Bilxiginnaan diigamaa jira

Published Nov. 25, 2022, 4:34 a.m. by FNN

369



Hattuun yeroo hattu utuu hin ta'in yeroo hirmaannaa wal lolti.

Bilxiginnaan Gidduutt jeequmsi guddaan ka’ejira.

Lolli Bilxiginnaa gidduutti ka'ee jiru kunis:-

 

1ffaa. Lola garee ijaarsa pirojektii Impaayera Itoophiyaa fi garee hannaa fi Saamichaa gidduu jiru.

1. Gareen hannaafi saamichaa Kaabinoota mootummaa maqaa Shaneetiin nama haluu/haaloo bahuu, Shanee dahoo godhachuun qaamni nageenyaas kontiroobaandii waarra daldaluu Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa, Awwal Abdii, Araarsaa Mardaasaa, Girmaa Galaan, Dachaasaa Bitimaa, Dammallash G.Mikaa'el, Yohaannis Mitikkuu fa'a fi Garee ijaarsa pirojektii Impaayera Itoophiyaa fi Oronummaa waggaa kuma tokkoof cabsuun sirna nafxanyaa leellisu Koloneel Abiyyi Ahimed, Taayyee Danda'aa, Hangaasaa Ibiraahim fa'a giddutti lola ka'een Saadasa 06/2015 Abiyyi ashaangullitii (Paarlamaa) isaatti lafti harka hattuu fi dallaalaa galuu aariin dubbatee koree farra hattuu hundeessuun beeksisuu isaa Taayyeen barreessaa jiru ragaa guddaadha.

2. Gareen hannaafi Saamichaa Oromiyaa irra jiru kun caasaan isaa cimaadha.

3. Kan isaan irratti bobba'anii saamaa jiran Lafa, Simmintoo, caatii fi kkf dha fkn Godina Addaa Naannawa Finfinnee diiguun magaalaa Shaggar jechuun beekamtii Heeraa fi Seeraa malee lafa baadiyaa magaalatti hammachiisuun isa guddaadha.

2ffaa. Lola Paarlamaa keessatti ka'ee jiruudha.

1. Gareen kun immoo garee quuqama qabu "maqaa Shanee jedhuun Uummata Oromoo dirioniin fixaa jirtu dhaabbachuu qaba" jedhanii garee Oromoo fi Oromiyaa balleessuun pirojektii ijaarsa Impaayera Itoophiyaa leellisan gidduutti ka'eedha.

2. Yeroo ammaa Heera mootummaa diiguun paarlaamaan dhoksaan walgahii taa'aa oolu. Akka heera biyya kanatti silaa bakka bu'aan Uummataa yeroo walga'u iftoomaan tamsaasa kallattiin darbuu qaba. Amma garuu sababa lolli guddaan Amaaraafi Oromoo gidduutti, Oromiyaa Lixaa, Oromiyaa Kibbaa fi Bilxiginnaa giddu galeessa gidduutti lolli hamaan ka'ee waan jiruuf guyya guyyatti wal nyaachaa jiru.

3ffaa. Lola Miseensota Bilxiginnaa gidduutti ka'ee jiru.

1. Miseensotni bilxiginnaa hojjetoota mootummaa ta'an miseensota bilxiginnaa giddu galeessaa fi miseensota bilxiginnaa godinaalee Oromiyaa Lixaa, Kibbaa, Kaabaa fi Bahaa gidduutti walqoqqooduun lola guddaatu jira.

2. Miseensotni bilxiginnaa giddu galeessaa warra garee hannaa fi saamichaa deggeran, faayidaa xixiqqoo durgoo, sadarkaa guddinaa, dursaa garee, daayireekteera ta'uuf warra qabsaa'anii fi warra dhugaan qabsaa'an Oromoon hin kabajamne, waraanan dhumaa jiraa, beelaan dhumaa jira jedhanii falman giddutti lolli ulfaataan ka'ee jeequmsa guddaa keessa jiru.

4ffaa. Garee Xawalwaallee 

1. Gareen kun warruma kaleessa TPLF jala fiiganii Oromoo fixaa turan harra immoo qaama jijjiiramaa of fakkeessuun takka TPLF warra arrabsanii nafxanyaa gammachiisan takka warra WBO xiqqeesanii nafxanyaa faarsan diqaalota warra ta'aniidha.

2. Gareen kun warra gar-lamee lafa itti o'e sirban, warra dhaabbii hin qabne, warra garaa guuttachuuf jiraattuudha.


Similar posts:

OLA's Propositions for Resolving the Political and Economic Instability in Ethiopia

OLF-OLA sends an open letter to the Kenyan government

A briefing by the OLF-OLA commander Jaal Marro Diriba on 2nd round of peace talks

Paul Bernard Henze, a CIA Operative and Journalist's Advice to Meles to Destroy OLF