Uummanni Oromoo daangaalee naannoo Amaaraatin jiran finxaaleyyii Faannotiin ajjeefamaa jiraachuun barame.

Published Sept. 9, 2025, 10:16 a.m. by FNN Staff

494



Uummanni Oromoo daangaalee naannoo Amaaraatin jiran finxaaleyyii Faannotiin ajjeefamaa jiraachuun barame.

 

ODUU FNN

Uummanni Oromoo daangaa  naannoo Amaaratirra jiran irra deddeebiin ajjeeffamaa jiraachuu jiraattonni godinaalee gara gara irra deddeebiin dubbachaa jiraachuu maddeen ifoomsanii jiru.

 

Torbanootuma darbe kana keessa Horroo Guduruu Aabee Dongorootti humnootuma Kanaan yoo xinnate namoonni 30 ol yoo ajjeeffaman, kumoota heeduutti kan lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irra buqa’uus himanii jiru.kana malees qabeenya isaanii samamanii yeroo ammaa kana beela fi eddo jireenyaa dhabuun hedduu dararamaa jiraachuus ibsamee jira.

 

Ummanni finxaaleyyii kanaan buqqa’an manguddoota ummuriin jaaraan, daa’immaan xixinnoo maatii hin qabnee fi dubartoota deessuun keessatti kan argaman ta’uus ni beekkama.

 

Jalqabumaa mootummaan deeggarsa nuuf godhe hin qabu, jarri qabeenya keenyarraa nu buqqisan, kuni lafti keenya nuun jedhanii namoota hedduu nu biraa ajjeesanii nuun ammoo qe’ee keenyaa nu ari’an, yeroo ammaa kanas daa’imman maatiin irraa dhuman waan laannuufi obaasnu dhabnee rakkachaa jirra, bakka bulluu fi waan nyaannus hin qabnu, Ummanni nuuf birmadhaa jechudhaan sagalee isaaniis dhageechifatanii jiru.

 

Kana malees godinaalee kanneen akka salaalee fi kanneen biroo naannoo Amaaraa daangessan irratti ummanni nagaa finxaaleyyii Kanaan ajjeeffama fi qe’eerraa buqqa’aa turuun ni beekkama.

 

Rakkoo uummamu kanaaf mootumma naannoo Oromiyaas ta’ee, mootummaan Federaalaa callisee ilaalaa waan jiruuf furmaata dhabnee dhumaa jirra jedhan.kanaaf qaamni deebii nuuf kennu waan hin jirreef falli nuti qabnu tokkumaadhaan hidhannee diina qe’eerraa nu buqqisaa jiru kana ofirraa qolachuu qofa jedhan ummanni godinaalee Oromiyaa gara garaa.

 

 Kana malees kan nu ajjeesisaa jiru sirna PPti waan ta’eef qaamoonni kunneen ajaja fudhatanii gocha kana nurratti raawwachaa waan jiraniif sirni kun yoomiyyuu diina Oromoo ta’uu nu hubachiisa jedhan.

 


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.