Inni Waggaa tokko Duraa Hardhas haaraa dha!

Published June 29, 2021, 12:04 p.m. by FNN

547



Ajjeechaa Hacaaluu Ilaalchisee:
 
Ibsa Gadda Oromoota Biyya Jarmanii, Adoolessa 1, 2020
Qabsaa‘an ni kufa! Qabsoon itti fufa!
Nuti, ilmaan Oromoo biyya Jarmanii jiraannu walummaa galatti, yeroo ajjechaa sukanneessaa obboleessaa keenya artisti Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame dhageenye, gadda fi aarii daangaa hin qabne kan nuti dhaga’ame tahuu ibsina.
Gocha sukanneessaa goota keenya irratti raawwatame, sagalee cimaan balaaleffanna. Maatii isaa, firoota fi hiriyoota isaa, walummaa galatti uummata Oromoof, jajjabina hawwiina...
Artist Hacaaluun hin duune; yoomiyyuu onnee dhalataa Oromoo keessa, bara baraan jiraata. Hojiin Haacaaluu galmee seenaa Oromoo keessatti bakka olaanaa qabaa, ni jiraata. Haacaaluun har’a nu waliin hin jiru. Umurii isaa gabaabaa kana keessatti, hanga ilmii Oromoo tokko gochuu qabuu olitti, guyyaa tokko naan dadhabe osoo hin jenne, dhugaa Oromoo sodaa tokko malee, bakka hundaatti lallabaa ture. Haa ta’u egaa, goota qaxalee kana, diinoti Oromoo, yeroo male nurraa butan.
Ajjeechaa goota keenya Haacaaluu irratti raawwatame, kan itti gaafatamu, mootummaa Nafxanyaa Dr. Abiyyiin durfamu tahu mamii hin qabnu. Yeroo ammaa, humni maqaa Biltsiginna jedhuun aangoo mootummaan dhuunfate kun, sirna nafxanyaa durii suphuun Oromoo fi Oromiyaa irratti gooftummaa isaanii deebisuuf, Ilmaan Oromoo jumlaan fixaa, qeyee fi qabeenyaa isaanii mancaasaa fi akkuma gita koloneeffataa irraa eegamutti ilmaan Oromoo qaroo tahan adeemsee dhabamsiisaa, walumaagala sirna fashistumaa dagaagsuuf muddamaa jira. Ajjeechaan Hacaaluu, Oromoo akka ummataatti dhabamsiisuuf duula qaroo Oromoo fixuu baldhinaan gaggeessaa jiran keessaa isa tokko dha. Oromoo irratti sirna Nafxagna deebisuun ammoo yoo hundi keenya duunee dhumne male abadan hin milkooftu!
Yaa uummata Oromoo! Gumaa Hacaaluu kan baasnuu, hawwii fi muldhii isaa kan tahe, ajjeechaa, saaminsaa fi gidiraa baroota dheeraaf ummata Oromoo irratti dagaagfamee itti fufaa jiru dhabamsiisuun,  walabummaa Oromiyaa fi  bilisummaa Oromoo dhugoomsuu waan taheef, qabsoo ummata Oromoo gootota qaqqaalii itti dhabaa as geenye, abbaa-biyyummaa Oromoo mirkaneessuun xumuruuf, tokkummaa keenya cimsnee, kutannoo, onnee fi afuura tokkoon qabsoo itti fufuuf irbuu keenya haaromsina. Ilmaan Oromoo guutuu Oromiyaa marti, kaayyoo gootota keenya nu biraa kufanii galmaan gahuuf akka nama tokkotti harka wal qabannee akka kaanu waamicha dhiheessina.
Nuti ilmaan Oromoo biyya Jarmanii jiraannu, qabsoo hadhooftuu biyyaa keessatti, wareegama qeerroo fi qarreen, walumaagala ummatni Oromoo baasaa jiru ni dinqisiifanna, ni kabajna. Garbummaan dhalootaan nutti dabre asi irratti xumuramuu qaba jedhna. Imimmaan haadholii Oromoo kan qooru, hidhaa, ajjeechaa, saminsi fi dararamuun Oromoo kan irraa dhaabatu, gaafa sirni alagaa irraa buqqa’ee, Oromoon aadaa fi safuu isaatiin wal bulchuu jalqabu qofaa dha.
Kana dhugoomsuuf, nuti ilmaan Oromoo biyya Jarmanii, yoomuu caala tokkummaa keenya cimsuun, qabsoo bilisummaa Oromoo wanna humna keessa jiru hundaan bira dhaabachuuf waadaa keenya irra deebinee ibsina. Gumaan Hacaaluu fi gootawwan qabsoo Oromoo biroos, bilisummaa Oromiyaa ti!
Qabsa‘an ni kufa! Qabsoon itti fufa!
Oromiyaan qabsoo fi dhiiga ilmaan isheetiin ni bilisoomti!
 
Injifannoo Ummata Oromoof!
Oromoota Biyyaa Jarmanii

Similar posts:

There are no similar posts yet.