama hamaa keessa jiruu; osoo Oromiyaan dhiigaa jirtuu, rakkoo keessoo keenya kana kaasuun caalaatti nu miidhuu danda’inaa laata yaaddoo jedhurraa ka’een callisee dhiise. Amma garuu dubbiin kun hammaachaa dhufee, balaa guddaas fiduuf akka deemu waan natti mul’ateef barreeffama gabaabaa kana dhiheessuuf murteeffadhe. Yoo dafnee rakkoo jiru hubannee wal hin hubachiifne, ammas doogngora dur hojjetame sana irra deebi’uuf jirra jechuu dha.

Tooftaa mootummaan PP baafatee fi kanaafis maallaqa guddaa dhangalaasuudhaan irratti hojjechaa jiru, WBO karaa lolaatiin injifachuu dadhabnaan karaa ololaatiin rakkoo itti uumuuf halkanii guyyaa hojjechaa akka jiru waanuma hubatamaa jiruu dha. Isa kana immoo kan godhe ykn godhaa jiru karaa deeggartoota fi dabballoota (kaadiroota) isaatiin qofaa osoo hin taane, burjaajii adda addaa uumuudhaan, qabsaa’ota QBO jidduuttillee rakkooleen akka uumamani fi walirratti akka duulan taasisaa jira. Karaa kanaan waan itti milkaayaa jiru fakkaatas. ABO fi WBO jidduutti rakkoon akka uumamu wanti yeroo ammaa godhamaa jiru hedduu nama gaddisiisa, nama yaaddessas. Lachuu mirga hiree murteeffannaa uummata Oromootiif qabsaa’u waan ta’eef wal hubannaa gaariin yoo jiraate gaarii dha.

Ani akkan hubadhutti, WBOn maqaa ABO-WBO jedhuun socha’uun isaa hammeenyaaf natti hin fakkaatu. Akkuma ibsamaa ture fi jiru, ABOn karaa nagaatiin galmaayee waan jiruuf; WBO wajjin qunnamtiis waan hin qabneef (qabaachuus waan hin dandeenyeef), WBOn garuu qabsoo hidhannoo gaggeessaa waan jiruuf, ABOrraa adda ofgodhuuf ABO-WBO moggaafachuun akka laalcha kiyyaatti sirrii dha jedheen amana. Dhugaa dubbachuuf ABO achi dhiibuuf waan yaadame natti hin fakkaatu. Yoon dogongore sirreeffamuu nan danda’a. WBOn maaliif maqaa ABO dabalata kan jedhu mormii kaasuu hin qabu. WBOn kaayyoo ABO qabatee garuu qabsoo hidhannoo godhaa waan jiruuf, ABO-WBO jedhamuun firaafis ta’ee diinaaf akka ifa ta’uufi jedheen yaada. Inni kun rakkoo keessoo keenyaatiif gonkumaa sababa ta’uu hin qabu.

Ani kanan jedhu, galii QBO ilaalchisee, wanti barbaadamu ykn hawwamu qabsoo kana cimsanii gabrummaatti xumura godhuu dha. Isa kana godhuuf immoo jaarmayaan kamiiyyuu humna qabaatee qabsoo kana bakkaan yoo gahe rakkoon isaa maali? Akkuma Gootichi keenya Jeneraal Waaqoo Guutuu “Gabrummaa yoo dandeenye hiddaan buqqifna, yoo dadhabne ilmaan itti guddifna” jedhan ABOnis WBO har’aa itti guddisee mitii? Ijoolleen tun jabaattee qabsoo kana galiidhaan yoo geesse diinaa ala kan itti hin gammdne jiraa? Abbaan Biyyummaa Oromoo yoo mirkanaa’e; yoo Oromiyaa bilisoomte, warra diina ykn/fi alagaa tajaajilaa jiraachuuf fedhii qabanirraa kan hafe kun bu’aa Oromoo maraatii mitii? Sadarkaa WBOn har’a irra gahe kun nu boonsisuu hin qabuu? Abdii nutti horuu hin qabuu?  

Ani akkan yaadu fi ilaalutti, dubbiin dubbii dhimmoota afran kanaa ti. Anatu caalaa beekaa, oftuulummaa, jibbinsa, hinaaffaa fi xiiqii. Warri biyya alaa taa’anii WBOrratti olola oofan sababa mataa isaanii qabaachuu danda’anis garuu ani akkan hubadhutti osoo wareegama barbaachisu hin kaffalin; biyya nagaa keessa (comfort zone) taa’anii garuu WBOtti abbaa ta’uu barbaadan natti fakkaatu. Warra anatu caala beekaa fi oftuulummaa qaban natti fakkaatu. Karaa kanaan dadhabamnaan sababa adda addaa uumuudhaan jibbinsa, hinaaaffaa fi xiiqii qaban agarsiisaa waan jiran fakkaatu.

Keessumaayuu waayeen xiiqii kun balaa inni fide waanum argaa turree fi jirru dha. Qabsaa’otni umrii isaanii guutuu QBO keessatti fixani tokko tokko, boodarra PPtti makamuun yookaan caalisanii taa’uun isaanii xiiqiirraa ka’aniitii mitii? Jibbinsi fi hinaaffaan namootni akka dhuunfaatti walirraa qaban tanaan duras rakkoo hin fidnee? QBO hin gaagaanee? Anatu caalaa beekaan sakaallaa hin uumnee? Kuni hunduu walitti dabalamanii diinota alaatiif qaawwa hin uumnee? Balbala ykn karaa hin bannee? Al-kallattiidhaan diina alaatiif tumsa hin taanee? Maaliif kana hubachuun dadhabameree? Kan dabrerraa barachuun maaliif nama dhiba? Yeroo diini yoomiyyuu caalaa tokkummaa cimsatee, humna isaas jabeeffatee nu fixuuf tattaafachaa jirutti, maaliif tokkummaan Oromoo akka diigamu yaalama? Gaafiilee dhuma hin qabne!!!!!!!!!

Dhumarratti barreeffama kiyya osoo hin xumurin dura dhaamsa Oromummaa gabaabaa dabarfachuun barbaada.

Warra WBOrratti olola oofaniif

Warra WBOrratti olola oofanii fi ijoollee tana jidduutti rakkoo uumuuf tattaaffatan, kun dogoggora seenaa ti. Lafee fi dhiiga wareegamtoota QBO itti qoosuu ta’a. Dararama uummatni keenya keessa jiru dagachuu dha. Diina saba keenya balleessuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiruuf karaa banuu dha; qaawwa uumuu dha; mooraa QBO laaffisuu fi laamshessuu dha. Yoo badiin nurra gahe, akka sabaatti hunda keenyatu bada. OPDO dabalatee hunduu dabaree ofii eeggatee baduun waan hin oolle ta’a. Gaafiin gaafii tartiibaa qofaa dha. Dura Sabboontota irraa calqaba malee Oromoo ta’ee kan badiirraa hafu hin jiraatu. Hinaaffaan, jibbinsi fi xiiqiin balaa guddaa fidu. Kana hundaa hubadhaatii olola walirratti oofuu dhaabaa. Gaafiin gaafii taayitaa yoo ta’es, waan lafa hin jirreef balaa uumuun bu’aa hin qabu. Yoo Oromiyaan bilisoomte hunduu abbaa taayitaa ti; abbaa qabeenyaa ti; abbaa biyyaa ti. Dhugaa kana hubachuun barbaachisaa dha.

Waraan Bilisummaa Oromoo (WBO)f

Miseensotni jaarmayaa ABO Obbolaa keessani, mul’ata tokko, kaayyoo tokko, galii tokko qabdu jedheen amana. Isin dhaloota gabrummaa jiile fi isa kanatti xumura godhuuf lubbuu keessan kennitanii kufaa kuffisaa jirtan, Haala ulfaataa keessa jirtanis, obsallee qabaadhaa. Qabsoo hadhooftuu kana keessatti waa hundatu obsa gaafata. Kana isin caalaa kan beeku ni jira jedhe hin yaadu. Hunda caalaa immoo jaarmayaa ABO-WBO keessa qulqullinni (honesty) fi iftoominni (transparency) akka jiraatu godhaa. Dhaloota qaroome (smart generation) akka taatanitti qabsoo kana cimsitanii, injifannoodhaan galtanii; gabrumma kanatti xumura akka gootan shakkiin hin jiru. Ayyaanni Oromoo isin bira jira. Jabaadhaa!!!

Onkoloolessa bara 2023.

 


Similar posts:

DHALOOTA JIILE

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni