Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?

Published Nov. 4, 2022, 6:15 a.m. by FNN

423



 

Araarri Adda Bilisa-baasaa Uummata Tigiraay (ABUT) fi  Bilxiginnaa (PP) gidduutti tahe utuu hin bulin cabee jira. Mootummaan ammallee xiyyara nama maleeyyiin rukuttaa magaalota kan akka Maycawu faa irratti gaggeesuutu dhagahame.

Obbo Geetachoo Reddaa faa waan gammadan hin fakkaatu araaricjarratti. Buquun isaa cabee ture. Waan mataa bowwoo qabu fakkaata ture yeroo qabxiilee walii galtee sana dubbisee harka rukutan. Obbo Geetachoon harka aluma tokko walitti sukkiume malee hin rukunne ture.

Kun kan mullisu dhiibbaa cimaan akka turee dha. 

Walumaa gala ABUT waanta injifatamuu fudhatan fakkaata qabiyyee waliigaltee irraati.

Waanti nama dhibu akkamiin hooggantoota ABO bara 2018 nagaan qabsoofna jedhanii Finfinnee galan irraa barachuu dhiisan kan jedhuu dha. Yoo mootummaa kana amananii Tigiraay jiraanna jedhan jarri PP tokko tokkoon  funaantee mana hidhaa keessi. Ajjeesuullee malti.

Waanti ta'uu malu ykn TDF ABUT irraa cituun akkuma ABO/WBO bosonatti deebi'uun qabsoo riphe lolaa gaggeessuu malu. Yoo dadhabaniiru tahe garuu harka kennachuu malu jechuun hiikkachuu malu. Ha ta'uuti kamtu ta'uu mala jechuun %100 afaan guutuun haasa'uun nama rakkisa. Sababiin isaas meeshaa hiikkachuu inni jedhu akka waanta ABUT mariif hin dhiheessine fakkaata ture. Ha ta'u malee walii galtee irratti loltootni ABUT torban 1 keessatti hiikkachuu qabu jechuun waliif galan.

Waanti gadi-fageenyaan irratti hin mariyatin waa'ee Ertiraa ti. Ertiraan qaama waliigaltee kanaa waanta hin taaneef lola itti fufuu malti. Yoo sun tahemmoo waliigalteen sun hojiirra hin oolu jechuu dha. Garuu irra dibuun humni allaa akka waliigaltee hin gufachiifne kaasaniiru, Ertiraa hin jenne malee.

Kan biraan waanti waa'een lafa Tigiraay naannoo Amaaraan fudhatamee jiruu (Lixa Tigiraay fi Kibba Tigiraay ykn Walqayti Xagadee faa) iftoominaan hin kaafne; daangaan keessaa kaa heera biyyaatti eegama duwwaa jechuun bira darban.

Gaazexeessitooti biyya alaa akkam ABUT ABO/WBO mariisisaniiruu kan jedhuu fi hariiroon isaan silumaayyuu cimaa hin turree jechuun kan gaafanis ni jiru. Deebii isaa hooggansa ABO/WBO tiif dhiifna gaaffii kana. Haa ta'u malee yeroo ABUT fi OPDO waliin turanis qabsoon Oromoo dhaabbatee hin beeku. Qabsoon Oromoo Sadaasa 2020 yeroo ABUT fi PPn wallloluu jalqabanis hin jalqabne.

Kanaaf araarri kun milkaa'es milkaa'uu baayee qabsoo Oromoo waan dhaabu miti.  

Isin waan araara ABUT fi PP maaltu isinitti dhagahame?

Yaada keessan nuuf qoodaa.


Similar posts:

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Sabboontota fi diina Oromoo

Ethiopian government's aerial attack kills hundreds of Oromo civilians

Mariin nageenya dhuma torbee kanaatti geggeeffamuuf ture dheereffamuu fi Uhuruu keniyataan Jaarsummaa keessaa bahuun gabaafame