'Ethiopia keessatti Buqqaatiin sababa misooma koriidarii 'fedhii abbootii qabeenyaa daangesse jedhame.
Published Sept. 30, 2025, 5:23 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Pirojeltiin misooma koriidarii jirattonniiifi daldaltoonni "kumootaman lakkaa'aman" akeekkachiisa gahaa malee akka ari'aman taasise "fedhii abbootiin qabeenyaa misooma invastimantiiratti bobba'uuf qaban daangessuu" gabaasni mootummaa Ameerikaa ibse.
Walitti bu'insawwaniifi garaa garummaan sharafa alaa "irra deebiyee bal'achuu" kan eere gabaasni kun, haalli invastimantii Itoophiyaa "Ameerikaa fi daldalawwan alaa birootiif qormaatadha" jechuunis gamaggameera.
Mootummaan Ameerikaa gabaasa gamaggama isaa kanaa kan baase ibsa haala invastimantii waggaa waggaan qopheessu Jimaata Fulbaana 26, 2025 kenneen ture.
Kampaaniiwan Ameerikaa "murtee ragaarratti hundaa'e akka dabarsan" taasisuuf gabaasni Ministeera Dhimma Alaatiin qophaa'u kun, haalli invastimantii biyyoota 170 hangam mijataa akka ta'e ilaaleera.
Gabaasni Ameerikaa kun Itoophiyaa ilaalchisuun akka yaaddootti kan kaase keessaa tokko Finfinneetti jalqabee magaalota biyyattii 40 keessatti gaggeeffamaa kan jiru pirojektii misooma koriidaraati.
Similar posts:
There are no similar posts yet.