Israa'el Qondaalota Haamaas irratti Haleellaa raawwatte

Published Sept. 9, 2025, 6:55 p.m. by FNN Staff

348



ODUU FNN

sraa'el Qondaalota Haamaas irratti Haleellaa raawwatte.

Israa’el Magaalaa guddoo Kaataar keessatti qondaalota ol'aanoo Hamaas irratti haleellaa cimaa raawwachuu beeksifteen, qondaala nageenyaa dabalatee namoota 6 ajjeesuun mirkanaa’e.

Haleellaa waraanni Israa'el Dohaa keessatti qondaalota Hamaas ol'aanoo irratti raawwatteen, Hoggantoonni Hamas haleellaa kanarraa yoo hafanis, ilma hogganaa isaa Gaazaa Khalil al-Hayyaa fi gargaartota isaa keessaa tokko, akkasumas qondaanageenyaa Qaxar tokko dabalatee namoonni 6 ajjeefamuun mirkanaa’ee jira.

 Israa'el ibsa baafteen haleellaa kana amanuun, itti gaafatamumma haleella kanaa kan fudhattee yoo ta’u, haleellaa raawwatame kanaan dura meeshaa waraanaa baay'ee sirrii ta'aniifi odeeffannoo tikaa dabalataa fayyadamuu dabalatee, miidhaa namoota nagaa irra ga’u salphisuudhaaf tarkaanfiiwwan fudhatamaniidha jette.

Haamaas gama isaatiin, haleellaan Israa’el, marii dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota hiikuuf fedhii akka hin qabne kan agarsiisudha, Kun ammas yakka ta’uu irra darbee carraa waliigaltee irra ga’uu kamiyyuu kan xiqqeessuudha jette.


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.