Biyyoonni Afrikaa sadii lammileen Ameerikaa akka garas hin imale qoqobbii Viizaafi uggura imala kaa’ani

Published Jan. 1, 2026, 1:14 p.m. by FNN Staff

423



ODUU FNN

 Biyyoonni Afrikaa sadii Nijeer, Burkinaafaasoofi Maaliin Lammileen Ameerikaa akka gara biyya isaanii hin imale uggura viizaa ka’uu ibsani. Kunis murtee Pireezidaantiin Ameerikaa Tiraamphi mudde 07, bara 2025 Laamileen biyyoota kan sadeen dabalate Lammilee Afrikaa hedduun akka Ameerikaa hin seene murtee dabarsuu hordofee haaloo bahuufi akka ta’e ibsameera.

Biyyoonni Afrikaa kuni sadeen tarkaanfiin fudhatan haala qajeeltoowwaan Idil-Addunyaa kan hordofeefi mirgi wali kabajuufi wali qixxummaa walabaa akka jiraatus waamicha taasisaniru. Biyyoonni sadeen kuni biyya hoggaantonni waraana isaanii fonqolcha mootummaa raawwachuu humnaan angoo qabatani bulchaa jiranidha.

Uggurri Viizaa Ameerikaan biyyoota Afrikaa gara 40 olii irra keesse kuni Amajjii 01, bara 2026 irraa eegale  hojii irraa akka oolu himame jira. Biyyoonni Lixaa Afrika sadeen kuni  murtee Ameerikaa kanafi deebbii kennuufi tarkanfii kan fudhachu ibsaniru. Ameerikaan gama isheetiin ugguriifi qoqobbiin imala labasame kuni  hanga biyyoonni kuni foyya’iinsa gaarii argsisanitti kan turudha jette.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame