Mootummaan dirqiin qeerroo fi qarree gara waraanaatti ergaa jira | Oduu garagaraa

Published Oct. 8, 2022, 3:56 p.m. by FNN

474



1

Gaazzixeessitoonni ONN lamaanii fi Kanneen isaan waliin himataman namoonni 17 kaleessa mana murtiitti dhihaatan.

Miseensotni Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa labsitan jedhamuun  galmee Qaasim Abdullaahii jalatti himataman namootni 17  fi gaazzexeessitoota ONN  Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu  kaleessa Onkoloolessa 07,2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Calcaliitti dhihaataniiru.

Mirgi wabii isaan gaafatan hanga ammaatti kan hojii irra hin ooliniif yoo ta’u, dhaddacha kaleessa ooleen ragaan biraa dhihaatuun hubatameera. Ragaan dhihaates akka barbaadanitti ta’uu waan dadhabeef Abbaan Alangaa addaan kuteera.

Manni Murtii beellama biraa Akka Lakkoobsa Itophiyaatti ji’a itti aanu gaafa 24,2015tti qabuu maddeen ifoomsaniiru.

2

Godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaatii dargaggoota mallaqaan sossobuu fi dirqiin qabanii gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuu namoonni nuti dubbifne addaa adda hubachiisan.

Erga dhihoo kanaa Godinoota Oromiyaa garagaraa keessaa dargaggoota humnaa fi gowwoomsaa maallaqaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun bal'inaan mul'ataa jira.

Kan nama ajaa'ibu garuu ijoolleen waggaa 14 fi 15 illee hin caalle duula Kanaan guuramaa jiraachuu magaalota Oromiyaa addaa addaa irraa namoota dubbifnee jirra.

3

𝐆𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐆𝐮𝐝𝐮𝐫𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐰𝐞𝐞𝐫𝐚𝐫𝐫𝐢 𝐪𝐢𝐧𝐝𝐚’𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐝𝐡𝐚𝐭𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐦𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐅𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐔𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐞𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐞

Hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa fi Faannoon weerara qinda’aa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu keessatti ummata Oromoo meesha-maleeyyii irratti deemsisan itti fufaniiru jechuun SBO  gabaaseera.

Onkoloolessa 06,2022 Ona Amuruu ganda Lum’aa Waallii jedhamu keessatti namootni 3 hawaasa keessatti dhageettii qaban humnoota kanaan ajjeefamuu  gabaaseera.

1) Obbo Abuu Jaarsoo

2) Obbo Abarraa Nugusaa fi

3) Obbo Guutamaa Nugusaa lamaan isaaniituu obbolaa kan ta’an goolessitoota kanaan ajjeesamaniiru.

Lolli Ona kana keessatti ummata nagaa irratti deemsisamu ammallee itti fufee akka jiraachuudha kan gabaafama jiru.

4

Godina Arsii lixaa onaa Eebaan Arsii keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi mana hidhaatii baasanii ajjeessani gatuun hammaate jiraachuun himame.

Gareen fashistii PP Oromiyaa cufaa keessatti waraana isa bobbaasun ilmaan Oromoo badii tokko malee qabee hidhuun, yeroo barbaadetti ammoo mana hidhaatii baasee ajjeesse gatuu goleewwaan Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti gochaan kun raawwatamaa jiraachuu gabaasaa turreerra.

Akkan kanan godina Arsii lixa onaa Eebaan Arsii ganda Argadda Shaddoo keessaa Onkoloolessa 1,2022 dargaggoo Hirphaa Mi'eessoo kan jedhamu baatiilee hedduuf ergaa mana hidhaatti daraara turanin booda haalkan dhoksaan mana hidhaatii baasuun bosonaa keessatti akka ajjeessaani gatan jiraattonni naannichaa ni dubbatu.

Dargaggoo Hirphaa maatiin isa ergaa mana hidhaatii dhabanii hordooffi tasisaanin 

guyyaa lama booda reeffi isa bosonaa keessaa argamuu fi maatiin reeffa isaa bosona keessaa fudhatee awwaallachuu maddeen gabaasaniiru.


 


Similar posts:

There are no similar posts yet.